Tiktokbarilafa
02/06/2025
https://www.facebook.com/100084231140637/posts/345516911599344/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
02/06/2025
Provide
Qaxxaamurri Hinjiru:
Filosofarichi beekamaan Girikii Soqraaxis jedhamu haadha manaa guyyuu jireenya isaa jeeqxee nagaa isa dhowwachaa turte wajjjn jireenya isaa kan dabarse tahuu isaa namoota meeqatu beeka laata?
Arrabni haadha manaa Soqraaxis akka baala gurgubbee (saammaa) kan nama gubaa turedha jedhama. Dubartii hamtuu waa obsuu hidadeeyeefi dubartii "bishaantu qallate" jettee manatti abidda qabsiisuu geessu turtedha jedha seenaan ishee. Hanga daangaa darbuttis dubartii obsa Soqraaxis qoraa turtedha jedhamti.
Fakkeenyaaf, ganama ganama hoggayyuu mana keessaa ariitee, ala aduu keessa taa'i jettin.
Soqraaxis, abbaan manaa ishee sun deebi'ee mana oli seenuu kan danda'u wayita iji aduu dayeessa duubaan dhokattu ture.
Kan nama dinqu garuu, haati manaa isaa hagam jireenya isaatti gidiraa taatu illee, Soqraaxis nama alagaa biratti haadha manaa isaa ilaalchisee hamaa ishee hindubbatu ture jedhama. Gaarummaafi cimina isheetiin faarsaanii ture jedhu.
Inumaayyuu, akka inni falaasamatti qaroomuf qorumsi isheen irraan ga'aa turte daandii ogummaa (wisdom) akka tahefitti tibba tokko dhugaa bahee akka ture odeeffama.
Guyyaa tokko immoo akkas tahe:
Soqraaxis taa'ee utuu barattoota isaa wajjin mari'atuu haati manaa isaa kun dhuftee itti dutte
/oriite. Dheekamtee hindhiisine. Bishaan gamboo guutuu mataa irratti gombiste. Soqraaxis gochaa isheetti hin'aarre. Hingaddines. Suutuma fuula isaa qoorfatee, "bakakkaa duubaan roobni akka dhufuu malu tilmaamuun laafaadha," jedhee callise.
Seenaan haadha manaa Soqraaxis garuu utuu hin'eegamiin akka tasaatti goolabame. Akkuma barte guyyaa biroo tokkottis Soqraaxisitti geerarte. Soqraaxis akkuma guyyaa kaan godhu jalaa callise.
Itti hindheekkamne. Deebiis hinkenninef. Akkuma dhagaa callisee yaada sammuu isaa alanfata ture. Calleensi isaa caalaatti nagaa ishee dhowwate. Nifiniinte. Nigubatte. Aarii irraa kan ka'e dhiigni sammuu ishee kore. Tasatti onneen ishee dhaabatte. Jireenyi ishee dachee irraa goolabame. Ni'obbaafatte.
12/01/2024
06/01/2024
Salaata Jabeessi Salaanni Rizqii Siif Argamsiisa
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
☞ Salaanni: fayyaa kee siif tiysa
☞ Salaanni: azaa sirraa deebisti
☞ Salaanni:dhukkuba sirraa deebisti..
☞ Salaanni: qalbii si jabeeysiti..
☞ Salaanni: fuula si ibsiti..
☞ Salaanni: gammachuu siif kanniti.
☞ Salaanni: hifannaa sirraa deemsifti.
☞ Salaanni: nashaaxa qaamaa siif kanniti..
☞ Salaanni: dhihana ruuhiiti
☞ Salaanni: ni'imaa Rabbii sirratti tiksa..
☞ Salaanni: dallansuu Rabbii sirraa deebisti
☞ Salaanni: qalbii siif ibsiti..
☞ Salaanni: sheyxaanarra si fageeysiti..
☞ Salaanni: Rabbitti si dhiheeysa..
☞ Salaanni: barakaa siif argamsiiftuu dha........ jecha Imaam ibnul qayyim.....
Dr Nebil
05/01/2024
Faayidaa Raafuu:
1. Kaalorii xiqqaa waan qabuuf ulfaatina qaamaa to'achuuf gaarii dha.
2. Fayyaa bullaa'insa nyaataaf faayibara baay'ee qaba.
3. Vitaamin C fi K tiin kan guutamedha
4. Antioxidants deeggarsa ittisa qaamaatif gargaruun kaa badhaadhedha
5. Albuuda akka pootaasiyeemii of keessaa qaba
6. Fayyaa onneef ni deeggara
7. Nyaata adda addaa keessatti kaa baay'ee barbaachisuudha
8. Fayyaa gogaa fi oomisha kolaajiiniif ni gargaara
9. Carraa kaansarii tokko tokko hir'isuu danda'a
10. Baajata kan mijatuu (kaa qusatuu) fi bal’inaan kaa argamudha.
©️ Waa'ee Fayyaa
Dr nebil
05/01/2024
AMALOOTA Milkaa'ina Nama Hanqisan |
▂▂▂▂▂▂▂▂▂▂▂▂
1. WALLAALUMMAA: Wallaalummaan murtoo gaarii aka hin murteessine si godha.
2.INAAFFAA: inaaffaan of guddisuu irratti akka hin xiyyeeffanne si dhorka.
3.OF-TUULUMMAA: Namoota biroo irraa akka hin baranne si dhorka.
4.SHAKKII: Shakkiin of amanuu fi abjuu kee milkeessuuf bu'aa ba'ii jiru akka hin darbine si godha.
5.JIBBA: Jibbi nama fooyya'aa akka hin taane si godha.
6.DHIIFAMA GOCHUU DHABUU: Nama bilisa taatee akka hin jiraanne si dhorka.
7.SOBA: Namoonni akka sitti hin amanne si godha.
8. BOONUU: Boonuun dogoggora kee akka hin arginee fi irraa akka hin baranne si dhorka.
Dubbiin kun haqa soba hin qabnedha! Liqimsi😕♥️
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Nekemte
NEKEMTE

02/06/2025