Focus Ministry Damee Mojoo

Focus Ministry Damee Mojoo

Share

Du'ee Du'a Moo'e Kan Ka'e, Mirga Abbaa Kan Jiru, Deebi'ee Dhufee Gara Isaatti Kan Nu Fudhatu, Yesusin Waaqeffataa Jiraanna. 🙏

18/05/2026

Nagaan Isiniif haabaay'atu, Akkuma postera irraa argitan tokkummaan barattoota magaalaa mojoo konfiraansi guddaa qopheessaniiru.
maarree guyyaa kanatti mojoo fi nannawa ishee kan jirtan, hundumti keessan irratti hirmaachun gaafas nufaana hoolicha araaraa akka galeettaffattaniif affeerraa isiniif gooneerra.

dabalataan:- Obboloonni kana dura bara fellowshipn kun jalqabe (2005) irraa eeggaluun miseensa fi koree feeloo kanaa ta'uun, dhiibbaa guddaa gochaa turtan guyyaa kanatti jaalalaa fi kabaja guddaadhan waan isin affeerref akka nurraa hin hafne jaalala gooftatiin isin gaafanna.

Share Gochuun Namoota Hunduma Qaqqabsiisaa 🙏

07/05/2026

"Jireenyi si'i biddeen jireenyaa nyaatamee nama quubsu
Jireenyi si'i bishaan jireenyaa dheebotaa dheebuu baasu
Jireenyi si'i guyyaa dhumaaf suma qofaa abdiin namaa.
Jireenyi si'i kan qabu yoo du'ellee ni kaafama

Jireenyi si'i×4
Jiraachuun siin 4×
Amanannaa godhatanii sifaana oolanii buluun
Hunduma caala gooftaakoo si wajjiniin waliin galuun"

har'a galgala sa'a 12:00 irratti!

26/04/2026

waan qabdaniin hirmaattuu ijaarsa waldaa kanaa ta'aa.
eebbifamtaniittu 🙏

05/04/2026

Kabajamtoota obboloota keenya Focus Ministry Damee Mojoo kan taatani fii jaalatamtoota dhiiga kiristosin lammaffaatti dhalattan hundaaf,
Waldaan Birhaana Kiristos Tokkummaa barattoota magaalaa mojoo ofitti qabuun nu tajaajilaa fi nufaana tajaajilamaa kan jiran yoo ta'u, barattoota kanaaf waan hin ta'in tokkoyyuu hin qaban.

Amma immoo waldaan jaalatamtuun kun, ijaarsa mana waaqeffannaa (waldaa kiristaanaa) jalqabuu irratti argamti.
Ijaarsi kun amantoota walitti fiduu, Wangeela babal’isuufi dhalootaaf iddoo qulqulluu ta’e uumuuf baay’ee barbaachisaa dha.

Haata’u malee, hojii guddaan akkanaa kun humna nama tokkoo qofaan kan raawwatamu miti. Kanaafuu, humna qabdaniin xiqqaatte osoo hin jedhin, waan qabdanirraa deeggarsa obboloota keenya hunda barbaachisaa ta’e gaafachaa jirra.

Deeggarsi keessan:
Qarshii (maallaqa)
Meeshaalee ijaarsaaf oolaniin deeggaruu, akkasumas
Humna namaa (hojimaata achitti ta'u gargaaruun)

“Namni tokko qofa hojjechuu hin danda’u; garuu wal ta’uun waan guddaa hojjachuu ni dandeenya.”
Kanaaf, hojii Waaqayyoo kana keessatti hirmaachuun eebba guddaa argamsiisa.
Akkaataa itti deeggartan:
Karaa herrega baankii waldaa
Postera irraa argattu.

Deeggarsa keessan nu beeksisaa deemaa.

Waldaan Birhaana Kiristos deeggarsa keessan hunda kabajaan simatti; Waaqayyo immoo dachaan isin haa eebbisu.
Galatoomaa!

