Kuno F. Negasa

Kuno F. Negasa

Share

🔥 PUBLIC HEALTH

18/06/2026

✅ 💉 “Diclo + Dexa”! Hawaasa keenyaaf Waamicha Of Qabuu!

👨‍🦳 Obbo R, nama ganna 37, furdina qaama qabu, qufaa fi garaa dhukkubbii salphaa qabee gara Hospitaala Meelba dhufe.
Duraanis Kilinika dhuunfaa irraa qorichoota akka Ceftriaxone + Diclofenac + Dexamethasone walitti makanii sirinjii tokkoon itti kennamaa ture.

Yeroo fayyaa itti dhaga’amu hunda immoo “lilmoo sana” akka deebi’ee fudhatu dubbate!

🩸 Dhiibbaan dhiigaa: 180/90 mmHg
🩸 Sukkaaraan dhiigaa (HbA1c): 10.3%
🤕 Dhukkubbii garaachaa cimaa qaba; qorannoon agarsiise — isteeroyidii fi Diclofenac yeroo dheeraaf to’annaa malee itti fayyadamuun miidhaa fidaa ture!

➡️ Kana jechuun — fayyaa yeroo gabaabaa argachuuf, balaa yeroo dheeraa ofiin uumeera!

⚠️ “Diclo + Dexa” – Miidhaa Suuta Jettuudha!

Hawaasni keenya bakka hedduutti “Diclo + Dexa” jedhu kana
akka qoricha dhukkubbii, hargansuu, alerjii, ykn marfata miira fayyaa ta’eetti fayyadama.

Namoonni hedduun maqaa garaa garaatiin ni waamu:

Garuu dhugaan jiru —
🚫 Ajaja ogeessa fayyaa malee kennamuu hin qabu.
🚫 Diclofenac fi Dexamethasone sirinjii tokko keessatti walitti makuun hin hayyamamu!
🚫 FDA fi EMA irratti qorichaa wal makamee akkasii tokkollee hin mirkanaa’in!

📊 Ragaa Qorannoo

📍 Qorannoon bara 2024 Finfinneetti gaggeeffame akka agarsiisutti —
namoota 5 keessaa tokko lilmoo ajaja ogeessa malee fayyadama; hedduun isaanii isteeroyidii (Dexamethasone) of keessaa qabu.

📍 Qorannoon bara 2023 immoo, dhaabbilee fayyaa sadarkaa duraa keessaa 37% keessatti lilmoon nageenya hin qabne akka kennamu agarsiise.

👉 Kun seenaa tokko qofaa miti — biyyatti mara keessatti babal’ataa jira!

💡 Maalif Namoonni “Diclo + Dexa” Filatu?
✅ “Lilmoon” saffisaan fayyisa jedhanii amanu.
✅ Ogeeyyiin tokko tokko maamila gammachiisuuf saffisaan furmaata kennu barbaadu.
✅ To’annoon laafaa fi ajaja malee kennamu.
✅ Miidhaan isaa yeroo gabaabaa hin mul’atu — garuu yeroo dheeraa rakkoo fida.

⚕️ Miidhaa Qorichoota Lamaan Irraa Dhufu

💢 Dexamethasone irraa:
1️⃣ Dhukkuba sukkaar

F.Negasa follow godha🙏

Kuno F. Negasa 11/02/2026

(Eebbisaa Baayisaa)
Ragaawwan barnootaa ishee qabattee mooraa dhaabbatichaa keessaa gad baate. Gara itti deemtu hin qabdu. Hojii argachuuf dorgomtee turte. Garuu ni kufte. Sababnihoo? Muuxannoo hin qabdu kan jedhu ture. Dhuguma, muuxannoo hojii hin qabdu. Addunyaa hojiitti seenuuf kun yaalii ishee isa jalqabaa ture. Eyyee, ture. Garuu hin taane, ni kufte.
Taaksii qabattee gara walakkeessa magaalaatti deemte. Dhuma irratti, taaksii irraa buutee suuta tarkaanfachaa fuula duratti deemte. Aduun gaaf sanaa fira dubbisuuf gad dhuftee waan as jirtu fakkaatti. Maayilii miliyoona 93, jechuun kiilo meetira miliyoona 150 irra teessee waan hammana gubdu hin fakkaattu. Lafichi baay’ee guba. Soolaneenis akkuma kumoota lafa deemanii dafqaa jirti.

Gara harka ishee mirgaa ilaalte. Paarkii bal’aatu jira. Mukkeen gaaddisa qaban, akkasumas teessuma hawwataa hedduutu keessa ture. Itti gorte. Teessuma dheeraa namoota 4 teessisu kan namni irra hin jirre irra gad teesse.
Daqiiqaa 10 teessee erga qilleensa fudhattee booda yaada akka malee ishee liqimse keessaa yoo dammaqxu jaarsi tilmaamaan waggaa 70ta gara dhumaa ishee bira taa’anii jiru.
“Wacaa jirta, intala koo!” jedhan jaarsi.
“Ani moo? Yooman waa dubbadhe?” jette ija isaanii keessa ilaaluu sossodaachaa.
“Nama dubbatu qofatu wacaa? Yaadonni kee akka malee iyyaa jiru” ittiin jedhan.
“Inni illee dhugaadha!” jette sagalaa gad bu’aadhaan.
Obbo Kumaan waa hubataniiru. Mucayyoon isaan bira teessee jirtu akka rakkoo qabdu.
“Maal taate? Tarii si gargaaruun danda’aa?” jedhanii gaafatan

“Umurii keessan kanatti ogummaan hunda caalu kan isin argattan maali?” jettee gaafatte. Gaaffii isaan hin eegin ture. Ija isaanii wal irra buusanii xiqqoo itti yaadan.
“Anaaf, ogummaan ogummaa caalu wantota eenyummaa koo hin ijaarretti humnaa fi yeroo koo fixuu dhiisuudha! Argitee? Namoonni baay’een dhimmoota isaan hin ilaallanneef bara isaanii fixu!” jedhan.
“Kun jireenya koo wajjin wal qabataa laata? Abjuun koo hayyuu siyaas

Kuno F. Negasa 🔥 PUBLIC HEALTH

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Nek'emte?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Nek'emte