Dr. Raes z Abd
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr. Raes z Abd, Health/Beauty, harar, Harar.
03/09/2026
๐ฉธ She Had Period Painโฆ But No Period.
Intalli tokko waggaa 16 jechuun haa yaadnu.
Jiโa jiโaan yeroo hiriyoonni ishee marsaa isaanii argatan, isheen garuu laguu takka illee hin arganne.
Garuu rakkoon tokko tureโฆ ๐ณ
Jiโa jiโaan:
๐ Garaachi fi gadi-buโiinsi garaa ishee baayโee dhukkuba.
๐ฃ Dhukkubni sun yeroo muraasa booda ni hirโata.
๐ฉธ Garuu dhiigni laguu alatti hin baโu.
Namoonni tokko tokko,
โEenyutu beeka, yeroo ishee hin geenye taโa,โ jechuun turan.
Garuu waggaa tokko booda dhukkubni sun hammaachuu jalqabe.
Yeroo dhakhtara bira geeffamte, qorannoon waan ajaa'ibsiisaa tokko agarsiiseโฆ
๐ Dhiigni laguu jiโa jiโaan uumamaa ture.
๐ Garuu karaan itti baโu cufamee ture.
Kun Imperforate H***n jechuun waamama. ๐ฉบ
Dhiigni laguu keessaa baโuu hin dandeenye yeroo dheeraaf walitti qabamuu dandaโaโkunis hematocolpos ykn yeroo tokko tokko hematometra fiduu dandaโa.
๐ญ Qaamni ishee marsaa laguu qaba tureโฆ garuu laguun alatti bahuu hin dandeenye.
Dhukkuba qofa mitiโyoo yeroo isaa irratti hin argamne, rakkoo guddaa fiduu dandaโa.
๐ Lesson:
Intala laguu hin jalqabne (primary amenorrhea) fi jiโa jiโaan dhukkuba garaa qabdu keessatti, rakkoo karaa dhiigni laguu itti bahu cufu yaaduun barbaachisaa dha.
๐ฉธ Sometimes, the blood is thereโฆ but there is nowhere to go
๐ Ati dura dhukkuba akkasii dhageessee beektaa?
***n
23/05/2026
YAALAA FI ITTISA DHUKKUBBII DUGDAA (BACK PAIN)
Yeroo baayyee dhukkubbiin kun boqonnaa fudhachuu fi manatti waan sasalphaan of gargaaruun baduu ni danda'a. Yeroo tokko tokko immoo mana yaalaatti yaalas barbaachisuu danda'a.
Akkamitti Ittisun danda'ama?
1, Sosochii qaamaa gochuu, sochiin qaamaa jabinnaa fi qaamni keenya akka salphaatti kottoonfatuu fi diriiru godha.
2,Nyaata madaalamaa (keessattuu nyaatni kaalsiyeemii fi Vaayitaaminii D dhan badhaadhan, fayyummaa lafee keenyaaf baayyee murteessodha); akkasumas kuduraa fi muduraa.
3,Tamboo aarsuu dhiisuu
4,Ulfaatina guddaa qabna yoo ta'e hir'isuu (Ulfaatina madaalawaa qabaachuu)
5,Yeroo Ulfaatina ol kaafnu;
*yoo danda'ame haala bira fayyadamuu ykn suuta jennee ol kaasuu
*yoo olkaasnu Ulfaatina guddaa ol kaasuu hin qabnu *yeroo kaasnu haala mijataa qopheefachuu qabna.
6, Dhaabbannaa fi teessuma keenya mijeffachuu(yeroo dheeraaf dhaabbachuu, taa'uu fi ciisuun dhukkubbii dugdaa qofaaf osoo hin taane akka waligalaatti fayyaa qaama keenyaaf gaarii waan hin taaneef, haalli hojii keessan kanaaf kan isin saaxilu yoo ta'e gidduu jidduutti dhiisuun boqonnaa fudhachuun sochii taasisuu). Yeroo teessanii fi dhaabbatanis haala dhaabbanna fi teessuma qaamaa mijataa ta'e qopheefachuu qabdu.
7,Kophee 'flat' fi kan nu hin qabne fayyadamuu (kan Koomeen isaa olka'aa hin taane)
8, Dhiphina fi Yaaddoo hamaa xiqqeessuu
9,Dugda hanga danda'ameen sukkumachuu
Yeroo kamii Mana Yaalaa Deemuu Qabna?
1.Boqonnaa gahaa fudhachuun kan nu hin dhiifne yoo ta'e
2. Hoo'i qaamaa yoo dabale ( fever)
3.Dhiitaan dugda duuba yoo jiraatee
3, Waliittii fufinsaan kan nama dhukkubu yoo ta'e
4,Dhukkubbiin miilas dabalata yoo ta'e.
5,Fincaan ykn bobbaa (udaan) too'achuu kan hin dandeenye yoo ta'e
6,Fincaan fincaa'un kan nama rakkisuu yoo ta'e.
