Taree man

Taree man

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Taree man, Health/Beauty, Debre Zeyit.

08/01/2023

Yeroo bayyee wanti hamaa fakkate dhufu haala keessa jirtuu caalaa haalota sif mijesa

03/01/2023
28/07/2022

Nyaatawwan Namoota Dhukkuba Garaachaa Qabaniif Gorfamaniifi Hin Gorfamne!!!
Yeroo ammaa kana namoonni baay'een rakkoo dhukkuba garaachaa ni himatu. Furmaanni isaas harki caalu wantoota rakkoo kanaaf nama saaxilaniifi hammeessan irraa of qusachuudha. Kana jechuun, qorichoota mana yaalaatti nuuf kennaman qofaan guutummaan guutuuttii hin fayyuu jechuudha. Wantoota kanniin keessaa tokko nyaatawwan nutti hammeessaniifi nutti fursan sirriitti adda baafannee beekuu qabna. Nyaanni kunniin yeroo baay'ee namaa namatti garaagarummaa qabaatus, akka walii galaatti garuu nyaanni armaan gadii kunniin yeroo baay'ee namoota rakkoo kana qabaniif filatamaadha jedhamu. Isaanis :-
*Qullubbii adii, qullubbii adiin baakteriyaa rakkoo kana fiduu irratti gahee guddaa taphatu H. Pyloris jedhamuuf haalli akka hin mijanne gochuun lakkoofsa isaa hir'isuun akka inni miidhaa hin geesifne godhuun, akkasumas madaan haarofti akka hin uumamneef ni gargaara
*Fuduraa fi muduraa biroo kanneen yoo nyaatan nama hin gubnee fi asiidummaa hin qabne fknf Muuzii, abukaadoo, appilii, hundee diimaa, raafuu, moosee fi kkf fa'a
*Zinjibila, zinjibilli nyaanni dafee sirriitti akka bullaa'uu fi dafee darbu gochuun, akkasumas amala beezaawaa waan qabuuf asiidummaa garaachaa hir'isuun rakkoo kana ni hir'isaa, dabalataanis madaa'uu keessoo garaachaa ni hir'isa
*Damma ganama ganama fal'ana 2 nyaachuu, dammi keessoo garaachaa madaa'e san fayyisuu keessatti gahee guddaa taphata, akkasumas humnaa ol wal horuu baakteriyaa H. Pyloriis ni ittisa
*Baaduu /ayibii, inni kunis akkuma dammaati👆
*Bishaan gahaa dhuguu, keessattu ganama ganama garaa duwwaatti dhuguu
*Nyaata qabiyyeen isaa pirootiiniin badhaadhe fknf kanneen akka hanqaaquu ganama ganama ciree irratti soorachuu
👍NYAATAWWAN HIN GORFAMNE
Nyaanni kunneen yeroo baayyee, nama hunda jechuu keenyaa miti yoo fayyadaman rakkoo kana namatti hammeessuu danda'u jedhamee yaaddama, isaaniis :-
*Nyaata mi'eessituun garagaraa itti baay'ate fknf barbarreen, qimamii fi ashaboon itti heddumaatu
*Kuduraalee fi muduraalee asiidawaa ta'an fknf loomii, burtukaana, qaaraa fa'a
*Nyaatawwan yeroo dheeraaf turan fknf farsoo yeroo dheeraaf ture
*Bunaa fi Shaayii heddumeessu
*Nyaata coomaa fi zayiitni itti baay'ate soorachuu
*Alkoolii baayi'sanii dhuguu
*Nyaata fi dhugaatiwwan akka juusii firiijii keessatti garmalee qorran
*Chocolate fi nyaata spicy ta'an garagaraa
Galatoomaa!!!
©Dr.Caalaa Didhaa

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Debre Zeyit?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Debre Zeyit