Siif Siin

Siif Siin

Share

nu gurguranillee nuti Oromummaa keenya hin gurgurre

02/11/2021

Essa jirta ?

05/05/2021
04/05/2021

Siif Siin Send a message to learn more

04/05/2021

Boonaa koo

Si yaa Beekaa koo
Sanyi warra gudda
Jaalalli kee na qabe
Onnee koo na mudda

Ilma abbaa gadaa
Isa safuun guddate
Situ yaada koo moo'e
Qalbi kiyya dhuunfate

Qaaman sirraa siqus
Yaadni kee na quuqa
Yeroon si yaadadhu
Guyyaaman ta'e muga

Sagalee kee fedhee
Bilbila kee yaalus
Natti haa furu jedhe
Suura kee yoo ilaalus

Homaa natti furu
Natti caala deema
Amalli gaariidha
Jaalalli kee hamaa

Kanaafu naf koottu
Gulufii gara koo
Si jalaa miidhamti
Yoo turte onnen koo

Dhaabbif seeqa keetu
Qalbii koo rarraasa
Argachumo dhabuutu
Sirra adda na baasa

Adaraan siin jedha
Adaraa jaalalaa
Boonaa koo nan dhiisin
Ani hundaan sif caalaa

10/04/2021

❖Ba'aa onnee kootii❖
------------------------------------------
kan eenyuu hin argine
dhibee garaa keessaa
kan dhugee hin argine
wayyoo yaa machiisaa
kan onnee raatessu
dhoorkee dhaabaaf obsa
yaa ba'aa onnee koo
mee eessan si geessa
baadheetoo dadhabee
eenyutu narraa buusaa

deemee tabba ceehee
yaadaan biyyaa bahee
qe'eesheen barbaadaa
abjuudhaan naannahee
giiftii onnee tootii
tan humni ishee guddaa
kan hundaa ol ta'e
Kan argaan ishee dhaatu
ija addunyaa mo'e
tan onneen nama hundaa
dhibee isheen madaa'e
tan qaroon nama hundaa
argaa isheen machaa'e
ishee tanaaf jedhee
bar kan biyyaa bahe.

Waan gaarii yoon argu
hundaa sin yaadadha
guyyaa gammachuukoo
hundaa sin gaafadha
lubbuu kankoo irra
jirtuu keen jaaladha
rakkoo kee arguurra
du'a koon filadha
gammachuu kee arguun
bar anaaf gahaadha
dursa sitti golgee
ofiikoon dhaamodha
dursa si obaasee
ofiikoo dheebodha
dursa si nyaachisee
ofii soba nyaadha
dabalee dabalee
yoomuu sin jaaladha.

Onneetti si baadhee
dadhabee hin teenne
roobni dirsaa roobee
sirraa hin dheessine
aduun fiimaan ba'us
qaama kankoo gubee
sirraa na hin deebisne
dacheen dukkanaa'eef
ijji kankoo hin rafne
yoomuu si barbaaddii
dhabdus abdii hin kunne
maal wanti koo kuni
kan furmaata hin qabne
jiruun nama hin taanee
du'ee hin awwaalamne
boohee sitti himadhus
takkaa naan hubanne
moo nama na hin seene?

lubbuu to x3
jedheetan si yaama
yaa urjii halkanii
yaa biiftuu ganamaa
yaa asheeta birraa
mi'ooftuu akka dammaa
yaa bareeda tan too
hundinuu naaf sima
si cufus si dhiibus
bahuu didde qomaa

Jedheen yaada ani
osoo risaa tahee
fudheetoo siin badee
osoo garba tahee
dhufee si badadee
osoo hunda tahee
qalbiinkee gammadee
osoo danda'amee
waankee qofa yaadee
maal godhuree garuu
dhugaa shee hin argine
eebjuu qalbii muudee
jaalala hin hubanne
onnee isheetu duude

lubbuu too
bar sagaleen kan kee
abdii natti horaa
gaachena jiruu koo
maqaa kankeen jira
gaaddisa jiruutoo
tan onnee koon firaa
biftuu jireenya koo
yaa akeektuu karaa
jaalala kee baadheen
lakkoofsise bara
si

23/03/2021

Laphee koorra labdee
Ija koo dura bulta
Osoon si barbaaduu
Abjuudhan natti duulta
Guyyaadhan si yaada
Na biraa hin badu suuri ke
Walloottin si eega
Koottu bahi suusii ke

21/06/2020

Araarsituu dubbii
shamarreewwan oromoo ko

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Nek'emte?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Nek'emte
AMBO