Bishoftu City Health Office

Bishoftu City Health Office

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bishoftu City Health Office, Health/Beauty, Bishoftu City, Debre Zeyit.

Photos from Bishoftu City Health Office's post 20/08/2026

Kabaja torbee Harma Hoosisuu Addunyaa
Hag./2018 (Mag.Bishooftuu )
===================
Waajjirrii Fayyaa ,Magaalaa Bishooftuu, Buufata Fayyaa Kattaa keessatti, Kabajni Torbee Harma Hosisuu Addunyaa bakka
I/A/I/G Waajjira Fayyaa Magaalaa Bishooftuu Obb.Masarat Dalasaa fi Abbaan Adeemisa Taj.fayyaa Haadhoolee fi Daa'immaanii
W/ra Fayyaa Magaalaa Bishooftuu Aaddee Fireehiwoot Abbabaa argamanitti haala hoo’aa fi milkaa’aa ta’een gaggeeffameera.
Yeroo kabaja kanaa, agarsiisni nyaataa fi barnoonni fayyaa haala gaarii ta’een gaggeeffamuun, faayidaa harma haadhaa, nyaata dabalataa fi kunuunsa fayyaa daa’immanii irratti hubannoon hawaasaa akka cimu taasifameera. Akkasumas, qindoomina seektaroota garaagaraa hirmaachisuun, harma hoosisuu, nyaata madaalawaa fi fayyaa daa’immanii cimsuuf ergaan barbaachisaan hawaasaaf dabarfameera. Buufanni Fayyaa Kattaa bifa bareeda kanaan waan qophissitaaniif galatooma jenna.

Photos from Bishoftu City Health Office's post 17/08/2026

Sagantaa Gamaggama hojii bara 2018
Hagayyaa /2018 ( Bishooftuu )
======================
Waajjirrii Fayyaa Magaalaa Bishooftuu gamaggama hojii bara 2018 bakka dhaabbileen fayyaa dhuunfaa fi Mootummaa akkasumas qooda fudhattoonni jiraanitti gaggeesseera.
Sagantaa kana irratti argamuun haasaa kan taasisan I/G/tun Waajjira Fayyaa Magaalaa Bishooftuu Sr.Faasikaa Biraanuu ,
Kaayyoo Sagantaa kana milkaa’ina, hanqinaa fi rakkoolee hojii adda baasuu fi Hojii bara itti aanuuf karoora sirrii qopheessuu akkasumas Muuxannoo gaarii jiru Walii qooduun tajaajila hojii fooyyeessuuf jedhan
Raawwiin hojii bara 2018 fi Karoorrii hojii bara 2019 gama garee Karoora Waajjiratin erga dhiyaatee booda mariin bal'naan gaggeessuun kallattiin Hoggansaa Waajjiratin Kaa'ameera , dabalataanis dhaabbilee fayyaa raawwii hojii bara 2018 tin Milkaan fi qooda fudhattootaaf geeba fi waraqaa ragaa Milkaa’ina kennameera.
Dhumaratis karoora hojii bara 2019 Hoggansaa Waajjira Fayyaa Mag.Bishooftuu fi Waajjira Fayyaa Kutaa Magaalaa Duukam fi dhaabbilee fayyaa waliin Mallaatteessuu fi Biqiltuu Buufata Fayyaa Qaajimaa fi Dhibayyuu keessaa dhaabuun Sagantaan Xumurameera.
Hag./2018

