Nifte best
My king
29/04/2022
ERGAA ARIIFACHIISAA!๐ณ
Kiristiyaana kan ta'e hundi ergaan kun isa ilaalata...
==================================
Bara kana keessa baay'een keenya macaafa qulqulluu soft copy dhan ( bilbilarraa, kompiyutera fi Tablet irraa ) fayyadamna. Kanaaf Version macaafa qulqulluu isa NIV ( new international version) jedhamu baay'een keessan ni beektu jedheen yaada.
NIV kan hin beeknefimmoo dhaabbata macaafa qulqulluu Akka Addunyaatti Hard copy fi soft copy dhan rabsuu fi Afaan garaagaraatti translate godhudha. Macaafa kana yeroo jalqabaaf bara 1978 publish kan godhe ykn kan maxxanse, nama Zondervan jedhamu yoo ta'u bara 2011 kaasee garuu nama Harper Collins jedhamutu maxxansuu jalqabe. Kan baay'ee nama gaddisiisu namichi Harper Collins jedhamu Kun Homosexual (gay) yoo ta'u Macaafa Seexanaas Maxxansiisera. Yeroo ammaa kanas macaafa NIV fi ESV (English Standard Version) Jedhamu guutummaan guututti dhuunfatee maxxansaa jira.
๐Namni ergama seexanaaf hojjatu kun Macaafa Qulqulluu NIV fi ESV jedhaman keessaa jechoota 64,575 baasera. Keessattu jechoota eenyummaa waaqayyo ibsan (Waaqayyo, Hafuura qulqulluu, humna fi kkf) keessaa guuree baasera.
Kana qofa miti Yeroo ammaa kana maxxansa haraa NIV fi ESV keessaa Luqqisii 45 baasera. Fakkeenyaf bilbila keessaniin Macaafa qulqulluu NIV fi ESV warri fayyadamtan luqqisiiwwan armaan gadii check gochuu dabdeessu!
๐๐๐
Mat 17:-21 Mat 18:-11 Mat 23:14, Marq 7:-16, Marq 9:-44, Marq 9:-46; Luq 17:-36, Luq 23:-17, Yoh 5:-4, Ho.Erg 8:-37 isaan kun luqqisiwwan NIV fi ESV keessa hin jirre keessa muraasadha.
Tarii kanaan duras kutaa macaafa qulqulluu dubbisuu barbaaddan application keessan yeroo bantan isin qunname ta'a yokinimmoo utuma dubbistanii jecha 'Missing' jedhu argitan ta'a, yoos macaafni isin fayyadamaa jirtan NIV ykn ESV dha jechuudha.
Warri ergama seexanaa fudhatani ka'an kun macaafa qulqulluu keessaa Jechoota yaasudhan kiristanota burjajessa jiru.
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐
KANAAF MAAL HAA GOONU!
1)๐Macaafa qulqulluu isa hard copy ykn isa waraqaa dur fayyadamnu fayadamuu. Kana irratti yeroo amma kana kiristiyanonnii baay'een macaafa qulqulluu baatani waldaa kiristiyaana hin dhaqan. Kaan isaani manayyuu hin qaban. Kan qabanis mana keessatti dhukkee dhugaa jira. Percent baay'en garuu hardcopy hin qaban. Kunimmoo seexanichis baay'e barbaada. Macaafa Isa waraqataa kana balleessani sofcopy qofa gochuf wanta baay'etu godhama jira. Sababni isaas yoo waraqanni kun lafarraa dhabame namni hundumtu softcopy fayyadamu jalqaba. Yeroo kana dhabbanni warri seexana kun software macaafa qulqulluu isa sofcopy kana ni balleessu. Sana booda kiristyanni macaafa qulqullu dubbisu hin qabu harka qullaatti hafa jechudha. Kanaaf adaraa keessan isa waraqataa sana bitadha manallee godhadhaa!
2) Softcopy yoo fayyadamne immoo application macaafa qulqulluu isa durii fayyadamuu jechuunis isa update ta'e bilbila keenyarratti fe'uu.
3)Application bible keenya update gochuu dhiisuu, tarii yoo goonemmoo sirritti check gochuu!!
4)๐Publisher birootin ykn macaafaa qulqulluu company birootin maxxanfaman fayyadamuu fakkeenyaf KJV isa jedhamu fayyadamuu dandeenya!!
===================
๐Obbolaa koo Seexanni akka yeroon irratti dhume beekee Humnasaa guutudhaan hojiirra jira. Kanaaf macaafota soft copy dhan dhufan hunduma bilbila computer fi tab keenyarratti fe'uu hin qabnu adda baafachuun dirqama ta'a. isa Waraqataa immoo bitadhaa!
Waldan kiristiyanas irratti hojachuu qabdi. Dhaloonni ammaa macaafa qulqulluu manatti gatee harka qullaa gara waldaatti ya'a. Warri walda geggeessanis ta'ee warri tajaajilanis cal jedhani ilaalu. Erga adaraan isin irra jiraate Please ummata kessanin "macaafa qulqulluu bitadha ajandaa keessan walin gara waldaa kiristiyaanatti qabadhaa koottaa" jedhani. Ofii keessanifis baattadhaa!
================
๐Ergaa kana SHARE gochuudhan Kiristiyaanota hunduman gahaa!
๐น๐น๐น๐น๐น๐น๐น๐น๐น๐น
Barumsa Dabalataaf
๐๐๐๐๐๐๐
YouTube link kana xuqi๐ https://youtu.be/5ylqaOi0SrA
TikTok๐
instagram๐
telegram๐
Faaruu keessan SOLDAN Studio tti qindeesifachuuf lakk. Bilbilaa armaan gadi fayyadama.
0920583990
0922384530
Adress Holata!
Nifte best Send a message to learn more
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Sipalati
Nazareth
02
