Oro family
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oro family, Shambu.
03/06/2026
Gabriel fi Eze rukuttaa Penalty dhabuu isaanii ilaalchisee akkas jedhe: "Baay'ee gaddanii jiru. Tapha xumuraa Shaampiyonsi Liigii irratti penalitii dhabuun waan gaarii miti. Garuu nu isaan ni jaallanna, yoomiyyuu isaan wajjin jirra; kun immoo kubbaa miilaa keessatti ni mudata. Isan taphattoota xumura irratti penalitii hanqisan warra dhumaa miti. Kubbaa keessatti namni hundi penalitii hanqisee beeka" jechuun yaada bilchaataa kenne.
10/05/2026
Dubbii Jabduu.... Keessummaa Haadha Manaa Dhungate.
Namichatu osoo daandii deemuu aduun itti dhiinaan mana namaatti gore. Akkuma keessummaa tokkootti, nyaatee dhugee otoo keessumsiifamaa jiruu haadha manaatiin ijji walirra isaan buute. Karaa ittiin ishee argatu osoo buusee baasuu sa'aatiin irribaa ga'e. Ciisee cinaacha gaggaragalchuu eegale. Otoo yaaduu malli tokko dhufeefii gadi ba'ee, mooraa loonii diigee ol deebi'ee ciise. Egaa akkuma beekamu baadiyyaatti namni horii qabu dhaggeeffachaatuma mugaa, shokokii dhageenyaan abbaan manaa gadi ba'e. Yeroo kana deemee ishee dhungatee, deebi'ee ciise. Ammas waantittiin araada itti taatee, ba'e loon jalaa banee ol deebi'ee yeroo abbaan manaa ba'u dhungate. Otoo akkanatti meeqa kaasuu, gara barii namichi ani dadhabee mee atimmoo ba'i jedhee haadha manaa baase. Yeroo kana inni abbaa manaatu ba'e se'ee iddoo ciisaatti namicha dhungoon gaggabse. Namichi rifatee maal taate namichoo yeroo jedhuun, deemuufani nagaatti isiniin jechuu kooti jedheen jedhama.
Safuudha abboo,
Ajaa'ibaamđ
đ
31/03/2026
Oduu Ajaa'ibaađ±đł
Deggeraan Kun Jabbii đź Namaa Hatee Utuu Gabaatti Geeffachaa Jiru Qabamee Jedhanđ đ
Jarattin bakkuma hundumaati nagaa hn qabdu jechuudhaamđ
Arsenal đŠ”
09/03/2026
âOsoon Mikel Arteta taâee, Set-Pieces irratti kana caalaa cimseen hojjedha tureâ - Wayne Rooney
Wayne Rooniin qeeqa Arsenaal irratti kaâaa jiruuf, sababni isaa maal akka taâe akka hin hubanne dubbate. Tapha Arsenaal taphatu ilaaluun akka isa gammachiisus amanee jira.....
âNamoonni baayâeen waaâee Arsenaal fi akkaataa tapha isaanii yeroo dubbatan dhagaâeera, garuu isaan guddaa jiraachuu isaanii nan amana.â
âKubbaan miilaa akkaataa garaagaraatti taphatama. Manchester Cityân yeroo muraasaaf dhugumaan tapha addaa taâe taphate, akkasumas gareenkoo, Man United yeroo tokko tokko akkas ture.â
Garuu Arsenal walnyaatinsa gaarii qabu, tapha irratti gareewwan adda addaa isaan qaban, warra goolii galchuu dandaâanii fi taphachuu itti fufuu dandaâaniidha. Dhugumatti yeroo isaan taphatan ilaaluun na gammachiisa.â
âSet-Piecesân qaama kubbaa miilaa ti â maaliif itti hin fayyadamtu? Qaama sarara Penalty keessa kaaâu, gareewwan qaroo gahaa yoo hin qabaanne ykn taphattoota ittiin walâaansoo qaban hin arganne taanaan Arsenaal maaliif akkas itti hin fufu?â
âOsoon Mikel Arteta taâee caalaatti nan hojjedha ture. Qaama taphichaa waan taâeef baayâeen jaalladha â homaa jijjiiruu hin qaban.â
âTapha banaa irraa goolii hamma barbaadamu hin galchine taâa, garuu karaa biraatiin bakka buusaniiru.â
âYeroo waancaa Premier League isa dhumaa kan injifanne, akka gareetti gaarii hin turre, garuu amma namni waaâee kanaa dubbatu hin jiru. Arsenaal akka namoonni jedhan, tapha fokkisaa taâe waan taphatu natti hin fakkaatu, dhugumanis hin taâu.â
âAni kana kanan jedhuuf, Arsenaal waanan jaalladhuuf osoo hin taane, qeeqni isaan irra gaâu kun baayâee haqa kan hin qabne akka taâeefi dha.â
Legend warra Man United keessaa, nama qixaan dubbatu, isa qofaatu jira. Gary Neville, Paul Emerson, Rio Fernand maaliif, michuu dhugaa hintaane? Akkuma Wayne Rooniin jedhe, Arsenal jaallachuu dhiisuu dandeessa, garuummoo Arsenal dhugaa qabu hin haaliin. Kun qofti gahaadha!