Photos from Bishoftu City Health Office's post 11/08/2026

Oreenteeshinii ‘’Apache Superset & Data Quality DHIS2’’
Hagayyaa 5/2018 ( Bishooftuu )
==========================
Oreenteeshiniin ‘’Apache Superset & Data Quality DHIS2’’ ogeessota HIT fi Hoggantoota dhaabbilee fayyaa tiif kennameera.
Abbaan Adeemsaa Karoora fi Baajataa Waajjira Fayyaa Magaalaa Bishooftuu Obb. Laalisaa Tasfaayee waltajii irratti argamuun haasaa taasisaaniin Kaayyoon oreenteeshinichaa ‘’Apache Superset’’ fayyadamuun ‘’dashboard’’ fi gabaasa daataa ilaaluu, akkasumas qulqullina ragaa ‘’DHIS2’’ keessatti galmaa’u fooyyessuu fi hordofuu irratti hubannoo cimsuudha,jedhan
Ogeessii ‘’HIT’’Waajjira Fayyaa Magaalaa Bishooftuu kan ta’an Obb. Agany Alamuu oreenteeshiinii keennan keessaatti ragaa sagantaa dhukkuba ‘’TB ,HIV , Malaria and RSSH (Resilient and Sustainable system for health )'' irratti kan xiyyeefatuu ta’ee
ragaa guutuu ta’uu, sirrii ta’uu, yeroo isaa eeggatee galmaa’uu fi wal-simsiisummaa ragaa mirkaneessuuf kan qophaa’eedha.jedhan.
Dhumaratis mariin taasifamee kallattiin ka’ameera.

08/08/2026

Kabaja Torbee Harma Hoosisuu Addunyaa (World Breastfeeding Week)
Torbeen Harma Hoosisuu Addunyaa waggaa hunda Hagayya 1–7 (August 1–7) kabajama. Kaayyoon isaa harma hoosisuu jajjabeessuu, maatii fi hawaasa hubachiisuu, akkasumas fayyaa haadhaa fi daa’imaa fooyyessuu dha.
Ergaan ijoo: Daa’imni ji’oota 6 jalqabaa keessatti harma qofa haa dhugu; sana booda nyaata dabalataa waliin harma hanga waggaa 2 fi isaa olitti itti fufuun ni gorfama.
Faayidaa harma haadhaa (breastfeeding)
Harmi haadhaa daa’imaaf nyaata guutuu fi nageenya qabu dha.
Faayidaan isaa keessaa:
Daa’imaaf nyaata guutuu ji’oota 6 jalqabaa keessatti barbaachisu hunda kenna.
Dhibee irraa ittisa; keessumaa qufaa, garaa ka’uu (diarrhea), fi infekshinoota biroo hir’isa.
Guddinaa fi misooma sammuu daa’imaa ni deeggara.
Haadha fi daa’ima gidduutti hariiroo cimaa uuma.
Haadhaaf dhiiga baay’ee dhalootaa booda dhangala’uu hir’isa.
Carraa kaansarii harmaa fi kaansarii gadameessaa (ovarian cancer) hir’isuu keessatti gargaara.
Maallaqaa fi yeroo ni qusata; yeroo hunda qophaa’ee jira.

Photos from Bishoftu City Health Office's post 15/07/2026

Leenjii Ogeessota fayyaa, duula qindaa'aa kenniinsa qorichaa farra "Trachoma"
(Adoolessa 8/2018 ,Bishooftuu)
=================================
Waajjirri Fayyaa Mag. Bishooftuu Ogeessota fayyaa tiif leenjii duula qindaa'aa kenniinsa qorichaa farra "Trachoma" kennuu eegaleera.
Leenjii kana irratti argamuun haasa’a kan taasisan I/G/tun Waajjira fayyaa Magaalaa Bishooftuu Sr Faasikaa Biraanuu , Hirmaannaa hawaasaa to'annoo fi dhabamsiisa Traakoomaa milkeessuuf gahee guddaa qaba, akkasumas leenjiin kun milkaa'ina duula kenniinsa qorichaa farra Traakoomaa mirkaneessuuf baay'ee barbaachisaa dha jedhan
Qaamni leenjii kanarratti hirmaatan hoggantoota dhaabbilee fayyaa , Suparvaayizara , Ogeessota ‘’HIT’’ fi Ogeessota Ek.fayyaa kan hirmaatan yoo ta’uu leenjiin kan ittifufuu ta’aa.
Tajaajillii Duula qindoominaan kennamanis
 Tajaajila Kunuunsa Ijaa
 Sakatta'insa Kansarii Fiixee Gadameessaa
 Sakatta'insa Dhukkuba Busaa
 Raabsaa Saaphana Siree
 Calallii Dhibee Daranyoo Sombaa
 Tajaajila Fayyaa Waliigalaa biroo ,ta'uun ibsameera