7, Erga rukkutamanii ykn kufaanii booda yoo ta'e
8,Miilli kan nama adoodu fi sochoosuun kan hin dandeenye ;akkasumas dhukkubbiin hanga miilatti kan gahuu yoo ta'e
9,Ulfaatinni qaamaa yoo baayyee kan hir'ate yoo ta'e ( significant unexplained weight loss) fi kkf yoo jiraatan dafnee mana yaalaa deemuu qabna. Kana hunda goonee yoo nu dhiisuu baate mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisisuun barbaachisaadha.
Galatoomaa!!!
21/02/2026
Dhukkuboota walqunnamtii saalaatin daddarban (sexually transmitted diseases).
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐
โ๏ธAkka addunyaattis tahee Akka Biyya keennatti dhukkuboota baay'ee beekkamanii fi irra caalatti namoota umrii dargaggumma keessa jiran kan qabuudha (baay'inaan dargaggoota haa qabu malee namni hundi dhibeewwan kanaan qabamuu ni danda'a).
โ๏ธAddunyaatti guyyarraa namni tilmaamaan miliyoona tokko ol ta'u dhukkuba kanaan qabama.
โ๏ธBaakteeriyaa, vaayirasiilee fi maxxantuuwwan(parasites) gosa garagaraa 30 ol ta'an Gama walqunnamtii saalaatin namarraa namatti Kan daddarban Yoo ta'u isaan keessaa saddeet (8) dhukkuboota walqunnamtii saalaatin daddarban fiduun Kan beekkamaniidha. Kanneen keessaa afur Kan dhukkuboota akka cophxoo(gonorhea), fanxoo(syphillis), Kilaamidiyaa fi triikoomooniyaasisif sababa tahan kanneen wal'aansan fayyisuun danda'aman Yoo ta'u afran vaayirasiilee Akka heppaataayitas B, HIV, herpes Vaayiraas fi hiyuman paappiloomaa vaayiraasiin(HPV) dhufaniif hanga ammaatti dawaan guutumaan guututti fayyisu hin argamne.
โ๏ธDhukkubootni kunniin irra caalatti karaa walqunnamtii saalaatii fi tuttuqaalee qunnamtii saalaatin walqabataniin kan daddarban yoo ta'u dabalataanis, meeshaa qara qabu waliin fayyadamuun, dhangala'aa fi dhiiga dhukkubsataa irraa bahe tuttuquu fi haadha dhukkubicha qabdu irraa gara daa'imaatti yeroo ulfaa, yeroo da'uumsaa fi yeroo harma luugsisan daddarbuu danda'a.
โ๏ธMallattooleen baay'inaan Dhukkubootni kunniin mul'isan kanneen Akka dhangala'aan qaama saalaatin ba'uu, madaa'uu qaama saalaa, dhiita'uu mudaammuddii naannoo qaama saalaa fi gubaa fincaanii yoo ta'u namni tokko tokko osoo dhukkubicha qabuu mallattoolee kanneen qabaachuu dhabuu danda'a.
โ๏ธ Dhukkubootni kunniin yeroodhan beekkamanii wal'aansi barbaachisaa ta'e yoon hin godhamne xaxaalee fayyaa ulfaatoo fi rakkoo fayyaa umrii gutuu nu waliin turuuf nama saaxiluu danda'u. xaxaalee kanneen keessaa muraasni:-
๐Kaansarii garagaraa kanneen Akka Kaansarii fiixee (Hulaa) Gadaamessaa, Kaansarii qaama saalaa, Kaansarii tiruu, fi kkf
๐Maseenummaa (Dhala dhabuu)
Dhippachuu ujummoo fincaanii fi rakkkoolee kanaan walqabatan.
๐Laamshayuu qaamaa fi ija dhabuu(jaamuu) kkf.
๐Dabalaatanis dhukkuba isa tokkoon qabamuun carraa dhukkuba biroo Kan Akka HIV tin qabamuu ni dabala.
โ๏ธ Dhukkuboota kanniin of irraa ittisuu fi faffaca'iinsa hir'isuun Kan danda'amu Yoo ta'u Innis :-
๐Qunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne irraa of qusachuun ( hiriyaa tokkoo ol qabaachuu dhiisuu, Nama hiriyaa tokkoo ol qabu waliin qunnamtii saalaa gochuu dhabuu fi koondomii fayyadamuun)
๐Dhukkubicha yeroon qoratamuun wal'aansa barbaachisaa ta'e fudhachuu fi hiriyaa hariiroo qunnamtii saalaa waliin qabnus wal'aansisuu.
๐Meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuu dhabuu.
๐Yeroo yeroon qoratamuun osoo namarra hin turin wal'aanamuu.
๐Warreen dhiiraa kittaanun daddabarsii dhukkuboota kanniini ni hir'isa.
๐Dabalaatanis vaayirasiilee Akka heppaataayitas B fi HPV talaallii fudhachuun rakkkoolee fayyaa walqabatanii dhufan irraa of baraaruun ni danda'ama.
