Mana qoricha Aadaa bilaal
FAYYAAN KEESSAN FAAYA KEENYAA!.
18/07/2026
DHUKKUBA ASMII (BRONCHIAL ASTHMA)
******************************************
Dhukkubi asmii dhukkuba ujummoolee qilleensaa isaan xixiqqoo somba keessaa kan miidhuu dha.Dhukkubi kun kutaa hawaasaa giddu galeessan 10%irratti kan muldhatuu yoo tahu , umuriin itti muldhatus bayyinaan (80%) ijoollee waggaa 10 gadi irrattiidha, tahus namoonni muraasni kunis hanga 10% tahan waggaa 40 booda asmii irratti argamuu danda'a.
MAALIIRRA NAMA QABAA?
*************"*************
°Sababi guddaan dhukkuba asmiif nama saaxilu maatii ykn fira dhihoo dhukkuba kanaan qabame qabaachudha.
°Sababoonni xixiqqoon biroo infeekshinii ujummoo qilleensaa , aleergii , wantoota qilleensa falamanitti saxila bahuu fi kkf
MALLATTOOLEE ASMII
°Namni dhukkuba kana qabu mallattoolee akka qufaa yeroo dheeraa keessattuu galgala cimu kan akkee qabaachuu danda'u qabaata
°Hafuura kutaa ykn hafuura wal hanqisuu (air hunger) fi dafee hargansuu
°Yeroo hargansuu sagalee siiqsuu qabaachuu
°Dhukkubbii qoma ykn laphee keessaa qabaachuu fi kkf
YAALA
*Dhukkubni asmii dhukkuba yaala qabuu fi namni isa qabu yaala fi of eeggannoo barbaachisu gochuun akkuma nama kamittuu jiraachuu danda'a.
OF EEGGANNOO
*Qoricha seeraan fudhachuu
*Foolii urgaa'us tahee ykn ajaa'u irraa fagaachuu
*Awwaara , haraa manaa fi qilleensa qorraatti saxila bahuu dhiisuu
*Aara manaa, tamboo aarsuu fi qilleensa faalama qabu hambisuu
Horaa bulaa...Deebanaa
25/06/2026
Hubannoo waa'ee Hanqina Albuuda Kaalsiyeemii |
Calcium Deficiency/Hypocalcemia
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~//~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
1. Hanqinni Albuuda kaalsiyeemii maalii ?
Hanqina Albuuda kaalsiyeemii jechuun hamma albuuda kaalsiyeemii dhiigaa fi qaama keenyaa keessaa hamma ga'aa ta'e argachuu dhabuu ykn dhiigaa keessaa hammi kaalsiyeemii hir'achuu jechuudha.
2.Mallattoo hanqina Albuudaa kaalsiyeemii Maali fa'adha ?
* Ilkaan fi lafeen laafachuu ykn salphumati cabuu fa'a.
* Maashaan miilaa ykn harkaa dhukkubuu.
* Miirri dadhabii qaamaa namati dhaga'amuu.
* Qeensi salphumati caccabuu.
* Rifeensi laafachuun salphumati harca'uu.
* Miirri gubaa naannoo afaanii ,harkaa fi miila irrati namati dhaga'amuu fi kkf mul'achuu fa'adha.
3. Sababoonni hanqina Albuuda kaalsiyeemiif nama saaxiluu danda'an maal fa'adha?
* Dhibee kalee qabaachuu.
* Hanqina vitaamin D qabaachuu.
* Nyaataa albuudota kaalsiyeemiin badhaadhaan kanneen akka aannanii ga'a argachuu dhabuu.
* Hammi hoormoonii paratayirooyidii(PTH) gadi bu'uu fi kkf fa'adha.
4. Hanqina Albuudaa kaalsiyeemii akkamiti ofirraa ittisuu dandeenya ?
* Nyaata Albuuda kaalsiyeemiin badhaadhan kanneen akka Aannaan,baaduu,hanqaaquu,baaqelaa fi kkf soorachuu qabna.
