Seenaa lamii
Qaba jettees hin boonin! Dhabe jettees hin boohin! Maaltu beeka kan boruu,
Eessatti akka nuun gorru!
21/08/2026
Tokkummaan humna.
14/07/2026
Addunyaa kana irra maraatuu lamatu jira. Isaanis Amantii fi siyaasadha.
~Namoonni siyaasaa yaadota abdii namaaf kennu tasumaa sitti hin himani. Namoota siyaasa gidduutti hiriyaa tasumaa hin argattu, argachuus hin dandeessu.
~Namni siyaasaa dhukkuba sammuutiin kan guuttamedha.kanaafuu haasaa namoota siyaasaa hin fudhatiin jedhee namoota siyaasaa yeroo balaaleffatu
~Amantaa ilaalchisee Namni tokko amantaa malee jiraachuu danda'a, amantaa tokko garuu nama malee gonkumaa jiraachuu hin danda'uu jedhe Oshoon.
04/07/2026
Meetiishaa baga guyyaa cidha keetiin si gahe.
28/06/2026
Baalageen amma lafa irra ejjatu nama irra ejjatti.
Hayyuuf kabajaa fi ulfinatu malaaf.ammallee umurii nuuf haa dheeratani
26/06/2026
Hoolichi hobobsaa manaa isaa keessa bahee bade sun marrachaa gara gorannoo isaatti deebi'eera. Baga nagaan deebi'e, jireenyuma lafarraa kanatu kana qaba
29/04/2026
Jabduu amma jettu geessu kana goota jedhee namni yaade beeku tokko illee hin jiruu, waan ta'ee hundaa isiniif waaqayyotu beeka hundaafuu
Lubbuu kee jennataan haa qananiisukaa yaa BooniiðŸ˜ðŸ˜ðŸ˜ðŸ˜ðŸ˜ðŸ˜
25/01/2026
Har'a Warra Manchester kana stadium'dhaa hanga birbirsa goorootti ariinet garafna. 3:1
17/01/2026
‎
‎
‎ 1
‎...gooddoo!
‎
‎waan hamma mixii tu, waan hamma goondaa tu, si'i waan hamma jirmaa fuudhee oliif gad deddeemaam?! hoodaam! boolla kanas boolla sanas lixee bahaam. oliif gad harkisaa, rakkisaa!
‎
‎jaarsa tu tamboo bixxillee jaartii baachifatee gabaa dafinoo bahan. jaartiin dhoksitee tamboo irraa qunxurattee gurgurti, ashaboo fi kuyyisee (qimamii) ittiin bitattee galuuf. jaarsi immoo san waan beekuuf irraa hin deemuu, ishee qorqora. isa isheen seertee / murtee gurgurtu kiisha kaahata. ittiin dhuga, sanyoo isaa waliin.
‎
‎yo gabaan dhuftu, quba lama, ykn sadii, ykn afur, ykn shan, akka humna gabaatti, bixxillee tamboo dikee sa'aa fakkaatu, quba irra kaahanii muru, ykn seeru, gurguru. gatiin hammuma qubaa dabala.
‎
‎kichuu tamboo tu ciramee tumamee bixxillee taha. inni bitu, follossee xiqqeessee hidhii jala kaawata, daaraa ho'aatiin makee, akka abbaa margaa, ligdii warqeetti.
‎
‎"seeruu" jechi jedhu, sibu, maccatti, tokko sararanii "muruu" dha, tokko immoo qaama saalaa dhiiraa ti.
‎
‎...jaartiin jaarsatti aartee tu,
‎
‎ -asitii seeruu abbaa bantii?
‎
‎ -seeri haadha bantii
‎
‎...jaartiin qorqoraa jaarsaa aartee tu, isa inni olii-gad deddeemus inaaftee tu, asitti seeruu?! ittiin jetti. seeri! ittiin jedha, seeruu isaatti waa haa dhufuu!
‎
‎waan hamma mixii tu, waan hamma goondaa tu nama hamma jirmaa gahu fuudhee oliif gad deddeemaa?! hoodaam!
‎
‎ boondaan rirma qotata
‎ ya warra badii
‎ goondaan jirma gotata
‎ olii-gadii!
‎
‎ boondaan beeluu dha
‎ beeluu rimixii
‎ goondaan seeruu dha
‎ seeruu hamma mixii!
‎
‎jechaa baala tamboo cirti, ijoolleen, golollisa, barii yaasaa-saree.
‎
‎ 2
‎
‎...gooddoo!
‎
‎fuudhi, siin jennaan, maalin fuudha? jette.
‎
‎dubartii fuudhi, siin jennaan, animmoo maali?! jette.
‎
‎...kan afaan kee beettu sitti haa qabu!
‎
‎yo siin jedhan, si eebbisan, ishee Afaan Oromoo dubbattu qofa jechuu
16/01/2026
Yoomiyyuu naman jaladhu,Filmiin inni keessa jiruu fi qophii inni qopheessu dhaggeeffatamee kan hin quufamne Artist Natsaannat warkineh nagaan boqodhuðŸ˜ðŸ˜ðŸ˜ðŸ˜
11/01/2026
Gabreel Abbaataachin......
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Website
Address
Bole
