MAMME PAGE
Dhugaan Moo'ataadha.
28/05/2026
Aleeyhi Wasallam
28/05/2026
23/05/2026
Dhibbantaa 80 ol galtee biyya keessaa kan fayyadamu warshaan Seeraamikii Giraander eebbifame
+++++++++++++++
Qaama imala misooma omisha industiriifi sochii “Itoophiyaan haa omishtuuf” agarsiistuu guddaa ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.
Ministirri Muummee warshaa seeraamikii Giraander Mojootti ijaarame eebbisuun hojii jalqabsiisaniiru.
Barreeffama toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti ijaarsa warshaalee faayidaa biyyaalessaa olaanaa qaban investimantoita idilaaddunyaa hawwachuuf guutuu biyyattiitti cimee kan itti fufu ta'uu kan qabatamaan mirkaneessuudha jedhan.
Warshichi omishaalee seeraamikii ulaagaa qulqullinaafi dorgomtummaa sadarkaa idiladdunyaa guutan kan omishu yoo ta’u, meeshaalee dheedhii omisha kanaaf barbaachisan keessaa %80 ol dandeettii biyya keessaarraa argata.
Milkaa’inni kun dandeettii Itoophiyaan qabeenya uumamaafi kennaa kuufamaa qabdu fayyadamuun ijaaruu qofa otoo hintaane, hirkattummaa omishaalee biyya alaatii galfamanirratti qabnu haalaan hir’isa.
Ergamaa Rabbii Nabi Muhammadﷺ. Irratti Salawaata Buusuu Haa Baay'isnu❣️
Juma'aa Ergama Rabbi Nabi_Muhammadﷺirraati Salawata Buusu Heddumeesaa❣️
21/05/2026
Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa Qabiyyeen Barnootaa Keessaa Qophaa'e Beekameera.
----------------
BBO- Caamsaa 13/2018 Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaa qabiyyee barnootaa gosoota barnootaa kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'e yoo ta'u, kan kutaa 8ffaa immoo qabiyyee barnootaa gosoota barnootaa kutaa 7ffaafi 8ffaa keessaa kan qophaa'e ta'uun beekameera.
Walumaagalatti, qormaatni kutaa 6ffaa Waxabajjii 8-9/2018 yoo, kutaa 8ffaa immoo Waxabajjii 11-12/2018 ta'uu hubachuun;
-Barattootni guyyoota muraasa hafan kanarratti hundaa'uun qo'annaa keessaniif xiyyeeffannoo akka kennitan,
- Barsiisotnis deeggarsa barattootaaf taasisaa turtaniif galata qabdu jechaa, deeggarsi keessan hanga xumuraatti daran cimee akka itti fufu yaboo jenneerra.
- Maatiin barattootaas ijoollee keessan haala mijeessuufi jajjabeessun cinaa akka dhaabbattan dhaamsa keenya ta'a.
Dhumarrratti, walduraa duuban maxxansineerra.
21/05/2026
Guyyaa #28 kessatti jalaala natti agarsiiftaniif Hundi keessanuu Galatooma
Click here to claim your Sponsored Listing.