01/03/2026
"Adaraa Jaalalaa dhiifama naaf godhi?" wayyoo Badiin koo har'a naaf galee.
Seenaa jaalala dhugaa bira hin darbiinaa dubbisaa!
seenaa kana yeroon taa'ee yaadu jaallachuufis ta'e jaallatamuuf amileesaan dhaba. onneen jaalala dhugaan miidhamte akka hanqaaquu cabeeti.
seenaa kana Amma dhumaatti Obsaan yoo dubbistan waan guddaa irraa barattu.
hirriyyoota lammaan baay'ee Wal jaallatutu turan. jaalalli isaan waliif qaban warra kaa'aanif fakkeenya Fi mallattoo jaalalaati.
Obsaan nama baay'ee Amala Fi dandeetti cimaa qabudha. uummanni naannoo isaa jiraatu hundumtuu kabajaa Fi jaalala addaa qabaaf.
Jaallannee duukaa hariiroo jaalalaa keessa erga seenanii waggaa shanii booda rakkoon isaan mudate.
isheenis innis ilmaan hiyyeessaa waan tahaniif; dirqama namni tokko isaan keessaa barumsa dhiisee kan baratu barsiisuu qaba. Obsaan barataa cimaadha, nama boor biyya kanaaf bu'aa buusa jedhamee eegamu keessaa Isa tokko. jaallanneenis barattuu cimtuudha!
kanaafi Amma dubbiin kan kokkeetti isaan qabde. yoo Lama tahanii deemanii namni Haadha Obsaa, Obsaa Fi jaallannee gargaaru hin jiru.
haa ta'u malee Obsaan Yuunivarsiitii Finfinnee deemee withdraw guutee gale.
jaallannee garuu Isa birĂ a achitti aftee akka barattuu Fi ofii isaa hojjetee akka barsiisu godhe.
akkuma galeem halkanii guyyaa hojjetee qarshii walitti qabate. jireenya haadha isaas ta'e jireenya mataa isaa yeroo gabaabdu keessatti jijjiire. mana bittaa Fi gurgurtaa ( suuqii) guddaa banate.
meeshaa mana sana keessatti gurguru Finfinnee markaatoo dhaqee bitata.
torbee Lama Lamaan jaallanneef qarshii 2500 ergaaf. yeroo Finfinnee deemus waan ishee barbaachisu hunda godhaaf
haa ta'u malee guyyaa tokko hirriyyoota isaa keessa tokko utuma bilbilaan duukaa aasahuu " obsa Jaallannee hangam amanta?" jedha
innis " guutummaa guutuuttin ishee amana" jedhe. " egaa Ani seenaa Kee kaleessaa sirrittan beekaa: isheen garuu hiriiroo jaalalaa nama duukaa eegalteetti. qarshii ati itti ergutuyyuu ittiin bahanii bakkee bulu. akka yeroo kaa'aaniis barnoota badaa hin deemtu" jedhe.
Obsaanis " lakki isin gargar nu baasuuf malee naaf yaaddanii miti. Jaalluu koo akkas hin gootu" jedhe.
Hirriyyoonni isaa irra deddeebanii isatti himanis inni garuu amanee fudhachuu hin dandeenye. Garuu guyyaa tokko hirriyyoonni isaa " kottuu naannoo gibbii taa'ii! Mana siree isaan deeman sitti himnaa: achii booda atu hin agartaa " jedhan.
Innis irra deddeebanii waan Isa gaafataniif ' tole " jedhee meeshaa bitachuu dhufee achumaan taa'e.
Isheenis akkuma Amala ishee qarshii Isa gaafannaan 3500 ergeefi.
Isaanis akkuma kaleessaa mucaa sana duukaa Wal fudhatanii yeroo isaan bahan ; hirriyyoonni Obsaa hordofanii itti himan.
Hoteela mana siree qabu kana naannoo Yuunivarsiitii jiru seenanii erga nyaatanii dhuganii booda kutaa qabatan sana lixan.
Obsaa fagoo taa'ee ilaalaa ture. Daqiiqaa 5 booda kutaa isaan jiran dhaqee mana siree sana yoo Banu walirratti isaan arge.
Yeroo jarri lammaan nahanii walirraa Kahan Obsaan achi dhaabbatee harka rukkuteefii " giifti utuun barumsa jaalladhuu SI barsiisuufan dhiisee gale. Qarshiin hin rakkatiin jedhee siif ergu ittiin dhiira duukaa ciistaa!?!?. Jaalala yeroo dheeraaf biyyi hawwaa ture kanaan bakka buustee?.
