GADAO Yuuniversiitii Dambii Doolloo
GADAO; Gumii Aadaafi Dagaagina Afaan Oromoo
07/04/2023
Aaga Dhagayaa! Warri dhageessaan, warra hin dhagayiin gaha! ๐๐ฎ๐ฆ๐ข๐ข๐ง ๐๐๐๐๐ ๐๐จ๐จ๐ซ๐๐ ๐๐ฎ๐ฎ๐ง๐ขv๐๐ซ๐ฌ๐ข๐ข๐ญ๐ข๐ข ๐๐๐ฆ๐๐ข๐ข ๐๐จ๐จ๐ฅ๐ฅ๐จ๐จ ๐๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ข ๐๐๐๐ซ๐๐ ๐๐๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐๐จ๐ฉ๐ก๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ ๐๐ฌ๐ข๐ง ๐๐๐ ๐๐ Jira.
Maarree Baratoota Mooraa Yuuniversiitii Dambii Doolloo Akkasumaas Keessumoota Kabajaa,Barsiisoota Mooraa Keenyaa,Hawwaasa Yuuniversiitii Dambii Doolloo Martuu Baga Gammaddan! Baga gammanne!
๐๐ก๐๐ง๐ ๐๐๐ฅ๐๐๐ง ๐๐จ๐ฉ๐ก๐๐'๐๐ง!
๐๐๐ฅ๐๐ฅ๐จ๐จ
๐๐ข๐ซ๐๐๐ฆ๐๐
๐๐จ๐-๐๐ฎ๐๐๐ข๐ข(๐๐จ๐จ๐ง๐จ๐ฅ๐จ๐ ๐ข๐ข)
๐๐ ๐๐ซ๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐๐ ๐๐๐๐๐ญ๐ ๐๐๐๐๐ ๐
๐ข ๐๐ก๐ฎ๐๐๐ข๐ฌ๐ ๐๐จ๐๐ข๐ง๐๐๐ฅ๐๐!
๐๐๐๐๐จ๐จ
๐๐ ๐๐ซ๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐๐ ๐๐ก๐ฎ๐๐๐ข๐ฌ๐ ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ฒ๐ฒ๐๐!
Kanaaf;
๐ธ๐๐๐๐๐๐๐ ๐ฉ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐ฉ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐ฎ๐๐๐๐๐ ๐ฎ๐จ๐ซ๐จ๐ถ ๐ธ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐จ๐๐๐ ๐ซ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐ธooddattan ๐ฒ๐๐๐๐๐๐๐ ๐ฐ๐๐๐ ๐ฎ๐๐๐๐๐๐๐!
๐๐๐๐๐๐! ๐๐๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐๐๐ฅ๐ฆ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐จ๐๐!.
๐ฉ๐๐๐๐ ๐ด๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐ซ๐๐๐๐๐ ๐ซ๐๐๐๐๐๐ ๐ฎ๐๐๐๐ ๐ฉ๐๐๐๐๐๐๐ ๐จ๐
๐๐๐๐ ๐ฒ๐๐๐๐๐๐๐๐!
Yeroon Sanbata Xiqqaa Waaree Boodaa 7:00 Irraa Eegalee!
06/04/2023
06/04/2023
Baala Adaamichakoo.... ๐
22/02/2023
Booranaaf Haa Birmannu...๐๐ฅ
01/10/2022
Baga Ayyaana Irreechan isin Gaheโค๏ธ
22/08/2022
Yuunivarsiitii Dambi Doolloo akka beekamu kan godhe Dr. Lataan eenyu?
Dr. Lataa Tasfaayee (Pirofesera Ittaanaa -As.prof) jedhama. Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo, Ganda 05tti dhalatee guddate. Digirii jalqabaa Yuunvarsiitii Jimmaatti Barnoota Physics BSc eebbifame. Digiri 2ffaa: Yuunivarsitii Finfinnee, Barnoota Condensed Matter Physics, MSc qorachuun eebbifame.
Digiri 3ffaa: 'University of the Free State,South Africa'tti Physics (Nanomaterials) baratee eebbifame.