* Caama ifa aduu ganamaa daqiiqaa 15 hanga 30 gidduu keessa turuun vaayitaamin D uumamaa argachuu qabna.
* Gara mana yaalaa nuti dhiheenya qabu deemuun gorsa ogeessa fayyaa fi qorichoota dabalataa fudhachuun dhibee kannarraa yaalamuu ni dandeenya.
Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.
18/06/2026
🌿 Faayidaa Qarfaa (Mi’eessituu Shaayii)
1. 🛡️ Kaansarii nurraa ittisa.
2. 🦴 Dhukkubbii lafee ni hanbisa.
3. ❤️ Fayyummaa onnee ni cimsiti.
4. ⚖️ Furdina hir’isuuf ni gargaarti.
5. 🧠 Yaadannoo ni cimsiti.
6. 🤒 Dhukkubbii qonqoo ni fayyisti.
7. ✨ Goga bareedaa fi ifaa gooti.
8. 😁 Ilkaan fayyaa eeguuf ni oolti.
9. 🧴 Koolisterooli hir’isti.
10. 🦠 Vaayirasiwwan irraa ittisa.
11. 🍬 Sukkaara to’achuuf ni gargaarti.
12. 💉 Dhiibbaa dhiigaa sirreessuuf ni oolti.
13. 🤧 Qufa fi utaalloo fayyisuuf ni gargaarti.
14. 💧 Gogiinsa garaa fayyisti.
15. 🩸 Dhiiga qulqulleessuuf ni oolti.
16. 🚽 Garaa baasuuf ni oolti.
17. 🥛 Kaalsiyemii badhaadhaa qabdi.
18. 🤕 Dhukkuba mataa bowwoo irratti ni hojjeta.
19. 🍄 Farra fangasii ta’uun beekkamti.
👉 Guyyatti faalaana shaayii 1-2 olii hin fayyadamnu.
🍽️ Nyaata, daayimaa fi shaayii wajjin fayyadamuu ni dandeessa.
✍️ Dr. Mohammed Kedir
💚 Galatoomaa!!!
🌟 Fayyaan faaya!!!
🌟 Fayyaa ta'aa!!!
14/06/2026
Sababoota dhukkubbii jilbaa ,qaaqaa jechuufii yaala isaa :
````````````````````````````````````````````````
Yeroo deemtu ykn sadarkaa ol baatu sagalee jilba kee keessaa caccabuu ykn qa'a qa'a jedhu ni dhageessa?
- Yeroo baay’ee jilbi caccabuun qaaqaa jechuun waanuma jiruudha.
Keessumaa dhukkubbiin ykn hiita’uun yoo hin jiraanne yaaddawuun hin barbaachisu .
- Sababoota waliigalaa:
✔️ Dhangala'aan buusaaleefii boota lafeen wolitti hidhamu keessa jiru keessaa qilleensi xixiqqoon ba'a.
✔️ Maashaaleen jilba marsan dadhabuu.
✔️ Yeroo dheeraaf sochii taasisuu ykn yeroo baayyee taa'uu .
✔️ Ulfaatinni qaamaa dabaluu fi dhiibbaan lafee irratti jiraachuu .
✔️ Umuriin fagaachuu fii morgaan ykn ligamentiin ciccituu.
⚠️ Yoom xiyyeeffannaa kennuu qabda?
- Yoo sagaleen kanneen armaan gadii waliin ta’e:
🔸Dhukkubbii wal irraa hin cinne.
🔸 Jilba keessaa hiita'uu.
🔸 Socho'uuf rakkachuu .
🔸Buusaan Miira tasgabbii dhabuu .
💡 Gorsa fayyaa jilbaa eeguuf barbaachisu :
- Ulfaatina qaamaa fayya qabeessa ta'e eeggachuu.
- Yeroo hunda shaakallii deemsaa taasisuu.
- Maashaalee qoma fi miila jabeessuu.
- Bishaan gahaa dhuguu.
- Nyaata pirootiinii, albuudaa fi vitaaminoota hedduu qaban nyaachuu.