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐
Horaa bulaa, deebanaa!
Fayyaaf nagaa hin dhabinaa!
21/02/2026
04/12/2025
Comment this x ray
18/11/2025
๐๐ต๐๐ธ๐ธ๐๐ฏ๐ฎ ๐๐๐๐ฎ๐ฎ๐ฎ ๐ผ๐ณ๐ถ๐ถ๐ฟ๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐ฎ ๐๐ฎ๐ฎ ๐๐๐๐ถ๐๐ป๐๐!
๐๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ป๐ถ ๐๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ฎ ๐๐ฎ๐น๐ฎ๐ฎ ๐๐ต๐ถ๐ฏ๐ฒ๐ฒ ๐๐๐๐ฎ๐ฎ๐ป ๐ฑ๐ต๐๐ณ๐ ๐ถ๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐ฎ ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐ฎ๐บ๐๐๐ณ ,๐ช๐ฎ๐ป๐๐ผ๐ผ๐๐ฎ ๐๐ต๐๐๐ป๐ณ๐ฎ๐ฎ๐ป๐ถ๐ ๐๐ฎ'๐ฒ๐ฒ ,๐๐ฎ๐บ๐๐ฎ๐ฎ๐ป ๐๐ฎ๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐ณ๐ณ๐ฎ๐ฐ๐ต๐๐๐ป ๐ฅ๐ฎ๐ฎ๐๐๐ฎ๐ฐ๐ต๐๐ ๐ค๐ฎ๐ฏ๐.
โขโ ๐๐๐๐ฎ๐ฎ๐ป ๐ ๐ฎ๐ฎ๐น๐ถ?
Busaan dhukkuba maxxantuu Bookee busaa ykn paaraasaayitii 'piasmodiam 'jadhamuun dhiiga namaa dhukkuba sanaan qabamee ciniinuun gara nama fayyaa qabutti dhukkuba daddarbudha.
โขโ ๐ ๐ฎ๐น๐น๐ฎ๐๐๐ผ๐ผ ๐๐ต๐๐ธ๐ธ๐๐ฏ๐ฎ ๐๐ผ๐ผ๐ธ๐ฒ๐ฒ ๐๐๐๐ฎ๐ฎ
โขโ๏ธ๏ธ๏ธdhagna gubaa,
โ๏ธ๏ธ๏ธqorrisiisuu,
โ๏ธ๏ธ๏ธdafqisiisuu,
โ๏ธ๏ธ๏ธmataa bowwuu,
โ๏ธ๏ธ๏ธqaama caccabsuu garaa hammeessuu fi hoqqisuu kan dabalatudha.
Mallattoowwan kun akkuma gosa dhortuu fi hamma yeroo namni sun dhukkubichaan qabamee ture irratti hundaaสผuudhaan saสผaatii 48 hanga saสผaatii 72 gidduutti deddeebiสผanii mulสผachuu dandaสผu.
๐ ๐ฎ๐น๐ผ๐ผ๐๐ฎ ๐๐๐๐ถ๐๐ฎ ๐๐ต๐๐ธ๐ธ๐๐ฏ๐ฎ ๐๐ผ๐ผ๐ธ๐ฒ๐ฒ ๐๐๐๐ฎ๐ฎ
โขโ Bakka busaan dafee dafee itti kaสผu kan jiraattu yoo taสผe ,Saaphana siree ykn saaphana Bookee busaatti fayyadami. Saaphanni kun qorichi farra ilbiisaa kan itti biifame,qaawwa ykn tarsaสผaa kan hin qabne,guutummaatti firaashii ykn afattoo jala kan galfame taสผuu qaba.
โ๏ธQoricha farra ilbiisaa mana keessatti biifamutti fayyadami.Balbalaa fi foddaan yeroo dhiha aduu irraa eegalee sirritti cufamuu qaba. Maatiis tahee; Namoonni saaphana ittiftuu bookee Busaa qaban hunduu; yeroo rafan hunda Saaphana ittiftuu bookee hidhatanii jala rafuu qaban.
โขโ๏ธUffata guutummaatti qaama kee haguugus uffachuu qaban .
โขโ๏ธNaannoo manneen jireenyaa bishaan kuufame akka hin turre taasisuu, Iddoo walhormaata Bookee kana balleessuuf wantooni raawwatamuun barbaachisuus hojiilee akka;Meeshaa cacaphaa fi meeshaan Bishaan itti kuufamu kamuu maksuu fi qadaaduu. Iddoo boollaa kan bishaan itti kuufamuu malu xixqoos tahee gurguddaan, walhormaata bookee busaaf carraa uumu akka hin jiraane taasisuudha.
โ๏ธNamootni Mallattoon Dhukkub
Category
Telephone
Website
Address
Harar
Harar
3200
Alerts
Be the first to know and let us send you an email when Dr. Raes z Abd posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.