Digiri 2ffaa booda, Yuuniversitii Wolqixxee barsiisuummaaf ramadamuun Qindeessaa Muummee (Department Coordinator) ta'ee hojjeteera. Digiri 3ffaa booda immoo Yuuniversiitii Adaamaatti, barsiisaafi
'Director for centre of excellence in Material Science' ta'ee tajaajilaa ture. Yeroo ammaa kana Dr. Lataan Pirezidaantii Yuuniversiitii Dambi Dollooti.
Dhugaa dubbachuuf yuunvarsiitii kana tarkaanfachiisuuf gatii baayyee nama baasaa jiruudha. Seenaan yuunvarsiitichaa gama hundaan Addunyaatti akka dhaga'amuuf hoggansasaa jalatti hojiin guddaan hojjetamee jira. Barattoonniifi barsiisota waan haaraa kalaqan argachuun yeroo itti hinfudhanne. Akka fakkeenyaatti, Barsiisaa Amanuel Balcha, diroonii ykn xiyyaaraa nama malee balali'uu tolchee amma immoo Rhobot irraati dabaluun ibida kan dhaamsuu irrati dabaluun kalaqa haaran as ba'uuf deema.
Mediinaa Gammachuu, barattuu seeraa waggaa 5ffaa kan taate, akka Lixa Afrikaatti qorannoo waraqaa mirga namoomaa irrati geggeessiteen Sadarkaa 1ffaa baatee jirti. Kana hundaa dudduuba gargaarsi Dr. Lataa Tasfaayee akka jiru beekamaadha. Namni kun, hojii kalaqa hojjetamanii jajjabeesuu irrati ga'ee leencaa qaba. Namoota kanaafis ifatti beekamtiifi badhaasni adda addaa akka kennamuuf gochuun jajjabeesseera.
Dr. Lataan Asxaa yunvarsiitichaatii hanga guca xalayaatti Afaan Oromoo akka barreeffamu taasisuun gaaffii quuqamtootaaf deebii nama kenneedha. Dabalataanis, afaan hojii yuunvarsiitichaa Afaan Oromoon akka hojjetamus gochuu quba qabna. Kana jechuun namni garas dhufe kamuu afaan danda'uun tajaajilama jechuudha.
Dr. Lataan artiikilii 78 maxxansuusaa googliin ragaa bahaaf. Kitaabilee namoota waliin 6 qopheessera. Akka abbentummaa 'Patent' 7 ta'us gonfateera. Kanneen hubachuuf link asiigadii tuquun ilaaluun nidanda'ama.
Google scholar and Researchgate
https://scholar.google.com/citations?hl=en&view_op=list_works&gmla=AJsN-F5y1g5e5mhOcYKjbvPQInAOQt6_tjgCGMjL6bTeehM3isAe1ugQQIFphIhc6EGNDZ2T2TbZWiUuH3a_o2Zu4KNUkNcFrv61zRlqamVx6PqhZ_ZrGsM&user=fzW52XIAAAAJ
Dhumarratti, Dr. Lataan naannoo haalli nageenyaa ulfaatu keessatti waan Oromoof malu dalagaa jiraachuusaa beekuun barbaachisaadha. Diinni (kan faallaa ummatichaa dhaabatu) yeroo hundaa namoota haqa ummataaf dhaabatan kana dhabamsiisuu barbaada. Sababa kanaaf namoonni hawaasaaf waan gaarii gumaachan bakka sana hinturan; yookaanis rakkoo hiyyadamneef saaxilamu. Kanaafuu, nama gatii baasee seenaa gaarii ummanni kun qabu tarkaanfachiise kana ummanni hidhaa ijaatiin eegu qaba. Qaamni kamillee eegumsa barbaachisu akka godhuuf kabajaan gaafanna.