-Hirdii daakamaa faldhaan tokko bishaan danfaa burcuqoo tokkotti naqamee qabbaneeffamee dhugama galgalaafii ganama hanga fayyamutti.
- Zanjibilli biqiltoota aadaa keessatti fayyaa lafee deggeruuf itti fayyadaman keessaa isa tokko yoo ta'u, nyaata madaalawaa keessatti akka dhugaatiitti dhuguun ni danda'ama.
-Zanjabiila daakamaa faldhaana tokko aannan wojjin galgalaafii ganama dhuguun furmaanni ni'argama.
🤲 Yaa rabbi fayyaa nuuf kenni.
GALATOOMA!
✍️ Uzefi Faris follow godhaa hordofaa.
23/05/2026
✅DAWAA CIMAA KANAAN WOLBARAA
````````````````
● Namni tokko du'uu hin qabu sababa dhukkuboota akka Sukkaraa,Dhiibbaa dhiigaa,Dadhabbii marsaa dhiigaa fi sababa kansariitiin dawaan isaa osoo lafa jiruu.
Keessattuu namoonni yeroo dheeraaf rakkoo kanaaf saaxilamtanii abdii kutachuutti geessan dawaan kun isiniifi itti fayyadamaa.
✅Qorichootni kunneen gaafa sirnaan itti fayyadamne.
WAAN QOPHEEFFANNU:
1️⃣-Daraaraa karkaddii hammaarrii tokko.
2️⃣-Qurunfuli hammaarrii tokko.
3️⃣-Baala qaraaruu 4
4️⃣- Baala jawwaafaa /zeyituunaa 5
5️⃣-Bishaan kubbaayyaa 3
MALA QOPHII:
Qorichoota qopheeffanne kana wolitti qabneeti qodaa qulqulluutti naqanna sana booda okkotee ykn qodaa ibiddaaf nuuf mijjatutti naqanna , bishaan burcuqoo 3 itti naqanna.
Sana booda ibiddarra keenyeeti hanga daqiiqaa 15tti danfisna .
Erga danfee qabbaneessinee axxaarraaneetu burcuqootti naqanna.
ITTI FAYYADAMA ISAAF:
Ganama yeroo hunda qursii dura burcuqoo tokko tokko dhugna hanga torban 3tti osoo addaan hin kutin.
Sana booda baatii tokkoof erga turtee boodaa ammas torban 3f akkuma duraa sanitti fayyadamta.
Hub: Hordoffiin qorannoo dhiigaa taasifamuu qaba.
🫵Qorichoota kanneen manneen qorichaa aadaafii bakka tokko tokkotti biqilees ni argama.
GALATOOMAA!
Huzefa Faris ✍️
Odeeffannoo dabalataaf lakk:
0915467978
21/04/2026
BAAKTEERIYAA GARAACHAA(H.paylori)
``````````````````````````````````````````````````````````
Baakteeriyaa garaachaa: Baakteeriyaan helikoobaakteer paayiloorii kun addunyaa irratti bal’inaan kan mul’atu yoo ta’u, seelii dallaa garaachaa keessa jiraata.
Mallattoo isaa:
- Infeekshinii
- madaan garaachaa
-Mardhimaan fi
-Singiggoo(esophageal reflux)fi hedduun infekshinii baakteeriyaa kanaan dhufu.
-Akkamitti gara namaatti dabarsuu dandeenya?
❗ Nama dhukkuba kanaan qabame irraa gara nama fayyaatti karaa nyaataa fi dhugaatii faalamee (nyaata harka hin qulqulloofneen ykn kuduraa fi muduraa faalamee fi kkf qopheessuudhaan, harka faalameen tuquudhaan) nama dhukkuba kanaan qabame irraa ni darba.
Akkaataa Ittisa...✅ .
1️⃣ Harka dhiqachuu 🧼 erga mana fincaanii fayyadamtanii booda akka gaariitti qulqulleeffachuu.
