Fuad Jemal page
Barris bara fakkataa nuuf darbaa jennettii!!! Bara tarree baraaf Tarres
26/08/2026
Itoophiyaan Mooteetti! Waan yaannee olitti kan nuuf milkeesse Rabbif galanni haa ta'u!
🔴🔴🔴🔴🔴🔴 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Komishiniin Marii Biyyoolessaa waggoota 4 oliif kan itti dhama'e, akka Majliisaatti waggaa 3f kan itti qophoofne, akka hirmaataattis hojii fi maatiirraa fagaannee guyyoota 37f kan irratti hirmaanne mariin biyyoolessaa kun injifannoo Itoophiyaatiin kaleessa galgala keessaa sa'aatii 3:00 irratti milkiin xumurameera. Har'a ganama immoo sagantaan cufiinsaa ifatti gaggeeffamee ni golbabama. Galanni Rabbii guddaadhaaf haa ta'u!
Marii kana irratti Itoophiyaan damee hundaan hunda kan hammattu, hirmaachistuu, ol'aantittii, walqixxummaan qabatamaan keessatti mirkanaa'e, misoomaa fi guddinaan, haqaa fi dimookiraasiin, tokkummaa fi jaalala biyyaatiin, gootummaa, nagaa fi ijaarsa dhaabbilee cimaatiin kan mul'attu akka taatuuf bal'inaan irratti mari'atameera.
Xumura marichaa irratti yaadoleen furmaataa 400 dhiyaataniiru. Isaan keessaa 396 waliigaltee guutuudhaan yeroo dhiyaatan, 4 irratti garuu waliigalteerra gahuun waan hin danda'amneef garaagarummaan jiru akkuma jirutti ta'ee furmaatawwan filannoo dhiyaataniiru.
Hirmaattota kuma 4 keessaa 500 500 taanee ajendaawwan saddeet irratti qoodamne. Ani garee ijaarsa biyyaa keessan ture. Nutis 500n keenya gareewwan namoota 50 qaban 10tti qoodamne; 50n sun immoo garee namoota 10 qaban 5tti dachaane. Haala kanaan ajendaawwan saddeettan keessaa isa tokkorratti hojjenne. Walumaagalatti ajendaawwan gurguddoo 8, ajendaawwan xixinnoo 96 fi gaaffilee bu'uuraa 225 irratti mariin ho'aan gaggeeffameera.
Adeemsa kana keessatti saboonni, kutaaleen amantii, qaamoleen siyaasaa fi fedhii garaagaraa qaban dhimma, rakkoo, gaaffii fi ajendaa mataa isaanii bal'inaan dhiyeessaniiru. Ni mari'anne, falmanne, yaadaan adda adda baane; dhiphinni hamaan dhalatee hanga wal-reebuutti kan geessellee tureera. Haa ta'u malee yeroo akkasiitti jaarsoliin biyyaa gidduu galanii karaa aadaa fi nagaa qabuun furmaata itti godhaniiru.
Kutaalee biyyattii maraarraa fi hawaasa adda addaarraa gaaffilee, rakkoolee fi dhugaa lafarra jiru hedduu ijaan argine. Gaaffilee fi qormaata uummataa kan kanaan dura miidiyaarratti dhageenyee hin beekne dhaggeeffanne. Itoophiyaan hammam bal'oo fi adda adda akka taate, furmaanni ishees ilaalcha hundarraa madduu akka qabu qabatamaan hubanne. Keessattuu biyya walxaxduu akkasii geggeessuun akkuma ala taannee afaaniin odeessinu lafa salphaa akka hin taanee fi hedduu ulfaataa ta'uu isaa arganneerra.
Dhugaan guddaan baranne tokko, uummanni Itoophiyaa hundi waraqaarra qofa osoo hin taane walqixxummaa qabatamaa, haqa dhugaa fi hunda-hammattummaa akka dheebotedha. Hirmaataan tokkoon tokkoo seenaa, qormaata, gaaffii fi ilaalcha nama biraarraa waan hedduu barateera. Hirmaattotni 4,000 marti waa'ee biyya isaanii, waa'ee uummata isaanii, biyyi akkamitti akka ijaaramtuu fi siyaasni akkamitti akka dalagu barumsa guddaa fudhataniiru.
Marii biyyoolessaa kana keessatti gareewwan xixiqqoon namoota 10 qaban mari'atanii kan galmeessan qaboo yaa'ii 400, gareewwan namoota 50 qaban qaboo yaa'ii 80, gareewwan miseensota 250 qaban qaboo yaa'ii 16 fi walga'iin namoota 500 qaban qaboo yaa'ii 8 galmaa'ee mallatoodhaan mirkanaa'eera.
Taatee seena-qabeessa fi murteessaa ta'e kanarratti dammaqinaan hirmaachuu kootiin, qindeessuu fi gahee koo gumaachuu kootiin Rabbii koo nan galateeffadha. Hirmaannaa koo qofarraayyuu bu'aa guddaan argadhe. Kan jalqabaa ta'uu isaatiin hanqinaaleen yoo jiraatanillee adeemsi fi injifannoon isaa garuu waan yaannee ol ture. Rabbi waan nuti tilmaamneen olitti nuuf laaffise. Lammiileen keenyas waan nuti eegnee olitti nu hubataniiru.
