Nageenyii Kan Hunda Kenyaati
Dursanii Yakka ittisuu
10/06/2026
13/05/2026
Poolisiin........................
29/03/2026
02/03/2026
16/01/2026
Atileetonni Itiyoophiyaa maraatoonii Doohaa injifatan!
OBN Cyber Media’ Amajjii 08/2018
Har’a ganama Kuwaatar magaalaa Doohaatti dorgommii maraatoonii geggeeffameen atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaanuu injifatan.
Dorgommii dhiirotaan shaampiyoonaan Olompikii Atileet Taammiraat Tolaa rikoordiisaa fooyyessuun mo’ateera.
Atileet Taammiraat Tolaa dorgommicha xumuruuf, sa’atii lamaafi daqiiqaa shaniifi sekondii afurtama fiige. Kunis rikoordii haaraa ta’ee galmaa’eeraaf.
Atileet Taammiraat Tolaatti aanuun Atileet Asaffaa Bookii lammaffaa ba’uun, Bookii Dirribaa sadarkaa sadaffaan xumure. Sadarkaa 4ffaa Dinqaalem Ayyalee, Balaawu Yihunee ammoo 5’ffaa ba’uun atileetonni Itiyoophiyaa olaantummaa isaanii dorgommii kana irratti mul’isan.
Dorgommii maraatoonii dubartootaanis Atileet Tigist Gazzaany sadarkaa 1’ffaan kan xumurte yoo ta’u, Atileet Tigist Girmaa sadarkaa 2’ffaan akkasumas Muluhubbat Tsaggaa sadarkaa 3’ffaan xumurteetti.
09/01/2026
Tajaajilli Waajjirri Poolisii Aanaa Dadar Kennu Yakka ittisuun Nageenya Waareessa!
------------------------
Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadariiti Waajjirii Poolisii Aanichaa Tajaajilli Poolisii Hawaasaatiin Hojiilee Gandoota Aanichaa irratti kennamuun Yakkoota Uumamuu malan fi Nageenya Ummataa Dursanii Eeguun Ol'aantummaa Seeraa Mirkaneessuuf Halkanii Guyyaa Hojjechaa jira .
Haaluma kanaan hojiileen iddoo hojii mijataa gochuuf gandoota aanichaa hunda irratti waajjirri poolisii bifa haarawaan kan ijaarame yommuu tahu agarsiistuuleen waajjirichaa (Taapheellaan)Waajjiroota Poolisii Gandootaf Bifa Nama Hawwatuun Qophaa'ee jira.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