2️⃣ Kuduraa fi muduraa akka gaariitti dhiquu .
▪︎Akkamitti adda baasuu..?
Yoo mallattoon dhukkuba garaachaa, madaa garaachaa, ykn ujummoo nyaataa (kan akka dhukkubbii garaa gubbaa, asiidii, ykn miira gubaa garaa 🫁) jiraate, hakiima deemuun ogeessaan dhukkubsataan xiinxalamuu qaba.
Qorannoon kan taasifamu qorannoo sagaraa idileetiin, qorannoo biraa hafuura baafachuudhaan ykn endoscope fayyadamuun adda baasuun nidanda'ama.
Kaansariidhaan wolqabataa?
Dhukkubni baakteeriyaa kun
Kan nama dhibu hariiroo xiqqaa qaba, garuu baay'ee xiqqaadha.
Wal'aansi baakteeriyaa kanaa guutummaatti tuffatame yoo dhiifame gara kaansariitti carraa xiqqaadhaan nijijjiirama, garuu yaalamnaan baakteeriyaan kun dafee fayyuu danda'a.
▪︎Dawaa baakteeriyaa kana guutuutti fayyisu nubiraa argattu.
Mana Qoricha Aadaa Bilaal damee jimmaa irraa.
Teessoon keenya magaalaa jimma sentiraalii buufata konkolaataa fuunduratti argamna.
Lakk: 0912971362
15/03/2026
Faayidaa qurunfulii
```````````````````````````
▪︎Qurunfuliin (Cloves) baala qoricha bara durii kaasee wal'aansa keessatti fayyadamaa turan keessaa isa tokko. Faayidaan qurunfului baay’ee barbaachisaa ta’e maali?
Mee waa’ee faayidaa qurunfulii soorata inni of keessaa qabuu fi miidhaa qaama irratti qabu kanneen armaan gadiitiin haa barannu:
Faayidaa fayyaa qurunfulii (cloves)
Mi'eessituuwwan qophii nyaataa hedduutti mi'aa dabaluudhaaf itti fayyadaman keessaa tokko kan ta'e, keessumaa dhukkubbii ilkaanii battalumatti namarraa dhaabuun beekama.
Faayidaan isaas kana qofaan kan daangeffame miti, faayidaa hedduu waan qabuuf, isaan keessaa kanneen beekamoo ta’an kanneen armaan gadiiti:
1. Infeekshinii ittisuu fi dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu cimsuu:
Qurunfulii (Cloves) antioxidants humna guddaa qaban phenols jedhaman kan free radicals lolan waan of keessaa qabuuf infekshinii hedduu yaaluuf gargaaruu akka danda'u agarsiifameera.
- Infeekshiniiwwanii fi dhukkuboota qurunfuliin ittisuuf gargaaru keessaa kanneen armaan gadiiti:
- Dhukkuba arthritis fi rheumatism. Kunis kan raawwatamu zayita qurunfulii maashaalee irratti masaajii gochuudhaani.
- Infeekshinii ijaa daddarbaa yaaluun beekama .
- kaansarii garaachaa yaaluuf ganama ganama firii lama alanfachuun bishaan isaa liqimsuun fayidaa baayyee nikenna.
2. Fayyaa sirna hargansuu guddisuu:
Qurunfuliin (Cloves) sirna hargansuu kanneen armaan gadii yaala :
- Infeekshinii sirna hargansuu gubbaa ittisuu fi mallattoo isaanii salphisuu.
- Qorra, infuleenzaa, qufaa, utaalloo, fi dhukkuba asmii ittisuu.
- Infeekshinii biroonkiiyaa fi saayinisii ittisuu.
3. Dhukkubbii ilkaanii wal'aanuu fi dhukkubbii salphisuu:
Faayidaan qurunfulii baay’ee beekamaa ta’e keessaa tokko dhukkubbii ilkaanii salphisuuf gahee inni qabuudha.
- Farra vaayirasii fi farra baakteeriyaa ta'uu bira darbee zayita Yujeenool kan of keessaa qabu yoo ta'u, kunis akka qoricha sammuu namaa sieessuutti hojjeta.