Photos from Bishoftu City Health Office's post 08/07/2026

Eebba Maatii Adda Duree (Model Household Graduation)
Adoolessaa /2018
=====================
Aanaa Harsadee, Buufata Fayyaa Babboogayyaa keessatti sirni eebba Maatii Adda Duree (Model Household Graduation) kabajamaan gaggeeffame.
Maatiin leenjii Pakeejii Fayyaa Magaalaa xumuranii hojii irra oolchuudhaan ulaagaalee barbaachisan guutan ragaa eebbifamaa isaanii fudhataniiru.
Qindeessan SPEF Waajjira Fayyaa Magaalaa Bishooftuu ,Ob.Gammachiis Yaaddeessaa haasaa taasisan, Sagantaan kun hirmaannaa hawaasaa cimsuu, fayyaa maatii fi naannoo fooyyessuu, akkasumas tajaajila fayyaa sadarkaa hawaasaa keessatti bu'a qabeessa taasisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan.
Maatiin eebbifaman hawaasa isaanii keessatti fakkeenya gaarii ta'uun hojii eegumsa fayyaa babal'isuuf gahee isaanii akka bahatan waamichi taasifameera.
Sirni eebba maatii adda duree kun kutannoo hawaasaa fi hojii Sagantaa Ekisteenshinii Fayyaa cimsuu keessatti gahee guddaa qaba jedhan Dareektarri Buufata fayyaa Babboogayyaa, Ob. Abdii Abarraa.

Photos from Bishoftu City Health Office's post 02/07/2026

Eebba Maatii Adda Duree Buufata Fayyaa Dankaakaa
Waxabajjii / 2018, Bishooftuu
==============================
Buufanni Fayyaa Dankaakaa sagantaa Eebba Maatii Adda Duree milkaa'inaan gaggeesseera. Sagantaa kanairratti argamuun haasaa kan taasisaan Qindeessaa SPEF Waajjira Fayyaa Magaalaa Bishooftuu ,Obb. Gammachiis Yaadddessaa hojii ittisaa dhukkuba cimsuu, hubannoo hawaasaa dabaluu, akkasumas maatii ulaagaalee Maatii Adda Duree guutan beekamtii kennuun kaka'umsa hawaasaa guddisuuf kan kaayyeffatedha jedhan.
Daareektarrii Buufata fayyaa Dankaakaa ,Obb.Nagaasaa Bayyanaa Saganticharratti maatii ulaagaalee barbaachisan guutanii eebbifaman baga gammaddan jechuun, hojii fayyaa hawaasaa keessatti qooda isaanii cimsanii akka itti fufan jechuun ergaa dabarsanii jiru.
Dhumaratis Sagantaa adda adda ergaa gaggeefamee booda sirna dawwanaa Muuxxannoo wal irraa barachuu Mana manatti ergaa godhamee booda Eebifamtoota maatii adda duree tiif waraqaan beekamtii (Sartiifikeettin) keennamee jira

Photos from Bishoftu City Health Office's post 14/06/2026

Namoota rakkoo qaroo dhiyoo arguu qaban calaluuf oreenteeshinii ogeessota fayyaa tiif kennameera
Waxabajjii /2018, Bishooftuu )
=========================
Qindeessummaa BFO fi Waajjira Fayya Magaala Bishooftuu Dhaabbata "Last Mile Health " Waliin tahuun namoota rakkoo qaroo dhiyoo arguu qaban Calaluuf oreenteeshinii ogeessota Ek.fayyaa tiif kenneera.
Waltajjii kanarrattii argamuun Haasaa baniinsaa kan taasisan I/G/I/A/ Waajjira Fayyaa Magaalaa Bishooftuu Obboo Masarat Dalasaa , namoota rakkoo arguu dhiyeessaa qaban yeroodhan adda baasuu fi tajaajila yaalaa ijaa barbaachisu argamsiisuu akkasumas
hubannoo hawaasaa waa’ee eegumsa fayyaa ijaa guddisuuf jedhan.
Oreenteeshiin kennameen hojiin Sadarkaa Kellaa Fayyaa Magaalaa tti gama Ogeessota Eksteenshinii Fayyaa keenyaatiin Guyyoota 10 dhufaniif Namoota rakkoo qaroo dhihoo arguu qaban Calaluun Golga ijaa "near-vision correction (reading glasses)" akka kennamuuf Orenteeshinii gahaan kenname jira.
Waajjirri Fayyaa Maagalaa Bishoftu BFO fi Dhaabbata "Last Mile Health" Maqaa Hawaasa Magaalaa Keenyaatiin ni galateeffata.

