Kalid Abdii

Kalid Abdii

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kalid Abdii, Health/Beauty, Hirnaa, Hirna.

05/10/2026

03/10/2026

VITAL SIGNS

16/09/2026
01/09/2026

Chose the correct ✅ answer

04/06/2026

Dhiphina_Sammuu_Ittisuuf (Tips To avoid STRESS)

1. Ilaalcha gaarii qabaadhu.

2.Jireenyakee keessatti wantoonni ati to'achuu hin dandeenye akka jiran amani.

3.Ilaalchaafi yaadakee karaa amansiisuu danda'uun ibsi; aariifi mormii dhiisi.

4.Yerookee karooraan sirriitti fayyadami.

5.Wantoota jireenyakee dhiphina keessa galchan didi; ofiikeef daangaa kaa'i.

6.Yeroo boqonnaafi bashannanaa qabaadhu.

7.Dhiphina ofirraa ittisuuf; alkoolii, qorichootaafi amaloota to'achuu hin dandeenye eegalanii, irratti hirkachuu dhiisi.

Qorichoonniifi alkooliin caalaatti dhiphinaaf nama saaxilu.

8.Yeroo hojii ykn barumsaan alatti yeroo bashannanaa qabaachuun gaariidha.

Fayyaa sammu maale fayyan hin jiru.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️

03/05/2026

Dukkana Addunyaa Keessaa Ifa Filachuun, Humna Ilaalcha Gaariiti

1️⃣ Addunyaan Dukkanaa’uu Dandeessi Beekuu
Dhugaan jiru tokko, addunyaan yeroo tokko tokko dukkanaa’uun isaa ni mul’ata. Rakkoon, waldhabdeen, mufii fi abdii kutachuun jireenya keessatti ni mudatu. Kana hubachuun dogoggora miti; dhugaa jireenyaati. Namni wanta dhugaa jiru hubatu garuu of qopheessa, of tiksa, akkasumas murtoo sirrii fudhachuuf carraa qabaata. Dukkanni akka jiru beekuun, akka of qopheessinu nu gargaara; garuu dukkana keessa hafuu jechuun filannoo keenya miti.
2️⃣ Garuu Abdii Hin Kutin Filannoo Kee Yaadadhu
Yeroo addunyaan dukkanaa’uun sitti fakkaatu, wanti si baraaru filannoo kee dha. Ati maal ilaalu filatta? Maal yaadu filatta? Abdii kutachuu moo abdii qabaachuu? Jireenya keessatti wantoota hundumaa to’achuu hin dandeenyu; garuu akkamitti ilaallu ni murteessina. Kanaafuu abdii hin kutin. Filannoo kee yaadadhu waan gaarii filachuu ni dandeessa.
3️⃣ Waan Gaarii Argachuu Murteessi
Dukkana keessa illee wanti gaariin ni jira. Garuu argachuuf murannoo barbaada. Namni gaarii arguu murteesse, waan xiqqaa irraa illee gammachuu argata. Fakkenyaaf, jecha jajjabeessaa tokko, hojii xiqqaa milkaa’e tokko, ykn nama si jaallatu tokko kun hundi ifa dha. Waan gaarii arguu filachuun jireenya kee bareecha, sammuu kee tasgabbeessa, onnee kee immoo gammachuun guuta.
4️⃣ Ilaalcha Kee Jijjiiri, Jireenya Kee Jijjiiri
Jireenyi akkuma ilaalcha keenyaatti bifa qabaata. Yoo yeroo hundumaa rakkoo qofa ilaalle, jireenyi rakkina qofa fakkaata. Garuu yoo carraa fi barnoota rakkoo keessaa barbaadne, jireenyi hiika qabaata. Ilaalcha jijjiiruun dukkana gara ifaatti jijjiiruu dha. Kun immoo jijjiirama guddaa jireenya keessatti fida.
5️⃣ Sammuu Ifaan Guuti
Waan dubbiftu, waan dhageeffattu, fi namoota waliin ooltu sammuu kee irratti dhiibbaa qaba. Kanaafuu, sammuu kee waan gaariin guuti. Kitaaba gaarii dubbisi, nama si jajjabeessu waliin ta’i, yaada ijaaraa yaadi. Sammuun ifaan guutame dukkana hin sodaattu.

Category

Website

Address

Hirnaa
Hirna

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kalid Abdii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Hirna.