Gaaffiin keenya kan isaanii, kan isaaniis kan keenya ta'ee waliigalle. Hundi keenya qixa injifataa akka taanu kan nu taasise Rabbiif galanni guddaan haa gahu. Mootummaa waltajjii kana mijeesseef, komishinaroota adeemsa kana keessatti dadhabaniif, hayyoota damee adda addaatiin gumaachan, ogeessota, qindeessitoota, hojjettoota deeggarsaa, qaamolee nageenyaa fi lammiilee dammaqinaan hirmaatan hunda nan galateeffadha. Keessattuu akka dhaabbata geggeessaa Muslimaatti kan dammaqinaan nu qindeessee fi nu cinaa dhaabbate Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, addatti immoo Pireezidaantii kabajamoo Dr. Shiik Hajii Ibraahiim Tufaa galanni guddaan isaaniif haa ta'u.
Dhumarrattis kutaalee Itoophiyaa maraarraa kan hirmaattan obboloota dhiiraa fi dubartootaa, hayyoota, ulamaa'ota, maanguddoota biyyaa, Abbootii Gadaa, Ugaasota, dargaggoota, Haadholii Siinqee, jaarsolii fi kanneen dhimma Muslimootaa keessatti akka qaama tokkootti dammaqinaan hirmaattanii seenaa hojjettan hunda baga gammaddan! Rabbiin yaada furmaataa dhiyaate hunda saffisaan hojiirra oolchee, Itoophiyaa haqni, bilisummaan, walqixxummaan, nagaan, misoomni fi guddinni keessatti dagaagee walqixa keessa jiraannu natti nuuf haa agarsiisu.
Galgala kaleessaa irratti sababni isaa maalirraayyuu haa maddu, hidhamtootni siyaasaa hundi akka hiikaman, mootummaan dhiifama akka godhu, qaamoleen hidhatanis gara nagaatti akka deebi'an waamichi dhiyaateera. Mootummaanis dhimmoota gara qabsoo hidhannootti isaan galche qoratee furmaata akka laatuuf dhaamameera.
Xumurarratti haqa, hunda-hammattummaa, walqixxummaa, nama biraa hubachuu, ajendaa namaa akka kan mataa ofiitti ilaaluu fi wal dhaggeeffachuutu injifate. Itoophiyaan mooteetti! Sadarkaa yaada furmaataa kanarratti injifannoo waan eegnee ol nuuf kenneef Rabbif galanni haa gahu! Sadarkaa hojiirra oolmaattis milkii kana caalu akka nu badhaasu Isa kadhanna.
Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Abdurahaman Bakri, Juru Cile, Jimmaa Geeraa, Adem Mummed, Abdiyee Boss, Joseph Adex, Fuaad Ahmed, Sada An, Xashiî Maccittuu, Abdusalam Mohamed Yusuf, Abduselam Tjani
15/08/2026
Caatii/jimaa qaamata taanaan Dhugaatiiwwan lallaafaa kanneen gosa kamiyyuu jimaa wajjin fayyadamuu irraa of qubachuun barbaachisaa dha.
Yeroo baay'ee miidhaan fayyaa tokko tokko kallattiin jimaa qofa irraa waan dhufu ta'e dubbatama! garuu rakkoon fayyaa hedduun kallattiin Jimaa qama'uu qofa osoo hin taane wantoota yeroo Jimaa qama'an fayyadaman kan akka Shiishaa fi tamboo, Dhugaatii lallaafaa fi yeroo dheeraa sochii malee taa'uu waliin wal qabata!.
Amalootaa fi wantoota jimaa wajjin namoonni fayyadaman kan miidhaa qabu tokko dhugaatii lallaafaa yokan (Soft drink) dha. Dhugaatiin lallaafaan kunneen summii mi'aawoo namatti tolan garuu suuta suutaan sirnoota qaamaa balleessuu danda'an ta'uu isaanii qorannoowwan hedduun ni agarsiisu.
Jimaa fi dhugaatii lallaafaa walitti fayyadamuun namoota tokko tokko biratti mallattoo qabeenyaa, qananii fi jireenya gaarii fakkaatee fudhatama. Keessumaa namoonni maallaqa harkaa qaban yeroo jimaa qama’an dhigaatii lallaafaa soft drink gosa garaagaraa wal jijjiiranii dhuguun bal’inaan mul’ata.
