Falmataa Daangaa oromiyaa

Falmataa Daangaa oromiyaa

Share

Page Quuqamtoonni oromoo keessatti Wal argan

24/07/2022

👉Share waliif godhaaWaan ceeraa fokkoo mannen murtii godina booranaa durii siyaasa irraa bilisaa. Amma Gar Aanaa taltalee kanaa gurri maal nu dhaghuutti jiraa?
Obbo Kabbadaa namnii jedhamu kan suuraan isii asii gadii mul'atu Kunin bara mootuummaa wayyaanee aangoo irra Ture sababa innii birrii 'oo Kuma dhibba lamaa 200,000 nyaateef aangoo irraa buusan achii baqatee maallaqa xaa'oo osoo hin kaffalin hojjataa ta'ee mana murtii Aanaa taltalleetti gale Amma dheengadda gaafa wajjirri WMD Taltalee oditii geggeessu Qarshii xaa'oo 200000 bantaaluu irratti argame Amma obboo Bantaaluun Qarshii kan jalaa bahuuf olii gad fiffiiguun Mana murtii aanichaa kaabinee waliin Walitti fiduun mana hojichaa gara hallayyaatti oofuutti jira. Preezdantiin mana murtichaa nama Guddaa waan tahaniif iccitii isaa fuula fb gubbaatti baasuu hin barbaannu.
Mannii murtii Godina booranaa yeroo dhiyootti osoo Mana hojichaa Maqaan hin xuraawin obboo Bantaaluu Kabbadaa nama jedhamu kan Qarshii uummata keenyaa harkaa akkam nuuf fuutaniifi Bantaaluu bakkuma innii jiru sunitti Dhaddacha akka nuuf dhaabdaniifi Pirezdaantii mana murtichaaf ammoo Gorsa afaanii akka nuuf kennitaniif kabajaan isan gaafanna!

G/G
M/H/A/Alangaa Godina booranaatiif
Yaabaloo

16/12/2021

👍👍👍👍👍Of eeggannoo dhumaa. 👍kaabinoota,Cundhuurotaa fi khaadiroota Godina Booranaatiif
B/J
kaabinoonnii fi khaadiroonni Godina booranaa kanaan duras bara TPLF aangoof jecha Gosoota oromoo Jala jiran hunda keessaa Akka addaattii ykn akka mootummaan godinoota kaan caalaa faayidaa addaa uummata booranaa godheefitti uummata booranaa irraa saamtanii ykn dirqamaan guurtanii aangoo ittiin dheereffachuuf wayyaaneef geessaa turuun keeysan ni beekkama. Ammas hin dhiifnee Bara Abiyotis dheengadduma Kan ilmaan hiyyeessaa takka hin baratin kaardii kutaa torbaa gara saddeetii harkatti guurtanii barataniiru jettanii marsaa marsaan ergaa turuun ficcisiisuun keessan ni yaadatama marsaa dhiyoo Kan Ilmaan hiyyeessaa nama dhibba sagalii akka godinaatti 900 ergaa turuun keessan ni beekkama. ammas uummata bonii kokkee kute balleesse Kan keessa deemtanii Ilmaan hiyyeessaa maallaqaan sossobaa akka jirtan isan dhagahaa jirra. Aanaalee hunda irraa maqaan keessan nu gahaa jira. keessattuu kaadiroonnii Akka Waajjira fi Nageenyaa, Milishaa fi Waajjira poolisii irraayis miseensa Poolisii warreen taatan Dararaa isan uummata keenya irraan gahaa jirtan maqaa keessan, suuraa,Gita hojii,iddoo dhalootaa,umurii keessan wajjiin Qaata Jaal marroof ergine Akkuma isan Ilmaan hiyyeessaa sossobdanii Amaaraafi Tigree jidduutti qoraan gootan Nutis maqaa keessan Ragaa qabatamaa wajjiin hanga bilbila keessan hidhuu, Facebook keessan cabsinee ilaaluu, basaastota teessan hunda Adda baafachuu akkuma isan Ilmaan hiyyeessaa marsaa marsaan ergitan Nutis maqaa keessan marsaa 10 ffaaf wbo dhaqqabsaa jirra ammas Abdii hin kutattanii ittuma jirtu keessattuu Warrii Aanaa Taltallee taatan Aanaa hunda dursitanii 1ffaa irratti argamtu. kanaafuu dhaamsii guddaan nuti isaniif qabnu haala asii gadii Kan fakkaata _dubbisaa yoo dandeessan hojii irra oolfadhaa đź—Ł1ffaa Ilmaan hiyyeessaa marsaalee hedduu gandoota akka marmaroo,Dibbee Gayyaa Kuulcha

Telegram: Contact @FerhanAbdulselam 04/12/2021

Waan Abbootii Gadaa Oromoo Karrayyuu irratti raawwate BBC’n akka armaan gaditti odeeffate.

"Humni mootummaa bakka tokkotti nama hin fixu jennee, nuti manneen hidhaa iddoo gara garaa iyyaafataa turre" jedha jiraataan obboleessi jalaa ajjeefame.