Adaraa, namoota akkasii akka biyyaa baqatan hingodhinaa; ummatnii eegumsa godhuufiin hordofuu qaba! Namoota dhunfaan nama jibbaaniif namni baqqachaa jiraachuutu dhaga'ama. Tibbanuma yuunvarsiitii DD kana keessaa Doctoronni 7 baqqatanii deemuu odeeffanneerra. Kunimmoo dhaloota achitti barataniif miidhaa guddaa ta'a.
Galatoomaa!
16/07/2022
Gammachuu Margoo Eenyu?
Gammachuun;Ol adeemaa kichuu lixa oromiyaa godina wallaggaa lixa innaangootti dhalatee guddate.barnoota isaa sadarkaa jalqabaa achuma aanaa sanatti barate.barnoota isaa sadarkaa 1ffaa irraa eegaluun hanga qophaaโinaa baratee milkaaโinsa gaariin bara 2009 barnoota isaa digirii jalqabaa hordofuuf yuunibarsiitii Dambi Doolloo muummee makaanikaal injiineeriingii seene.
Ijoollummaa isaarraa kaasee gudina aartii oromoof jaalala ol aanaa qabu irraa kan kaโe gumiiwwaan afaan oromoo mooraa mana barnoota turre kam keessattuu kakaโumsa guddaan nama hojjechaa turedha.erga gara mooraa yuunivarsiitii dambi doolloo seeneef jaalalli oromummaa isaa obborfatee isa keessa jiru jaalala oromummaasaf akka inni dursa kennu isa taasise .
Amala gaariin obboroo isa keessa jiru isa waliin guddachuun gaarummaadhaan sochiiwwaan gaggaarii gama oromummaaf,obbolummaa sirrii mooraa sana keessatti callaqisiisuu eegale.mucaa xiiqaโa waan dubbate kamiifuu amanamummaa guddaa qabuufi hiriyyoota isaa biratti ilma jaallatamaadha.inumaanuu baratootaa mooraa sana hunda biratti akka jaarsa beeraatti ilma kabajamudha.yeroo tokko tokko walitti buโinsa bifa garaagaraan mooraa sana keessatti uumamu furuuf maanguddoo jalqabaa taโe baratoota mooraa sana walitti qabuun hojiisa akka fakkeenyaatti waamamu keessa muraasa.kichuu yaada bilchaata qabudha.ilma jaalalaa qalbii guddaan qabufii xiiqaโaa,onnataa,oromummaa isaaf cichudha.
KIchuun onni wallaga lixaa innaangoon biqilchite kun jaalala obbolummaa dhugaa ijoollee oromoo qofa biratti utuu hin taane baratoota moora sanatti dhufan hunda jaalala obbolummaa sirrii itti argisiisuun nama beekamudha.Yuunivarsiitii Dambi Doolloo keessatti barnoota isa cinatti aartii oromoof jaalala qabuuf jecha yeroof yeroo maleetti dadhabiif nuffii malee gumii GADAO moor asana keessatti nama dadhabbii guddaaf aarsaa kaffalaa turedha.
Keessumattuu hojii fakkeenyummaa guddaa qabu gumiin GADAO moora yuunivarsiitii dambi doolloo baratoota mooraa sana waliin birmannaa lammiikoof ani jira jechuun hongee uummata keenya kibba oromiyaa booranaaf taasise keessatti halkaniif guyyaa galma gaโinsa hojii sanaaf qoreef dhoqqee na dhahe utuu hin jedhin aarsaa guddaa nama kaffala turedha.
Haala kanaan humna isa guutuun guddina aartii oromoof jaalala guddaan utuu tattafii guddaa taasisuu bara 2014 imala kaayyoo isaa jalqabaaf xumurri digirii isaa jalqabaa goolabamtee eebbaaf qaqqabe.eebbifamee mooraa yuunivarsiitii Dambi Doolloo irraa muummee makaanikaal ingineeriingiin xumuree Eebbaaf qaqqabeโค Qabsoo dirree barnootaa aarsaa guddaa nama kaffalchiiftu,Hawwiif aggaamii xiiqiin arguuf imaltu sana argitee yeroo ati guyyaa gammachuukee argitu akkasii gahuukeef gammachuun nutti dhagahamu guddaa ta'usโค๐
Ilma akka kee fakkeenyummaa guddaa irraa baratan jaala mooti jaalala nurraa fagaachuukeef gadda guddaatu nutti dhagahama!