- Zayitii qurunfulii xiqqoo jibiriitti dabaluudhaan naannoo dhukkubbiin itti dhagahamu irratti kaa'uudhaan fayyadamuu ni danda'ama, sana booda battalumatti boqonnaan ni jalqaba.
- Kana malees, afuura badaa afaanii balleessuufis ni fayyadamama.
4. Fayyaa bullaa'insa nyaataa guddisuuf:
Qurunfulii (Cloves) sirna bullaa'insa nyaataa kanneen armaan gadii gargaaruun beekameera:
- Adeemsa bullaa’insa nyaataa haala mijeessuuf .
- Gaazota ari’uu.
-Dhukkubbii Garaa hirdhisuu.
- Dhukkubbii garaachaa salphisa.
- Wal'aansa dhukkuba garaa kaasaati.
- Carraa madaa garaachaa hir'isuu, fi yoo madaan jiraate akka fayyyuuf gargaara.
5. Fayyaa wolqunnamtii saalaa guddisuuf:
Dhiironni rakkoo dafanii dhangalaasuu qaban qurunfulii fayyadamnaan furuu danda'a.
6. Hamma sukkaara dhiigaa to’achuu:
Faayidaa qurunfuliin qabu keessaa tokko dhukkubsattoota sukkaaraa keessatti hamma sukkaara dhiigaa to’achuu keessatti gahee inni qabu yoo ta’u, kanaanis carraa rakkoolee adda addaa isaan mudachuu danda’u hir’isa.
7. Hojii Tiruu fooyyessuu:
-Antioxidant eugenol cloves keessatti argamu carraa cirrhosis fi dhukkuba cooma tiruu hir'isuu irratti faayidaa qabaachuu isaatiin alatti hojii tiruu fooyyessuuf gumaacha qaba.
8. Fayyaa lafee fooyyessuuf:
- Qurunfuliin(Cloves) albuuda lafee guddisuuf gargaaruu akka danda'u hubatameera, garuu ammallee bu'aa kana mirkaneessuuf qorannoo dabalataa godhamaa jira.
9. Finniisa yaaluuf:
Zayitiin qurunfulii (cloves) finniisa yaaluuf bu'a qabeessa ta'uun sababiin isaas yuujeenool sochii baakteeriyaa finniisaatiif itti gaafatamummaa qaban tasgabbeessa, akkasumas deebii inflammatory hir'isa.
Soorata inni of keessaa qabu irraa kan maddu yoo ta’u, isaan keessaa kanneen barbaachisoo ta’an kanneen armaan gadiiti:
-Vitamin K.
-Vitamin C.
-Vitamin A.
-Ayiranii.
-maagniziyeemii.
-Foosfarasii.
-Sodiyeemii.
-Kaalsiyeemii.
-Pootaasiyeemii.
-Mangaanizii.
▪︎ Itti fayyadama isaatiif:
1- Qurunfulii daakamaa faldhaana xiqqaa tokko aannan burcuqoo tokko woliin fayyadamuun nidanda'ama.
2-Bishaan danfaa burcuqoo tokko damma faldhaan tokko, qurunfulii faldhaana xiqqaa tokko bishaan hoo'aa sanatti naquudhaan erga qabbanaawe booda dhugama .
3- Zayita isaa bakka dhukkubuutti dibuu ilkaan yoo sidhukkube jibriidhaan fuutee ilkaan sidhukkuberra keessa.
Fayyaa tahaa!
Uzefi Faris
Mana Qoricha Aadaa Bilaal irraa dawaa feetan argattu teessoon magaalaa jimmaa sentiraaliitti argamna.
Lakk: 0912971362
:0915467978
11/03/2026
Biqiltuu memmoqqoo (ሜክሜኮ)
````````````````````````````````````````````
Biqiltuun kun memmoqqoo /memoko jedhamee beekama oromiyaa keessatti akka gaariitti argama yaala dawaa aadaa keessatti tajaajila adda addaatiif itti fayyadamamaa ture.
