Dr. Raes z Abd
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr. Raes z Abd, Health/Beauty, harar, Harar.
21/02/2026
Dhukkuboota walqunnamtii saalaatin daddarban (sexually transmitted diseases).
📍📍📍📍📍📍📍📍📍📍📍📍📍
✍️Akka addunyaattis tahee Akka Biyya keennatti dhukkuboota baay'ee beekkamanii fi irra caalatti namoota umrii dargaggumma keessa jiran kan qabuudha (baay'inaan dargaggoota haa qabu malee namni hundi dhibeewwan kanaan qabamuu ni danda'a).
✍️Addunyaatti guyyarraa namni tilmaamaan miliyoona tokko ol ta'u dhukkuba kanaan qabama.
✍️Baakteeriyaa, vaayirasiilee fi maxxantuuwwan(parasites) gosa garagaraa 30 ol ta'an Gama walqunnamtii saalaatin namarraa namatti Kan daddarban Yoo ta'u isaan keessaa saddeet (8) dhukkuboota walqunnamtii saalaatin daddarban fiduun Kan beekkamaniidha. Kanneen keessaa afur Kan dhukkuboota akka cophxoo(gonorhea), fanxoo(syphillis), Kilaamidiyaa fi triikoomooniyaasisif sababa tahan kanneen wal'aansan fayyisuun danda'aman Yoo ta'u afran vaayirasiilee Akka heppaataayitas B, HIV, herpes Vaayiraas fi hiyuman paappiloomaa vaayiraasiin(HPV) dhufaniif hanga ammaatti dawaan guutumaan guututti fayyisu hin argamne.
✍️Dhukkubootni kunniin irra caalatti karaa walqunnamtii saalaatii fi tuttuqaalee qunnamtii saalaatin walqabataniin kan daddarban yoo ta'u dabalataanis, meeshaa qara qabu waliin fayyadamuun, dhangala'aa fi dhiiga dhukkubsataa irraa bahe tuttuquu fi haadha dhukkubicha qabdu irraa gara daa'imaatti yeroo ulfaa, yeroo da'uumsaa fi yeroo harma luugsisan daddarbuu danda'a.
✍️Mallattooleen baay'inaan Dhukkubootni kunniin mul'isan kanneen Akka dhangala'aan qaama saalaatin ba'uu, madaa'uu qaama saalaa, dhiita'uu mudaammuddii naannoo qaama saalaa fi gubaa fincaanii yoo ta'u namni tokko tokko osoo dhukkubicha qabuu mallattoolee kanneen qabaachuu dhabuu danda'a.
✍️ Dhukkubootni kunniin yeroodhan beekkamanii wal'aansi barbaachisaa ta'e yoon hin godhamne xaxaalee fayyaa ulfaatoo fi rakkoo fayyaa umrii gutuu nu waliin turuuf nama saaxiluu danda'u. xaxaalee kanneen keessaa muraasni:-
📌Kaansarii garagaraa kanneen Akka Kaansarii fiixee (Hulaa) Gadaamessaa, Kaansarii qaama saalaa, Kaansarii tiruu, fi kkf
📌Maseenummaa (Dhala dhabuu)
Dhippachuu ujummoo fincaanii fi rakkkoolee kanaan walqabatan.
📌Laamshayuu qaamaa fi ija dhabuu(jaamuu) kkf.
📌Dabalaatanis dhukkuba isa tokkoon qabamuun carraa dhukkuba biroo Kan Akka HIV tin qabamuu ni dabala.
✍️ Dhukkuboota kanniin of irraa ittisuu fi faffaca'iinsa hir'isuun Kan danda'amu Yoo ta'u Innis :-
📌Qunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne irraa of qusachuun ( hiriyaa tokkoo ol qabaachuu dhiisuu, Nama hiriyaa tokkoo ol qabu waliin qunnamtii saalaa gochuu dhabuu fi koondomii fayyadamuun)
📌Dhukkubicha yeroon qoratamuun wal'aansa barbaachisaa ta'e fudhachuu fi hiriyaa hariiroo qunnamtii saalaa waliin qabnus wal'aansisuu.
📌Meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuu dhabuu.
📌Yeroo yeroon qoratamuun osoo namarra hin turin wal'aanamuu.