"... Erga aduun dimimmiftee toora sa'aatii 1 namoota kana kaasanii bakka lamatti qoodanii, namoota gurguddoo namoota bebbeekamoo fi warreen sirna Gadaa keessatti aangoo olaanoo qaban ajjeesan"

"...Bineensi qaama isaanii walakkaa nyaatee jira, allaattiin ija isaanii keessaa guurteetti"

"...Abbaan Gadaa Karrayyuu ajjeefaman Kadiir Hawaas namoota ajjeecha kana raawwatan keessaa kan beekan qabu: nagaa busuuf waliin hojjetaa hin turree, walgahii waliin taa'aa hin turree? jedhanii maqaa waamanii itti dubbataa turani"

Telegram: Contact @FerhanAbdulselam

03/12/2021

Waraanni Mootummaa Shaggar Bahaa aanaa Fantaalleetti ilmaan Oromoo 22 ajjeese jedhan

Waraanni mootummaa Itoophiyaa qaamoleen PP uummata Oromoo Shaggar Bahaa aanaa Fantaallee keessatti namoota 22 ajjeesuun isaanii beekame.

Dubbiin kun akkaan kulkulfatamee galgala kana miidiyaa hawaasaan kan qoodamaa jiru yoo ta'u, ajjeechaa raawwatame kanaan maanguddootaaf dargaggooti hedduun lubbuu dhabuun isaanii himame.

Ajjeechaan alattis meeshaa uummati ittiin daangaa isaa eeggatu uummata Oromoo irraa akka funaanamu dhiibbaan taasifamun baramee jira.

Ajjeechaa kanaan namooti lubbuu dhaban:

1. Kadiir Hawaas Boruu (Qoloo) (Abbaa Bokkuu ykn Abbaa Gadaa)
2. Jiloo Diidoo
3. Fantallee Boruu Gaalaasoo fi
4. Ilma Fantaallee Boruu galaasoo (Abbaaf ilma)
5. Bulaa Fantalee fi Ilma isaa (Abbaa fi Ilma)
6. Bulgaa Fantaallee
7. Jiloo Boorrayuu
8. Boruu Godaanaa
9. Jiloo Dhaddoo fi
10. Boruu Fantallee Jiloo Horroo kanneen maqaan isaanii nu dhaqqabeedha.

Namoonni ajjeefaman kunneen warreen sirna Gadaa tuuta Michillee yookaanuu Dilbooo Bookaa jedhamuun waamamu keessa warreen hoggansa Gadaarra jiraniidha.

03/12/2021

Inbox
Karrayyuu keessatti namoonni 50ni eda galgala humna addaa oromiyaa naannichaatiin butamuudhaan reeffi namoota 14 amma bosona keessa argameera, warri kaan eessa akka bu'an hin beekamne! Uummanni karrayyuu duguugamaa jira!

Telegram: Contact @FerhanAbdulselam 02/12/2021

Ferhan Abdulselam, [12/1/21, 8:50 PM]
Odeeffannoo qabuun TDF qophii dhumaa xumuranii lola dhumaatiif qophaa’anii ajaja eeggataa jiru. Ammaaf lolli guddaan geggeeffamaa jiru hin jiru. Jarri tooftaan deemu. Bakkoota wareegama itti kaffaluun hin barbaachifne ofumaafuu dhiisanii kan keessaa deemanis jira. Amma karoorri guddaan jiru lola dhumaa gara Finfinneetiif qophii guddaa akka godhaa turan odeeffannoo qaba. Gama kaaniin WBO’n guyyaa guyyaan iddoo hedduu qabataa jira. Walii galatti yoo ilaalle injifannoon kan WBO fi TDF garuu PP’n miidiyaalee hedduu waan qabaniif mooraalii kaabinee fi kaadree isaanii caccabe deebisuuf dhugaa 1 irratti kijiba 99 dabalanii gabaasaa jiru. t.me/FerhanAbdulselam

Ferhan Abdulselam, [12/1/21, 9:27 PM]
Akka gaazexaan Evening Standard kaleessa gabaasa isaa keessatti tilmaametti namootni 100,000 lola Tigraay fi PP keessatti dhuman. Garuu odeeffannoo qabatamaa daataa PP keessaa argadheen namni hanga ammaatti dhume kan Evening Standard tilmaame dachaa hedduun caala. Fakkeenya nama Oromiyaa keessaa qofa gara RIB dabalamee erga lola seenee dhabame kan galmee PP keessaa dhabame (barbadaa’e/du’e/booji’ame) 105,000 tahuu odeeffannoo qabatamaan qaba. Oromiyaa keessaa kan lolatto oofame marsaa 1-4 dhumee amma marsaa 5ffaa keessa jiru. Marsaa 1-4 dhumee jira. 5ffaa keessaahis dhumaa jira. Marsaa 1ffaa meeqatu dhume? Marsaa 2ffaa, 3ffaa, 4ffaa yeroo biraa lakkoofsa isiniif qabadhee dhufa. t.me/FerhanAbdulselam

Ferhan Abdulselam, [12/1/21, 10:06 PM]
Har’a galgala sa’atii 3 irraa eegalee Twitter irratti duula jedhu kana irratti hirmaachuun lammiilee nagayaa Oromiyaa fi guutuu biyyaa keessatti haleellaa xiyyaaraatiin ajjeefamaa jiran baraaruuf sagalee haa taanu.

Link ⬇️
As tuqaa

Telegram: Contact @FerhanAbdulselam

Photos from Abo Teertale's post 24/11/2021
24/11/2021

Namichii Abiyot jedhan kaan ya kute faa jedhanii Mee warrii ragaa argattan nuuf ibsaa

16/11/2021

Warrii garaa gootaraa yeroon dhumateef thanks to OLA &TDF only three days are left!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Yabelo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Mega
Yabelo