Kalid Abdii
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kalid Abdii, Health/Beauty, Hirnaa, Hirna.
03/05/2026
Dukkana Addunyaa Keessaa Ifa Filachuun, Humna Ilaalcha Gaariiti
1️⃣ Addunyaan Dukkanaa’uu Dandeessi Beekuu
Dhugaan jiru tokko, addunyaan yeroo tokko tokko dukkanaa’uun isaa ni mul’ata. Rakkoon, waldhabdeen, mufii fi abdii kutachuun jireenya keessatti ni mudatu. Kana hubachuun dogoggora miti; dhugaa jireenyaati. Namni wanta dhugaa jiru hubatu garuu of qopheessa, of tiksa, akkasumas murtoo sirrii fudhachuuf carraa qabaata. Dukkanni akka jiru beekuun, akka of qopheessinu nu gargaara; garuu dukkana keessa hafuu jechuun filannoo keenya miti.
2️⃣ Garuu Abdii Hin Kutin Filannoo Kee Yaadadhu
Yeroo addunyaan dukkanaa’uun sitti fakkaatu, wanti si baraaru filannoo kee dha. Ati maal ilaalu filatta? Maal yaadu filatta? Abdii kutachuu moo abdii qabaachuu? Jireenya keessatti wantoota hundumaa to’achuu hin dandeenyu; garuu akkamitti ilaallu ni murteessina. Kanaafuu abdii hin kutin. Filannoo kee yaadadhu waan gaarii filachuu ni dandeessa.
3️⃣ Waan Gaarii Argachuu Murteessi
Dukkana keessa illee wanti gaariin ni jira. Garuu argachuuf murannoo barbaada. Namni gaarii arguu murteesse, waan xiqqaa irraa illee gammachuu argata. Fakkenyaaf, jecha jajjabeessaa tokko, hojii xiqqaa milkaa’e tokko, ykn nama si jaallatu tokko kun hundi ifa dha. Waan gaarii arguu filachuun jireenya kee bareecha, sammuu kee tasgabbeessa, onnee kee immoo gammachuun guuta.
4️⃣ Ilaalcha Kee Jijjiiri, Jireenya Kee Jijjiiri
Jireenyi akkuma ilaalcha keenyaatti bifa qabaata. Yoo yeroo hundumaa rakkoo qofa ilaalle, jireenyi rakkina qofa fakkaata. Garuu yoo carraa fi barnoota rakkoo keessaa barbaadne, jireenyi hiika qabaata. Ilaalcha jijjiiruun dukkana gara ifaatti jijjiiruu dha. Kun immoo jijjiirama guddaa jireenya keessatti fida.
5️⃣ Sammuu Ifaan Guuti
Waan dubbiftu, waan dhageeffattu, fi namoota waliin ooltu sammuu kee irratti dhiibbaa qaba. Kanaafuu, sammuu kee waan gaariin guuti. Kitaaba gaarii dubbisi, nama si jajjabeessu waliin ta’i, yaada ijaaraa yaadi. Sammuun ifaan guutame dukkana hin sodaattu.
Dukkana hin komatin
رسالة اليوم
👉Jiruun ilma namaa guutuu miti. Wanti hundis ifaa miti, daandiin hundis qajeelaa miti, karoorri hundis raawwatamaa miti, hiriyaan hundis gaarii miti, rakkoon hundis kan nama miidhuu miti, garuu amala ta'ee Ilmi namaa dukkana sodaata, dukkana dheessa, dukkana komata, waan haaraya dida.
👉Dukkanni gurraacha ifaa barbaada, dukkanni dhokataadha barbaaduu fedha, dukkanni nama naasisa onnee barbaada, dukkanni wallaaalamaadha barachuu feesisa, dukkanni shakkamaadha dhugaan bira gahuu barbaada.
