Daga Ahmed¥
Medicals And Emergancy Health Services Allaahuma laa xeeyru ilaa keeyruka(xeeyruka), wala keeyruun ilaa xeeyruka(keeyruka)
13/04/2024
Hawaasa Oromoo Biyya Kuwait irraa Deeggarsa Lammitu Lammiif Birmataa Hirmaannaa Jedhuun Hawaasa Keenya Kan Wolloo Sababa Finxaaleyyiin Amaaraa Qabeenyaafi Qa'ee isaaniit irraa Buqqisaniif Nuti Hawaasni Oromoo Biyya Kuwait Mallaqa (1,787,066.63 ETB)
Ykn Miiliyoona Tokkoof Kuma Dhibba Torbaaf,Kuma Saddeettamii torbaaf Jahaatamii Jaha karaa Deeggara Egereetiin Gumaachinee Jirra.
Galata Addaa Hawaasni Keenya Kan Biyya Kuwait Yaamicha keenya Nuuf Kabajanii Dhalaafi Dhiira Osoo Hin Jenne Waan Qabaniin Dararaa Hawaasa Keenya Kan Wollo Irra Gahe Kanaaf Waan Qaban Irraa Osoo Xiqqaa Guddaa hin Jenne Akkuma Asiin Duraatti Deeggarsa Garagaaraa Godinaalee Keenya kanneen Akka Booranaa, Baalee,Arsi Lixaa ,Harargeefi Kanneen Birootis Kanneen Hoongeen Irratti Cime Yeroo Yerootti Hirmaachaa Turree Jirra.Kanaaf Hawaasni Oromoo Kuwait Dhiiraa Dhalaadhaan Galatoomaa nuuf jedhaa
Haaluma Kanaan Nuti Akka Koree Hawaasa Oromoo Biyya Kuwaitiitti Bakka Buunee Ummata Keenyaaf Hamma Humna Keenyaa Ofiis Hirmaannee Hirmaachisnee Hardha Geenyee Jirra
Ammas Hawaasa keenya Kan Oromoo Rakkoolee Amma Jiruufi Kanneen Fuuldurattis Dhufu yoo Jiraate Bira jirra
13/04/2024
13/04/2024
Daawwattoota OMN, ajjeechaa Qabsaa'aa Oromoo Battee Urgeessaa fi haala waliigalaa uummanni Oromoo keessa jiru ilaalchisuun turtiin Milkeessaa Miidhagaa (PhD) waliin goone, A.L.I sa'aa 12:00 irratti dhiyaata. daawwadhaa
13/04/2024
Barreessaa Waadaa Getaachoo torban darbe keessa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Furiitii humnoota tika mootummaatiin hiriyyoota isaa biraa qabame.
Dargaggoo kana guyyoota lamaaf Meeksiikootti hidhanii tursiisan illee guyyaa lamaa booda bakki geessan wallaalameera jedhu hiriyyoonni isaa.
Kaleessa immoo hiriyyaa isaa waliin mana tokko jiraatan barreessaa Boonsaa Adaanaa humnootuma tikka mootummaan qabamee hidhameera jedhan.
Balaa konkolaataa aanaa Dodolaatti mudateen lubbuun namoota 13 darbuun dhagahame.
Balaan kun kan gahe konkolaataan imaltoota fe'ee Magaalaa Nageellee Meexamaa irraa gara Dodolaa imala ture aanaa Dodolaa ganda Alantuu jedhamu keessatti konkolaataa Sino Tiraakii waliin walitti bu'uuni jedhame.
Kanneen madaa'an hospitaala waliigalaa Dodolaafi Madda Walaabuutti wakdhaanamaa jiraachuu dhageenye.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Kombolcha
040506
