Seenaa Jaalalaa

Seenaa Jaalalaa

Share

Qabeenyi jaalala dhugaa biratti hiika dhaba

02/07/2022

Hiree koo
Taa'een suma yaada
Natti taate suusii
Hireen sin araada!
Mi'ooftuu akka dammaa
Ya ishee bar-gamaa
onneen koo si yaadee
Si arguuf beel'amaa
Kennaa arjaa guddaa
Dureettii waa hundaa
Teessoon kee haalala
Boojuu jaalala keen
Si arguuf raakama
Hubadhu michuu koo
Summiin jaalala kee
Haalaaf amalli kee
ilkee biqilcheera
Guyyuu na waraana
Halkan ciise se'een
ilkeen na waraana
Akka si jaalladhu
Akkan si abdadhu
Ati yoom hubattaa
Mee baram naf bartaa
Moo akkuma kan koon
Dheebuu jaalalaa daarta
Walirraa fagaachuun
Qalbii wal qabaachuun
Yaada gaarii ta'ee
Garuu wal argachuun
Yaada aarii ta'e
Hiree maaloo koottu
Anillee sin eega
Akka Waliin turru
Keessoo koot na beeka
Amma maal jettaree
Yaada kee naaf ibsi
Yaaddoo sanas dhaamsi
Ifa jaalala kee
Qaamaan na argadhuu
Maaloo mee naaf ibsi!

ORO tiyyaa follow &like godhuun nu gargaaraa

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Nek'emte?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Nek'emte