Photos from Bishoftu City Health Office's post 26/05/2026

Oreenteeshinii dhimma "GBV" irratti qooda fudhattootaa fi Abbootii qabeenya Hooteelootaf kennameera.
Ebla 18/2018, Bishooftuu.
====================
Waajjirri Fayyaa Magaalaa Bishooftuu abbootii qabeenyaa hooteelotaa fi qooda fudhattootaaf oreenteeshinii dhimma ‘GBV’ (Gender Based Violence) irratti kenneera.
Waltajii kanarrattii argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan I/A/I/G waajjira fayyaa Magaalaa Bishooftuu Obboo Masarat Dalasaa ,Oreenteeshiniin kun ittisaa fi to’annoo miidhaa koorniyaa irratti hundaa’e cimsuu, hubannoo hawaasaa guddisuu fi qooda fudhattootaa waliin hojii walitti hidhamiinsa isaanii jabeessuuf jedhan.
Oreenteeshinii dhiyaatee keessatti Miidhaa dubartootaa fi daa’immanii ittisuu irratti qooda fudhattootaa hirmaachisuu fi rakkoo "GBV" hir’isuuf ittisa irratti qindoominaan hojjechuudha jedhan, Ogeessi ittisaa fi to’annoo dhukkubaa "HIV/AIDS" Waajjira fayyaa Magaalaa Bishooftuu ,Ob.Addisuu Poolisii .
Dhumaratis mariin bal'naan erga taasifamee booda kallattin hojii kennameera.

Photos from Bishoftu City Health Office's post 24/05/2026

Gamaggama Hojii Ittisa fi to’annoo dhukkubaa "TBL" .
Ebla /2018
===================
Waajjirri Fayyaa Magaala Bishooftuu hojii ittisaa fi to’annoo dhukkuba ‘TBL’ irratti raawwii hojii ji'a -10 dhaabbilee fayyaa Dhuunfaa fi mootummaa waliin gaggeesseera.
Gamaggama kanarrattii argamuun haasaa baniinsaa taasisan I/A/I/G waajjira Fayyaa Magaalaa Bishooftu ,Obb.Masarat Dalasaa , Dhukkubni "TBL" rakkoo guddaa hawaasaa waan ta’eef, hojii ittisaa fi to’annoo isaa irratti , dhaabbilee fayyaa fi hawaasni waliin hojjechuun barbaachisaa dha jedhan.
Rawwiin hojii ittisaa fi to’annoo dhukkuba 'TBL' ji’oota 10 darban keessatti gaggeeffame keessatti hojiiwwan dhaabbilee fayyaa mootummaa fi dhuunfaa hojjetan irratti Aaddee Abbaynash Addunyaa , Ogeessa hojii ittisaa fi to'annoo dhukkubaa "TBL" Waajjira fayyaa Magaalaa Bishooftuu fi Buufatalee Fayyaatin dhiyaatee ciminaa fi hanqinoonni jiran adda baafamaniiru , dabalatanis , Ogeessoota muxxannoo gaarii babal'isaa turanii fi dhaabbataa hojii I/to'annoo dhukkuba "TBL" irratti deeggarsaa taasisaa turaniif beekamtiin kennameera, akkasumas hanqinoota jiraan irratti hoggantoonni Buufatalee Fayyaa fi Ogeessonni gareedhan karoora gochaa ergaa qopheessanii booda ,kallatiin gama Hogganaa Waajjiraatin ka’ameera.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Debre Zeyit?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Bishoftu City
Debre Zeyit

Opening Hours

Monday 08:30 - 17:30
Tuesday 08:30 - 17:30
Wednesday 08:30 - 17:30
Thursday 08:30 - 23:30