Share gootanii hiriyyoota waldaa kiristaanaa gargaaruu jaalatan biraan yoo geessanis deeggarsa deeggarsa caaludha 🙏

FOCUS MINISTRY DAMEE MOJOO

26/03/2026

Nagaanif araarri waaqayyoo hunduma keenyaaf haabaay'atu jechaa, Torbeewwan darban Barnoota macaafa qulqulluu barachaa fi ittiin eebbifamaa akkuma turre, Kutaawwan irra geenyee dhaabanne irraa ka'uun kan itti fufnu ta'a.
Kanaaf akkuma postera irraa hubattan guyyoota dura keenya jiran yeroo leenjii waan ta'eef hundi keessan Dabtara yaadannoo fi Macaafa Qulqulluu qabadhaa argamaa isiniin jenna.
Eebbifamaa
IRRAA HIN HAFAMU 🙏

https://t.me/MOJO_FOCUS
https://t.me/MOJO_FOCUS

25/03/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Dawaa Dirriba Alemuu, Thomas D. Burayu, Haabeekan Yaaddessaa Shambaa, Waldaa Birihaana Kiristoos Mojoo, Ketoran Fufa

20/03/2026

Nagaanif araarri waaqayyoo hunduma keenyaaf haabaay'atu,
Dilbata dhufu waldaa birhana kiristositti sagantaan addaa waan jiruuf hundumti keessan hiriyyoota keessan affeerun hirmaattuu eebbichaa akka taatan isiniin jenna.
Eebbifamaa
Share waliif godhaa

14/01/2025

God sees and hears, so watch over the words of your tongue🥺🥲

03/01/2025

Dubbiin Jabduudha!!

Yeroo ammaa Ibiddi Affaar keessa bahee gara hawwaatti ol belbalee mullachaa jiru amma akka guyyaa caalaa galgala kana akkaan guddatee dabalee jira.. Kirkirri lafaa ammoo Finfinnee, Affaar, Ciroo Hirna...Dirree Dhawaa...fi magaaloota gara garaa keessatti kirkirri mudachaa jira. Kirkirri lafaa csllisee hin uumamu tarii Voolkaanoon guddaan dhohuu danda'a! Kanaaf namoonni Naannoo Ibiddi itti lafaa bahee guddachaa jiru sanitti dhiyeenya qaban yoo xiqqaate 20KM osoo irraa fagaatanii gaariidha. Kun balaa fuuldura uumamuu maluuf of eeggannoo godhuuf gargaara. Dabalataan Biyyattii keessatti lubbuu namaafi miskiinni akka malee miidhamaa waan jiruuf dallansuu Rabbii ta'uu danda'a! Walumaagalatti warri iddoo Ibiddi itti balbalaa jiruutti dhiyaattan yeroof naannawa san irraa fagaadhaa!! Waliif Dabarsaa!!

12/12/2023

Abb-Taayye ega amma Mootummaan si jibbe, Uummati si jibbe eessuma lixxa ga?🤫🤔

21/11/2023

Oduu Ammee!!

Mariin Tanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture har'a xumurame jira! Garuu bu'aa marii akka nama Oromoo tokkootti ani itti hin gammanne. Mariin kun akka waliigalteen xumuramu hanga dandeenyu lallabaa turre! Garuu akka nuti fi ummatni Oromoo eegaa turre hin taane! Mariin Tanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture har'a waliigaltee malee xumuramee jira! Ani ammas abdii hin muradhu. Kaayyoon kiyya waliigaltee malee xumuramuun marii kanaa hamilee na hin cabsu! Dhugaan dhugaadha. OROMOOn tokkummaa waloon injifata! Daandii tokkummaa erga diddan qaamni lamaanuu guyyaa dhugaa kana hubattanii waliigaltee gootan fagoo miti! Ammas Mariin waliigaltee malee xumurame! 😭🙏

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Mojo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


Lume Mojo
Mojo
5632