Oromo generation

Oromo generation

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromo generation, Health/Beauty, Oromiya, Babile.

29/10/2023
03/10/2023

MAALI..?

ILAALCHI WAAN HUNDUMAADHA
/Attitude Is Everything/

Ilaalcha jeechuun akkataa sammuun keenya wanta tokko itti hubatu jechuudha.

➥ Ilaalchi jireenya dhala namaaf murteessaadha. Ilaalcha ati qabdutu si jiraachisa yookiin immoo si ajjeesa.

Ilaalchi gaariin hundee milkaa'inaati.
qabsoo jireecha jireenya injifaachuuf ilaalcha gaarii qabaachuun murteessaa dha ilaalchi gaariin firii garii namaaf laata ilaalcha gaarii qabaadhu!
Ilaalchi gaariin mataa ofii irraa eegala. namni ofii isaaf ilaalcha gaarii hin qabane namaafis ilaalcha gaarii qabaachuu hin danad'u. akkasumas, namonni ilaalcha gaarii isaaf hin qabaatani. kanaafu ilaalcha garii qabaachuun wanta hunda dursa.

"Kabaja eenyummaa keenyaa yop nuti dabarsinee kennine malee namoonni nu dura fudhachuu hin danda'an " Mahaatama Gaandii ofii kee kabaji

Namni kabajamuufis ta'e kabajuuf ulagaan barbaachisu namummaa qofa. garaagarummaan keenya inni guddaan garaagarummaa ilaalchaati.

✓ Yaadni keenya haala keenya geggeessa

Yoo waan tokko hojjechuu nan danda'a jettee yaadde, sana booda ni dandeessa. Yoo hin danda'u jettee yaadde, sana booda hin dandeessu.

Karaa kamiinuu ilaalchi kee bu'aa kee irratti dhiibbaa waan qabuuf sirrii dha

✓. Ilaalchi kee calaqqee sammuuti.

Calaqqee ifaa bakka negetiivii hin fayyadamiin.

"Hin danda'u" jechuu mannaa "nan danda'a" jechuu qabda. Achiis, yeroo foddaan kee qulqulluu taʼu, dhumarratti addunyaan kun wantoota gaarii taʼaniin akka guutamte hubachuu dandeessa.

✓. Yaadni gaariin milkaa'ina hawwata

Bu’uuraan nuti maagneetii namaati. Waan gaariifi bu'aa gaarii yoo yaadne milkaa'inni itti aanee jiraata. Waan yaadnu taana.

✓. Mul'achuun ogummaa ijoollummaa irraa barannudha.

Dubbistoonni fiilmii sammuu sammuu isaanii keessatti akka uumaan jajjabeeffamu, boqonnaa tokkoon tokkoon isaanii gara galma dhumaa galmaan gahuu barbaadanitti harkisa.

✓. Waan fedhe hojjedhu

Waan barbaadde argachuuf waan barbaachisu hunda gochuuf fedhii qabaachuu kana. Kanaafuu waadaa kana ofiif g

Photos from ‎Hamiltan TV قناة هملتن‎'s post 17/09/2023
12/09/2023

GOSOOTA MATAA DHUKKUBBII
***************************
Mataa dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta'u, kanneen armaan gadii kun sadan warreen hawaasa baay'inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabudha.
***************************

1. GOSA MATAA DHUKKUBBII TEENSHINII (Tension Type Headache) [Fakkii: A] kan jedhamu kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha. Mataa dhukkubbiin kun, mallattoo dabalataa hin qabu, mataa dhukkubbii qofa! Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka “paracetamol” fi kkf (ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutumaa guututti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uufaa waliin walqabata. [Fakkii A]
***************************

2. MATAA DHUKKUBBII MAAYIGIREENII (Migraine Headache) [Fakkii: B]: Inni kun dhukkubbii isaa baayyee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha. Mataa dhukkubbii isa yeroo hedduu mataa gama tokkoon hiree kan dhukkubu, dhukkuubbii mataa keessaa nama dha’atu (throbbing), kan namatti cimaa deemu, yoo takkaa dhukkubuu eegalu sa’atii muraasaa haga guyyaa sadillee turuu kan danda’u, sochii (activity) irraan kan nama eegalu dha. Maayigreeniin mataa dhukkubbii irratti dabalataan, mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuun isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan ziig zaag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dadhabuu fi kanneen biroo argisiisa. Yeroo kana namoonni mataa dhukkubbii gosa kana qaban akka mataan dhukkubbii kun isaanitti ka'uuf jedhu ni beeku.
Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee ol ka’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha. Waan nutti kaasu beeknee, akkuma dhuunfaa keenyaatti irraa fagaachuu qabna. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha xixiqqaa mataa dhukkubbiif fudhannuun yoo dhiisuu dide hospitaala deemnee qoricha ogeeyyii yaalaan ajajamu fudhachuu qabna.
***************************

3. MATAA DHUKKUBBII KILAASTERII (Cluster Headache) [Fakkii: C]: Inni kun gosoota mataa dhukkubbii bal'aa trigeminal autonomic cephalgia jedhamu keessatti kan argamu ta'ee, mataa gam tokko (bitaa ykn mirga) qofa, naannoo ijaa kan dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan mallattoowwan: ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu, ija diimessuu fi funyaan cufuu agarsiisa. Ciminni dhukkubbii isaa garmalee hamaa, dhukkubbii mataa kanneen biroo irra kan caaludha. Dhukkubbiin isaa yoo jalqabu naannoo ijaa irraan kan eegalu, akka mataa dhukkubbii gosa kaanii suuta jedhee osoo hin taane, akka tasaa takkaa dhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’uudha. Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuu fi yeroo tokko tokko irriba keessaallee nama kaasa. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hin beekamne yoo ta’u, kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan akkka darbu ibsu. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan ni kennamu.
***************************
Fayyaan Faaya.

11/11/2022

"Guyyaa tokko Albert Anestain magaalaa keessa osoo deemuu dargaggoonni arganii waa'ee isaa osoo haasawaa jiranii gurbaa inni tokko fiigaa dhaqee duubaan isa dhiite. Albert ijumaan isa ilaaleet fuuldura isaatti qajeele deemsa. Gurbichi ammas duukaa fiigeet dhiite. Albert ammas callisee deemsa itti fufe.

Namoonni gocha kana ilaalaa turan Albert bira gahanii " mucaa kana maalif hin rukunne ykn seeratti hin himanne ? " jedhaniin. Albert akkas isaaniin jedhe " dhaabbadhee yoon gurbaa kana rukute bakkan deemuuf ka'e dafee hin gahu natti barfata. Kanaafuu kaayyoon manaa baheef sana hin milkeessu jechuudha . Akkan hin himanneefimmoo manni murtii Harree hin jiru, silaa kan nama dhiitu harreedha " jedheenit deemsa isaa itti fufe .

◈ Deemsa keessan waan hin taaneen hin gufatinaa!"

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Babile?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Oromiya
Babile
JABBEE