Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanaa Adoolaa Reeddee

Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanaa Adoolaa Reeddee

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanaa Adoolaa Reeddee, Health/Beauty, Adola Rede, Alga.

Photos from Etv Afaan Oromoo's post 27/06/2026
Photos from Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanaa Adoolaa Reeddee's post 04/03/2025

Guraandhala 25/2017 Aanaa Adoolaa Reeddee Ganda Masinaatti Riqichi Laga Raaroo Rakkoo Bulchiinsa Gaarii Ta'ee Yeroo Dheeraaf Ture Baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qarshii Miliyoona 37 fi Kuma 600 Oliin Hojjachuuf Wal Harkaa Fuudhiinsi Koontiraaktara Wajjiin Taasifame.

Godina Gujii Aanaa Adoolaa Reeddee Ganda Masinaatti Riqicha Laga Raaroo irratti hojjatamuu dhabuu isaatiin rakkoo bulchiinsa gaarii ta'ee ture baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa qarshii miliyoona 37 kuma 620 fi dhibba 661 akka ijaaramuuf Firee Baqqalaa GC1 & WWC1 wajjiin Bulchaa Aanaa Adoolaa Reeddee Obboo Caalaa Waaree, I/G Waajjira Daandii fi Loojostikii Godina Gujii Obboo Hayilee Dheekkamaa fi I/G Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanaa Adoolaa Reeddee Obboo Taaddagaa Alamaayyoo iddoo ummammanni naannichaa argamanitti wal harkaa fuudhiinsi taasifameera.

Bulchaa Aanaa Adoolaa Reeddee Obboo Caalaa Waaree Mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin hogganamu ilma keessan waan ta'eef wanta ummata isaatiif hojjatu irratti sassannaa malee akka hojjatu ummatatti himan.

Akkasumas, piroojektiin kun yeroo gabaabaa keessatti hojjatamee waan xumuramuuf isaan ogummaa isaaniitiin hojjatan cinaa ummanni akka dhaabbatu dhaaman.

Hogganaaa Waajjira Daandii fi Loojistikii Godina Gujii Hayilee Dheekkamaa hojii kana ariisisuuf koontiraaktaroota kana cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu gochuun nagaa isaaniis eegsisuu qabdan jechuun ergaa dabarsan.

I/G Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanaa Adoolaa Reeddee Obboo Taaddagaa Alamaayyoo Riqichi Laga Raaroo hojjatamuuf wal harkaa fuudhiinsi gaggeeffamuu isaatiin rakkoon duraan ture furamuuf karaa qabachuu isaatti gammadee jira jedhan.

Photos from Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanaa Adoolaa Reeddee's post 23/02/2025

Godina Gujii Aanaa Adoolaa Reeddee Ganda Odaa Buttaatti Ijaarsi Riqicha Laga Mandi'aa Sadarkaa Xumurarra Geyaa Jira.

Bishaan laga kanaa miidhaa Lubbuu fi qaamaa ummataa fi qabeenya ummata naannichaa irraan geyaa turuun komii ummataa ta'ee waggoota baay'eef gaaffii te'ee jira. Paartii Badhaadhinaa rakkoo ummataa itti dhikaatee hubatee yeroo gabaabaa keessatti deebii quubsaa kennaa jira. Riqichi kun baajata mootummaa qarshii miliyoona 6.4 fi deeggarsa ogummaa dhaabbata Helvetasiitiin hojjatamaa kan jiruudha.

Riqichi rarra'aan kun haaraa sibiila qofaan hojjatamaa jiruuf yeroo xumurametti Turziimiifis kan filatamuudha. Ijaarsi riqaa kanaa muuxamnoo Ardii keessaa kan fudhatame yemmuu ta'u, umrii dheeraa kan tajaajiluudha. Nama, mootoraa fi beeyladoonni ykn horiin kamiiyyuu irra bu'uu ni dande'a. Muuxamnoo Addunyaarra jiru fiduun Badhaadhina biyya teennaa milkeessuuf haaraa akkanaa baay'isaa deemuun gahee paartii Badhaadhinaati.

Riqichi kun guyyaa muraasa keessatti xumuramee eebbifamuun tajaajila ummataatiif banaa ni ta'a. Ummanni Ganda Odaa Buttaa fi Aanaa Girjaa baga gammaddan; baga waliin gammanne jechaa guyyaa eebba isaatiif sagantaa qopheessine nurraa hin hafinaan dhaamsa keenna!

Photos from Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanaa Adoolaa Reeddee's post 28/09/2024

Godina Gujii Aanaa Adoolaa Reeddee Ganda Qilxuu soorsaatti hojii daandii hirmaannaa Ummataatiin hojjatamaa jiru haala baay'ee namatta toluun itti fufee hojjatamaa jira.

Photos from Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanaa Adoolaa Reeddee's post 28/09/2024

Godina Gujii Aanaa Adoolaa Reeddee Ganda Dooleetti hojii daandii hirmaannaa Ummataatiin hojjatamaa jiru haala baay'ee namatta toluun itti fufee hojjatamaa jira.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Alga?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Adola Rede
Alga