Namoonni baay'een kana akka waan gaarii ta'eetti ilaalu Garuu dhugaan saayinsaawaa faallaa kanaati.
jiimaa/caatii fi dhugaatii lallaafaa (soft drink) yeroo baay’ee waliin fayyadamuun, Miidhaa fayyaa cimaa fiduu danda'a!. keessumaa namni tokko yeroo dheeraaf sochii qaamaa malee bakka tokko taa’uun jimaa fi Dhugaatii lallaafaa fayyadamuun carraa dhibeewwan garaagaraa kan akka dhibeewwan onnee fi ujummoolee dhiigaa, dhiibbaa dhiigaa, Dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa type-2 diabetes fi rakkoolee metabolic biroon qabamu dabalu danda’a.
Dhugaatiiwwan lallaafaan hundi isaanii Mi'eessituu Nam-tolchee fi sukkaara baay’ee of keessaa qabu, sukkaarota kana keessaa kan akka malee miidhaa fayyaa qabu, sirnoota qaamaa murteessoo fi qaamota keessoo barbaachisoo kan akka Onnee, Tiruu fi Kalee dabalatee qaamota keenya biroo suuta suutaan miidhuu fi dhibee hamaaf nu saaxiluu danda'antu jiru.
Tiruu Dadhabsiisuu fi carraa dhibee dabaluu danda'a
Keemikaalota jimaa fi soft drink keessaa qulqulleessuuf tiruun hojii isaa waan ta'eef namni dhugaatii lallaafaa fi Jimaa walitti fayyadamuun Tiruu dadhabsiisuu fi carraa dhibee tiruu dabaluu danda'a.
Kalee Dadhabsiisu
Namni tokko dhugaatii lallaafaa taa'ee yeroo hunda dhuguun Fincaan baay'isuu fi kaleen bishaan qulqulluu gahaa akka hin arganne waan taasisuuf Bishaan qaama keessaa sababa kanaan hir'atu kaleen akka summiin kuufamu gochuun carraa dhibee kalee baay'ee dabala.
Carraa dhibee garaachaa fi marrimaanii dabala, Keessahuu dhibee asiidii garaachaaf nama saaxiluu keessatti gahee olaanaa qaba.
Carraa namni sun dhibee shakki dhiphinaa (paranoia), dhiphina sammuu cimaa (depression), fi waa hin jirre arguu (hallucination) qabamuu isaa ol kaasa.
Waan hin jirre akka waan jiruutti hubachuu fi abdachuun nama sana ni dabala! sammuu keessatti Abdiin dhugaa hin taane daangaa darbuun hojii dhugaa irraa nama gaggeessu danda'a.
Dhugaatiwwan lallaafaa hedduun sukkaaraa miidhaa cimaa qabu kan
HFCS jedhamu qabu.
Sukkaarri kun Tiruu irratti miidhaa jabaa akka qabu kanaan dura toora maarsariiti keenya irratti bal'inaan barreessinerra wantoota yeroo ammaa dhibee sukkaaraa fi cooma tiruu fidaa jiranu keessaa Garee tokkoffaa keessatti ramadama.
Sukkaarri dhugaatii lallaafaa keessatti argamu Fructose’n kun garmalee baay'ate kallattiin gara tiruu qofa deema. Tiruun hunda isaa calaluuf dandeettii hin qabu waan ta'eef gara coomaatti jijjiira, kunis dhibee cooma tiruu Fatty Liver fi dhibee sukkaaraa fiduuf baay'ee saffisa qaba.
Dhugaatiwwan lammaffaan gosa daangeffamaa tokko qofa miti dhugaatiiwwan akka (Pepsi, Mirinda, 7-Up, Sprite fi Fanta, Coca-Cola fi Lemon, Apple, Orange) fi kanneen biroon hundi dhugaatii lallaafaa jedhamu.
Walumaagalatti Jimaa fi dhugaatii laafaa (soft drink) waliin fayyadamuun carraa dhibeewwan sukanneessaa fi yeroo dheeraa kan biraas dabaluu waan danda'uuf irraa of qubachuun barbaachisaa dha!.
Hanga danda'metti himaa dhiisuu yokan hir'isuun gaarii dha. Yoo Jimaan qama'uun dirqama ta'e argame immoo bishaan qofa fayyadamuu fi Dhugaatii mi'aawaa kamiyyuu dhiisuu, Akkasumas sochii qaama gochuun barbaachisaa dha!.
Osoo hin dubbisin Osoo hin hubatin yaada kennuu irraa of qusadhaa!.
Hiriyoota keessaniif Share godha! Akkasumas motion godha.
Oduu fi Odeeffannoo fayyaa argachuuf Toora Facebook
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa
15/08/2026
Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Illiima Jiruu, Jamaludin Mahamad, Abdulkarim Abdulfata, Demeksa Keno Mosisa, Beka Tesh*ta, Husseen Umar, Ebrahim Wayesa, Ibsisha Oro Fqr, Luubbusha Goroo Ljjii, Finiinsaa Bilaal, Mame Ahimed, Keenyatu Keenya, Emnatee Yalem, Amoo Dagne, Wegene Man, Muhaammad Ahimad Muhaammad, Rashaad Shaafi, Abdul Jemsi, አርዋ ቢንት ኢስላም, Ashime Begi, Burte Usen, Urji Wlga
Click here to claim your Sponsored Listing.