Mee fayidaa biqiltuu kanaarraa hanga tokko isinbarsiisa silattuu himamee hin dhumu hanganuma irraa barannaan ogeessa dhukkuboota baayyee taateerta jechuudha.
Rumex abyssinicus (Spinach Rhubarb jedhamuunis beekama) biqiltuu qoricha guddaa Itoophiyaa fi tropical Africa keessatti argamu yoo ta'u, akka aadaa isaatti madaa, infekshinii gogaa (cabies, sores), dhukkuba kalee, Dhukkuba tiruu (hepatitis), Dhukkuba garaacha fi dhukkubbii mardhimaanii, dhiibbaa dhiigaa yaaluuf kan ooludha.
Farra inflammatory, farra baakteeriyaa, farra fangasii, Raammoo garaa keessaa (anthelmintic), fi antioxidant qabaachuu isaatiin qoricha afoolaa keessatti bal’inaan itti fayyadama. PubMed Central (PMC) (.gov) PubMed Central (PMC) (.gov)
Faayidaa isaafii Akkaataa itti Fayyadamaa:
1, Madaa fayyisuuf : Bu’aan raayizoomii gogaa haaromsuu guddisuuf, kuufama kolaajiinii fooyyessuuf, akkasumas akka astringent fi antiseptic ta’ee hojjechuuf bakka tokkotti dibama.
2, Infeekshinii Gogaa: Yeroo baayyee dhukkuba gogaa, madaa fi haalawwan gogaa biroo yaaluuf kan gargaarudha.
3, Dhukkubbii Garaachaa: Raammoo garaachaa balleessuuf (raammoo teeppiif), akkasumas dhukkubbii garaachaa, dhukkubbii mardhimaanii fi gogiinsa garaa yaaluuf fayyadama.
4, Anti-inflammatory & Anti-microbial: Infeekshinii akka cophxoo (gonorrhea), michii sombaa (pneumonia), Rihii (rheumatism), fi dhukkubbii waliigalaa hir'isuuf kan ooludha.
5, Dhukkuba Kalee Yeroo Dheeraa: Qoricha aadaa keessatti dhukkuba tiruu, dhukkuba kalee, fi mallattoolee dhukkuba sukkaaraa , dhukkuba kaansarii to’achuuf kan gargaarudha.
6, Fayyadama Biroo: Ho'a qaamaa, busaa yaaluuf, akkasumas akka qoricha fincaaniitti fayyadama.
Qabiyyee Ijoo biqiltuu kanaa : Gatiin qoricha biqiltuu kanaa qabiyyee olaanaa anthraquinones (kan akka emodin, chrysophanol, fi physcion), flavonoids, tannins, fi terpenoids wajjin walqabatee jira.
• Keessattuu hundeen isaanii kompaawundoota baayooaktiiwii kanneen sochii farra maaykiroobiyaanii fi farra oksijiinii qaban oomishuuf beekamaadha.
Hundee isaa danfisuun ykn naala isaa cuunfuudhaan kan qophaawuudha.
Hiddi isaa dhukkuboota kanneen yaala:
Dhukkuba kalee
Dhukkuba tiruu
Dhukkuba busaa
Dhukkuba cophxoo
Dhukkuba garaachaa
Dhukkuba garaa kaasaa yaaluuf oola.
Mukicha akka shaayiitti danfifamee dhugama yoo goggogaa tahe daakamee damma wojjin nyaatama .
Rakkoo gogaan wolqabatuuf muka kana baalaafi hidda isaa tumamee itti godhama.
Fayyaan faaya!
Uzefi Faris
Odeffannoo dabalataa waahii biqiltuu kanaaf
lakk:0917343584
Mana Qoricha Aadaa Bilaal irraa dawaa feetan ni'argattu .
Teessoon keenya magaalaa jimmaa sentiraalii buufata konkolaataa fuunduratti argamna.
Lakk :0912971362/0915467978
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Jimma
0000