👉Namni waan hin beekne sodaata, waan hin argin dheessa, waan isaa hin galin shakka, waan haaraya balaaleffata, waan hin beeknetti yeroo deemu keessi isaa naasuun guutama. Kanaaf yeroo baayyee jijjiiramni yaaddoo nama hundaa ta'e.
👉Bar osoo sodaan jiraachuu baatee namni hundi ni hojjataa, osoo shakkuu baatee namuu bira gaha, osoo ofittti amanamummaa qabaatee namuu ni raawwata, osoo balaaleffachuu baatee namuu silaa ni jijjiirama, osoo dheessuu baatee namuu ni milkaaya.
Ila argitee
👉dubbiin wanta haaraya ta'uu osoo hin taane ati waan haarayaaf deebii sirrii kennuu dhabuudha, wantichi waan guddaa ta'uu isaa osoo hin taane ati waan guddiftee ilaaltuufi, wantichi wallaalamaa ta'uu isaa osoo hin taane ati beekuu waan hin barbaadiniifi, wantichi dukkana ta'uu isaa osoo hin taane ati ifaa fiduu dhabuu keeti.
👉Dukkanni ifaan muldhata, wallaalummaan barumsaan haqama, shakkiin dhugaan ifooma, Naasuun Onneen jabaata, rakkoon furmaataan namarraa salphata. Jabaadhaa dukkana hin komatinaa ifaa barbaadaa.
Galltomaa 🙏🙏🙏
"Hanga bu'aa jireenyaa kee hubattutti bu'aa yeroo hin hubattu, hanga bu'aa yeroo hubattutti waan tokkollee hojjechuu hin dandeessu"
"Until you value yourself, you won't value your time! Until you value your time, you will not fit anything with it" M. Scott Pek
Wantoota 8n kana Jireenya kee Keessatti Tasumaa Hin Godhin
1. Miira namaa ittiin taphachuuf hin yaalin
Gammachuu kee qofaaf miira namaa miidhuun hin ta’u. Ati yeroo gabaabaa keessatti injifachuu dandeessa, garuu nama sana bara dheeraaf dhabuu dandeessa.
2. Of fooyyessuuf hojii kee hin dhaabin
Waan beektu hammamiyyuu yoo ta’e, yeroo of ijaaruu dhaabde, yeroo sana irraa kaastee gad bu’uu jalqabda.
3. “Ani gahumsa hin qabu” jettee of hin tuffatin
Jireenya keessatti namoonni akkuma ati of mul'istutti si ilaalu. Kanaafofitti amanamummaa qabaachuun baay’ee barbaachisaadha.
4. Abdii hin kutin
Abdi qabaachuun jireenyaaf akka hafuuraati. Sodaa fi yaada hamaa irraa bilisa si baasee, yaada gaarii fi abdii siif guuta. Rakkoon hammam cimaa ta’us abdii hin muratin.
5. Kabaja ofii keetiif hin dhabin
Of kabajuun of kunuunsuu keessaa isa guddaadha. Yoo of hin kabajne, namoonni biroonis si hin kabajan.
6. Carraa kadhachuu hin baratiin – ofitti amanadhu.
Carraa argachuuf kadhachuun si xiqqeessa. Qooda kanaa, dandeettii kee irratti amantii qabaachuun, ofitti amanamummaa agarsiisuun si guddisu.
7. Nama ykn waan tokko illee salphaa goote hin ilaali (hin tuffatin)
Waan qabdu hunda akka salphaatti yoo ilaaltu, miidhaa qaba. Fakkeenyaaf: jaarsa/jaartii kee tuffachuun jaalala isaanii hir’isa; hojii kee salphaa ilaalchuun balaa maallaqaaf si saaxila; fayyaa kee dagachuunis dhibee sitti fida.
8. Addunyaan yoo si miidhellee gaarummaan kee hin du’in
Namoonni yoo si fayyadamanillee, amala gaarii kee hin dhiisin. Gaarummaan kee humna kee fuuldurati.
Galltomaa
kanaa follow godhaa.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Hirna
