Aliyi jemal Mohammed
Mental beauty grows with your age, while facial beauty is the opposite of your age
09/02/2025
Har'a yaada fi Ilaalchoota adda addaatu sammuu namaa keessaa burquu danda'a. yaada kam dubbachuu akka barbaadu ilmi namaa bareechee beekuutu irra jiraata. comment kennuu qofa osoo hin taane maaluummaa yaada irratti kennuuf jedhu xinxaala keessa gashuu akka qabu . Yaada baasuuf yeroo jattu yaada har'aas boruus dhugaa ta'e kan furmaata dhimma saniif ta'e filachuun hundaa ol kan barbaachisuudha.....
05/08/2023
Mee har'a waa'ee obboleessa koo waan xiqqoo dubbachuun barbaade na hofkolchaa!!!
Ilmi namaa uumamaan kennaa adda addaa akka qabu ni beekama.
Tokko tokko immoo uumaan waan hundaan badhaastee jirti. Namoota uumaan waan heddu bakka tokkotti gumaachiteef keessaa tokko obboleessa koo Jawar Mohammed jechuun ni danda'ama. Akka hiriyaattis ta'ee akka jaala qabsootti dinqisiifannaa isaaf qabu irraa kan ka'e eenyutti akka isa fakkeessu na rakkisa. Inni motora qabsoo ummata Oromo jaarraa kanaa yoo jedhe dhugaa irraa waan fagaadhe hin se'u. Umrii ijoollummaa kanatti ummata Oromo fi biyya tanaaf bu'aa guddaa buusee jira. Dhugaa Oromo dirree addunyaatti akka baatu warra taasisan keessaa tokko. Guufuu hanga gaaraa ulfaatu hunda ummata Oromo wajjiin of jaalaa kaasee injifannoon as gahee jira. Jaallan qabsoo wajjiin Mahandisa qabsoo Oromo warra baasanii fi hoogganan keessaa adda duree ta'ee hoogganee jira. Siyaasa hammayyaa'aa dhaloota haaraa barsiisee jira. Dhaloonni kun Isa irraa kaayyoo qulqulluu,jaalala ummataa, sabboonummaa dhugaa,gootummaa,kutannoo,
Abdii,injifannnoo,obsa,gara laafina irraa barachuu qaba.
Isin Jawaar eenyun isinitti fakkaata?
Yoo Naafxanyaa fuulletti falmu Leenjisoo Diigaa,Elemoo Qulxuu fi Qeerroo Nageessoo fakkaata.
Yoo Diina keessa taa'ee dhugaa Oromootif hanga wareegamaatti qabsaa'u J/ Taaddasaa Birruu fi Maammoo Mazammir Fakkaata.
Yoo Diinaf harka kennuu Didu Waaqoo Guutuu fi Jaarraa Abbaa Gadaa fakkaata.
Yoo Wareegamaaf of qopheessu Baaroo Tumsaa fi Nadhii Gammadaa fakkaata.
Yoo tokkummaa Oromoo eeguuf halkaniif guyyaa hojjatu Magarsaa Barii fi Kolonel Alamuu Qixxeessaa fakkaata.
Yoo dhugaa Oromootif Geerraru Ibsaa Addunyaa fi Umar Suleeymaan fakkaata.
Yoo iccitii Oromoo eegu H/ Aadam Saaddoo fakkaata.
Yoo naafxanyaa lubbuun taphatu gootota gaafa Aanolee fi calanqoo fakkaata.
Yoo maqaa isaa Diinni sodaatu Qeerroo fi Qarree Oromoo fakkaata.
Yoo bilisummaa ummata Oromootif qabsaa'u gootota Oromoo hunda fakkaata.
Kan hafe isin itti dabalaa..
11/06/2023
I mean we are there and we are there and the ages are changing places day by day ,but why does changing under make me tired??
11/01/2023
04/01/2023
Risaa (Eagle) waliin kan qabsoo qabu Harraagessa qofa. Harraagessi dudda risaarra taa'ee, afaan isaa qara saniin morma risaa deddeebi'ee ciniina.
Risaan garuu Ciniinnaan isa dhukkubsullee, Arraagessaan waliin yeroo fi humna isaa hin qisaasu. Dhukkubbii obseetuma gara samii bararuu itti fufa.
Hanguma Risaan lafarra ol kaiinsa dabalaa deemuun, Arraagessi immoo hafuura baafachuun itti ulfaata. Dhumarratti Harraagessi guutumaan guututti harganuu dadhabee du'a. Reeffi isaa lafatti gad deebi'a.
Jechuun: π
Ati cal ja'ii ol guddadhu. Haasidoonni humna isaanitii ol bararuu waan hin dandeenyeef, kufanii si jalaa hafan.
04/01/2023
Yeroo tokko tokko nama hunda irraa boqonnaa fudhattee kophaa kee yeroo dabarsuu, of mudachuu, dinqisiifachuu fi jaallachuu si barbaachisa
Kanaafuu yeroo kopha kee Ooluu barbaadettii kopha Ooluu qabda yeroo nama wajjin Ooluu barbaadettii wajjiin Ooluu qabda
GAMMACHUU HIN DHABIINA !!πππππ
Click here to claim your Sponsored Listing.
Contact the business
Telephone
Address
Deder
0923723982