Egaa lammeeffaa SI hin jeequu. Akka barbaaddetti jiraadhu. Qubeelaa koo naaf kenni!" Jedhee irraa baafatee fiigee gale.
Mucaan ishee duukaa jiru ykn ciise sun " utuu nama birĂ a jaallattuu ,utuu dhiirri akka koo dafqee SI barsiisuu na duukaa jiraachaa turtee! " Jedhee achitti ishee kabalee deeme .
Yeroo muraasaa booda jireenyi akka kaleessaa isheef ta'uu dide. Garaatti ishee hafe( hin ulfoofte) mana barumsaas ishee arii'e. Mucaa deessee isa guddisaa; Haga amma hojjettuu mana namaa taatee hojjechaa jirti. Nagaroon jaalalaaa ulfaataadhaa!!
Utuu sin ta'ee maal gootu?
Bakka Obsaa bu'aatii yaada keessan barreessaa!
Akkuma isaa gootu moo tarkaaffii garbiraa fudhattu?
Maxxansi koo Kun yoo sinitti toleera ta'ee follow godhaa!
Waan nama Barsiisu baay'ee argachuu dandeessuu.
Barreessaan Miiltoo Karaa Dheeraa
Follow godhaa!
Yaada keessan barreessaa!
Utuu sin ta'ee maal gootu?
26/02/2026
Manchester unitedđ„°đ„°đ„°
21/12/2025
Namnii hiin fudhiin Lakomsaa 1 tokko tuqqaa kan fudhee 2 lamaa tuqqaa iittiin herrummaa
07/12/2025
!!. Waan itti amane dubbateetu bakka itti dhiye bula. Abbaasatu Magarsaa Badhaasaati. Barsiisaa isaatu Taaddasaa Birruuti. Gorsaa isaatu Abdiisaa Aagaati. Hiriyyaa isaatu Eebbisaa Addunyaati, Eessumasaatu Agariidha. Adaadaa isaatu Ababbach Goobanaati; Onnee isaatu kan Abiishee Garbaati. Soddaa isaatu Hacaaluu Hundeessati .......
? Akkamitti sobee haa jiraaturee? Dhugaa fi rakkina uummata isaa akkamitti haa dhoksuree? Gadadoo uummataatti akkamitti haa qoosuree? Kunneen isaaf ni danda'amaaree? Abadan hin danda'amuuf; hin liqimfamuuf!
Meeshaa hidhatee hin qabu, Finfinnee walakkaa taa'ee account Facebook tokkoon qofa Barcuma jalatti sochoose. Raayyaa Miidiyaa kumaatama itti bobbasanis qolachuu hin dandeenye. ulfannaan isa hidhan.
Taye Dendea Aredo Waaqni lafa ati jirtutti si waliin haa tahu!
taatee mul'atti
=> Hi
=> Akkam
=>Glt waaqaa
=> Baga jiraatte kaa
=> Ameen walumaanuu wal barruu ree
=> Rakkoo hin qabu
=> Eessa jiraachaa jirta ree?
=> Ambo
=> suurri ati konkolaataa kee wajjiin kaate sun natti tole
=> Galatoomi
=> kan keetii garuu?
=> kan obboleessa kooti sin barre garuu ati eessa?
=> ani buraayyuun jiraadha garuu ambos yeroo yeroottan dhufa
=> bareeda maal hojjetta ree?
=> homaayyuu garuu micaa tokko wajjiin wal jaalannee inni hojii qaba isa biran deddeebi'a
=> Haadhuma manaa fi abbaa manaati kaa?
=> Lakki akkasumatti wal jaalanne garuu ani garaadhaan hin jaalanne ittan dabbaramaa jira, wal baruu dandeenya ammayyuu ambon jira na geggeessi koottu
=> class deemuufani ammalle
=> Konkolaataa dhaabdee moo?
=> lakki ittiinan deemaa jira
=> koottu kaa daqiiqaa muraasa wal barree deebitaa
=> dhiifama garuu chiikiin kee siin hin lolu moo ?
=> ani isa hin jaalanne isayyuu inni barsiisaadha elementary barsiisa baadiyyaadhaa
=> osoon amma dhufee wal barree na jaalattaa ree?
=> dhugaa waluma barraa malee rakkoo hin qabu koottu amma giinciitti na geggeessitaa
=> nan qoose ani konkolaataa hin qabu gatii taaskiiyyuu dhabeen miilaan deemaa jira
=> _______?
=> dubbadhu!
=> ______
Safuudha hibboo maal kun dhaloonni jaalala dhugaa dhiisee qabeenyaaf bitamu!
Amma kana Hunda Dubbistee Utuu like Hin Godhin Yeroo dabartu Sheemiin Sin qabuu? Dhugaa Rabbii
Haa ta'u Maalumaafuu Maxxansađ„Mimmiidhagoođ„biroo Argachuuf Follow Godhiđ
Click here to claim your Sponsored Listing.