📌Warreen dhiiraa kittaanun daddabarsii dhukkuboota kanniini ni hir'isa.
📌Dabalaatanis vaayirasiilee Akka heppaataayitas B fi HPV talaallii fudhachuun rakkkoolee fayyaa walqabatanii dhufan irraa of baraaruun ni danda'ama.
💊💊💊💊💊💊💊💊💊💊💊
Horaa bulaa, deebanaa!
Fayyaaf nagaa hin dhabinaa!
21/02/2026
04/12/2025
Comment this x ray
18/11/2025
𝗗𝗵𝘂𝗸𝗸𝘂𝗯𝗮 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝗿𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗛𝗮𝗮 𝗜𝘁𝘁𝗶𝘀𝗻𝘂𝘂!
𝗛𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝗻𝗶 𝗞𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗗𝗵𝗶𝗯𝗲𝗲 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮𝗻 𝗱𝗵𝘂𝗳𝘂 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗮𝗿𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 ,𝗪𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗗𝗵𝘂𝘂𝗻𝗳𝗮𝗮𝗻𝗶𝘀 𝘁𝗮'𝗲𝗲 ,𝗚𝗮𝗺𝘁𝗮𝗮𝗻 𝗔𝗮𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗥𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗤𝗮𝗯𝘂.
•✓ 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮𝗻 𝗠𝗮𝗮𝗹𝗶?
Busaan dhukkuba maxxantuu Bookee busaa ykn paaraasaayitii 'piasmodiam 'jadhamuun dhiiga namaa dhukkuba sanaan qabamee ciniinuun gara nama fayyaa qabutti dhukkuba daddarbudha.
•✓ 𝗠𝗮𝗹𝗹𝗮𝘁𝘁𝗼𝗼 𝗗𝗵𝘂𝗸𝗸𝘂𝗯𝗮 𝗕𝗼𝗼𝗸𝗲𝗲 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮
•☞︎︎︎dhagna gubaa,
☞︎︎︎qorrisiisuu,
☞︎︎︎dafqisiisuu,
☞︎︎︎mataa bowwuu,
☞︎︎︎qaama caccabsuu garaa hammeessuu fi hoqqisuu kan dabalatudha.
Mallattoowwan kun akkuma gosa dhortuu fi hamma yeroo namni sun dhukkubichaan qabamee ture irratti hundaaʼuudhaan saʼaatii 48 hanga saʼaatii 72 gidduutti deddeebiʼanii mulʼachuu dandaʼu.
𝗠𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗜𝘁𝘁𝗶𝘀𝗮 𝗗𝗵𝘂𝗸𝗸𝘂𝗯𝗮 𝗕𝗼𝗼𝗸𝗲𝗲 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮
•✓ Bakka busaan dafee dafee itti kaʼu kan jiraattu yoo taʼe ,Saaphana siree ykn saaphana Bookee busaatti fayyadami. Saaphanni kun qorichi farra ilbiisaa kan itti biifame,qaawwa ykn tarsaʼaa kan hin qabne,guutummaatti firaashii ykn afattoo jala kan galfame taʼuu qaba.
✔︎Qoricha farra ilbiisaa mana keessatti biifamutti fayyadami.Balbalaa fi foddaan yeroo dhiha aduu irraa eegalee sirritti cufamuu qaba. Maatiis tahee; Namoonni saaphana ittiftuu bookee Busaa qaban hunduu; yeroo rafan hunda Saaphana ittiftuu bookee hidhatanii jala rafuu qaban.
•✔︎Uffata guutummaatti qaama kee haguugus uffachuu qaban .
•✔︎Naannoo manneen jireenyaa bishaan kuufame akka hin turre taasisuu, Iddoo walhormaata Bookee kana balleessuuf wantooni raawwatamuun barbaachisuus hojiilee akka;Meeshaa cacaphaa fi meeshaan Bishaan itti kuufamu kamuu maksuu fi qadaaduu. Iddoo boollaa kan bishaan itti kuufamuu malu xixqoos tahee gurguddaan, walhormaata bookee busaaf carraa uumu akka hin jiraane taasisuudha.
✔︎Namootni Mallattoon Dhukkub
17/09/2025
This is not pose, but torticolis
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Harar
Harar
3200
