Buufata Fayyaa Darakku

Buufata Fayyaa Darakku

Share

To give healthcare for all our community by information dissemination and give care

Photos from Dr.Abdulfetah Ibrahim's post 25/04/2026
Photos from Buufata Fayyaa Darakku's post 24/03/2026

Akkam Ooltan! Baga jiraattan jechaa,
Buufata Fayyaa Darakkuu Hirmaannaa ummataatin Ceesisuuf karoorfamee hojjatamaa jira!
Kanaaf Har'a 15/7/2018 galgala sa'a 2:00 booda galii sassaabuuf waan karoorfanneef atis gumaacha kee akka bahattu abdii qabna!!
Maqaa Akkawuntii :-
H/U buufata Fayyaa Darakku
CBE :- 1000754645777
Sinqee : 1110354301211
-------------------
-------------------
Koree Deeggarsa Buufata Fayyaa Darakkuu irraa !
Nagaa fi fayyaa hin dhabinaa !

Photos from Buufata Fayyaa Darakku's post 21/09/2023

Dr Abdi m***a ogeessa(Haakima) walii galaa yoo ta’an, Yuunivarsiitii Haramayaa, Kolleejjii Saayinsii Fayyaa fi Meedikaalaa irraa digrii doktoreetiin kan eebbifame yoo ta’u, yeroo ammaa Hospitaala rifaralaa Dilchoraa, Dire Dawaatti hojjechaa jira.
Mucaan isaa dubaraa waggaa 1yeroo isheen ji'a 3 turte dhukkuba onnee Congenital heart disease (patent ductus arteriosus(PDA)) jedhamuun qabamtee turte. Yeroo sanatti isheen mallattoo dhukkubichaa waan hin qabnee fii abbaan isii baqaqsanii hodhuuf baasi baasii sanaa waan hin dandeenyeef itti wayyaa'aa jedhee eegaa ture. Yeroo ammaa kana mallattoolee dadhabuu onnee kan akka dhahannaa onnee akka malee olka'e, ciccotuu afuuraa,qufaa hammachuu, dhiita'uu onnee fii kkf qabdi. Speeshaalistiin onnee daa'imaa kan Hospitaala Hiwoot Faanaa, onneen ishii akka baqaqfamtee yaalamtu gara hospitaala xiqur ambassaatti waraqaa barreesseefii jira. Abbaan ishee yaala kanaaf dandeettii hin qabu. kanaafuu intalli isaa jireenya ishee akka itti fuftuu fii maatii Dr Abdii keessatti gammachuu akka dhufuuf haa gargaarru.

Lakkofsa baankii:1000093678773 Abdi m***a

1000093678773 CBE
1006300034219 CBO

Hub : obboleeyyan kiyya mee obboleeysa keenya ka rakkate kana haa gargaarruu namuu qarshii 10 yoo baafne birr wayyaa tahaf mee haa gargaarruu pls.

Photos from Buufata Fayyaa Darakku's post 22/12/2022

Donate blood save life!
Dhiiga arjoomun lubbuu ummata keenya tan hanqina dhiigatin lubbuu dhabaa jirtu haa baraarru ...

Dhiiga arjoomun boqonnaa sammuuti💟

04/11/2022

Fayyummaa Mooringaa(Shifarraa)
🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
1. Infeekshinii ujummoo fincaanii ittisuu ni danda'a.
2. Dhiitoo fi bishaan qabachuu qaamaa hin barbaachifne ni ittisa
3. Carraa dafanii dulloomuu keenya ni hir'isa.
4. Qaamni keenya dandeettii ittiin dhibee ofirraa qolachuu danda'u ni dabala.
5. Qaamni keenya yoo madaa'e dafee akka fayyuuf ni gargaara.
6. Baakteeriyaa fi fangasiin akka qaamni keenya hin hubamne ni taasisa.
7. Guddina rifeensa keenyaa ni dabala. Fayya qabeessummaa rifeensa keenyaafis ni tola.
8. Fayyummaa gogaa keenyaaf
9. Farra kolestroolii ti.
10. Annisa ykn humna ykn jabina qaama keenyaaf ni kenna.
11. Fayyummaa ija keenyaa eeguun argaa keenya dabala.
12. Dhiibbaa dhiigaa keenya ni sirreessa.
13. Ulfaatina qaama keenyaa ni sirreessa.
14. Dhibee onneef akka hin saaxilamne gargaara.
15. Dhiitoo xannachoota dhibeef nu saaxilan malaan nurraa ittisa.
16. Bullaa'insa nyaataaf ni gargaara.
17. Mukaa'uu ittisee si'oomina uuma.
18. Qoncooruu fi dulloomuu yeroo malee gogaa keenyarraa ittisa.
19. Dhibbee gaastirik (Gastric,) ittisuuf fi fooyyessuuf gargaara
Faayidaan Mooringaa(Shifarraa) danuu ta'uu hubannee fayyadamuun abshaalummaa dha!

Hub: Mooringaan dubartoota ulfaa fi kanneen hoosisaniif gaarii miti waan ta'eef fayyadamuun hin gorfamu.

Dr Jirenya S
Maddi: WHO healthiest food guidlines and summary researches

Photos from Buufata Fayyaa Darakku's post 04/11/2022

Cleft palate 😢😢
This new born baby was delivered by C/S at Gelemso General Hospital

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Gelemso?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


Harar
Gelemso