Sibiila ilma bara hojii fi carraa gaarii siif hawwina!
Itti dabaluun gumii kanaaf mataa ta'uun yeroo mara dukkana xomboraa hamaa keessa ijoollee oromoo walitti qabuufi hojii fakkeenyummaa guddaa qabu dhaloota keenyaaf ganamaaf galgala tattaaffii guddaa taasisaa kan jirtu itti gaafatamaa Gumii GADAO Amsaaluu Dadhabii gochaa jirtuuf uummaticha biraa galata hin aloofne qabda!
Amkasumas koreewwan garaagaraa miseensonni gumii keenyaa martinuu maqaa keessan waamne isin galateeffachuuf yeroo dhabnus kallattiif al kallattiin gargaarsa garaagara taasisa kan jirtan martuu Galanni keessan Bilisummaa haa ta'u jenna!โค๐
Gadaan Quufaa Gabbinaโค
Gumii GADAO Yuunivarsiitii Dambi Doolloo irraa!
17/04/2022
14/04/2022
GUMII GADAO YUNBARSIITII DAMBII DOOLLOO!
Birmannaa Ijoollee Lixa Oromiyaa Qomoosaanii Kaaba Oromiyaaf Taasisan!
Hudumaa Dura Miseensonni Gumii GADAO Mooraa DaDu hundumtuu Rakkinni Qomoo keessanii isinitti dhaga'amee Nanummaan Haa dursu jettanii Jaalala dhugaa lammii keessaniif qabdan Haasa'aa Anaanii qofaan utuu hin taane gochaan Argisiiftanii,Beela'uun Qomoo keessanii isin dhukkubsee Watwaannaa Harmeef Abbee keenyaaf Sagalee tokkoon,yeroo tokkotti Lammii keessaniif aantummaa dhugaa argisiiftanii Utuu abbeef harmeen keenya beela'anii nyaachuun Fafa jettanii halaala lixa biiftuu teessanii warra baha biiftuu jiraniif utuu harki keessaan hin gabaabbatiin hiixatanii uummata keessan qaqqabuuf hanga yaadneen ol nu waliin xiiqiin xirqaanuu keessaniif galanni keessaan bilisummaa haa ta'u.
Itti aansuun hawwaasa mooraa DaDu fi Magaalaa Dambii Doolloo marti gaafa nun lammii keessaniif birmadhaa jenne daandii,lafa hojii,dirree tapha ispoortii irratti isin gaafannu waa'een uummata keenyaa wal nun gaafachiisuun jechuun dubbii gabaaban karooraa keessan dhiiftanii jaalala Mucummaa dhugaa nutti argisiiftanii jabaadhaa๐ช isin waliin jirraa jechuun nu jajjabeessa turtan martuu galatoomaa Umurii dheeradha.Harki keessan Haa liqeessu malee hin liqeeffatiin jenna!.
Akkasumas Presidant mooraa Keenya Yunbarsiitii Dambii Doolloo Dr Leta Te dabalatee Namoonni Akka hojiin kun galma ga'uuf kallatiinis ta'e al kallattiin nu cinaa dhabbachaa turtan martuu Galatoomaa Galanni keessaan Galmee seenaa Uummata oromoorraa bara baraan Ni.
Akkkasumas Gargaarsa wal irraa hin citne kan nuuf taasiftan
LLammii Dabalaa SuccothDLammii Dabalaa SuccothSLammii Dabalaa SuccothSagaleen Uummata nuuf kakkaasuun!
SSanyii Kabbadaa WaaqayyooKSanyii Kabbadaa WaaqayyooWSanyii Kabbadaa WaaqayyooGargaarsa maallaqa Dhuunfaa,Meeshaalee Deeggarsaa,Hanga Jajjabina Yaadaa nuuf Taasiftaniif Galanni Keesaaanโค๐โค๐๐

Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Dembi Dolo
1234