Dursa Fayyaaf
Akkuma beekamu dhukkubootni biyya keenya keessatti hedduummatan dhukkuboota daddarboodha.Dhukkubootn
29/05/2024
1. DHUKKUBA BUSAA (MALARIA)
1.1. BUSAAN MAALI?
Busaan dhukkuba daddarbaa baay'inaan naannoo tirooppikii fi sab-tirooppikiitti mil'atudha. Dhukkubni busaa paaraasaayitii (dhortuu) pilaasmoodiyeemii jedhamuun dhufa. Pilaasmoodiyeemii baay'een jiraatanus kanneen busaa fiduun beekaman gosa afurtu jiru.
Isaanis: -Pilaasmoodiyeem faalsiparam
-Pilaasmoodiyeem vaayivaaksi
-Pilaasmoodiyeem ovaalee
-Pilaasmoodiyeem maleeree
Warreen lamaan jalqabaa biyya keenya
keessatti baay'inaan argamu.
@ Dhukkubni kun tilmaamaan hanga uummata miliyoona 400 ta'u waggaa tokkotti kan qabu yoo ta'u, uummata miliyoona 1 hanga 3 ta'an waggaatti ni ajjeesa.
Dhibee busaa nama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti kan dabarsu, bookee busaa dhaltuu ishee jadhamuun beekamtudha. Kunis kan ta'u gabaabaatti akkaataa armaan gadiitti ibsameeni:
👉Dhortootni busaa Pilaasmoodiyeemii jedhaman, hidda dhiiga namaa keessa kan seenan yommuu bookeen busaa dhaltuun anoofiles jedhamtu, kan pilaasmoodiyeemii kanaan faalamte nama ciniintudha. Pilaasmoodiyeemiin kun yeroo kana seelii tiruu nama ciniiname sanaa keessa seenuun wal horu. Seeliin tiruus yeroo dhohu dhortootni(pilaasmoodiyeemin) sun achi keessaa ba'anii seelota dhiiga diimaa dabalataan weeraru. Adeemsi seelii dhiiga diimaa weeraruu fi dho'iinsi ittuma fufa. Namni ciniiname sun yommuu seeliin dhiiga diimaa dho'u mallattoowwan dhukkuba busaa irratti mul'atu.
👉Haaluma kanaan maxxantootni busaa nama qabsiisan seelii dhiiga diimaa keessatti kan wal horan yoo ta'u, kanarraan kan ka'e busaan hir'ina dhiigaa (anemia) namatti fida. Gosi busaa inni -Pilaasmoodiyeem faalsiparam jedhamu gara sammuutti adeemuunis du'aatii geessisuu danda'a.
1.2. MALLATTOOLEE DHUKKUBA BUSAA (SYMPTOMS OF MALARIA)
✍Dhagna gubaa cimaa
✍Qorrisiisuu
✍Hollachiisuu
✍Dafqisiisuu
✍Mataa bowuu
✍Dhukkubbii buusaa fi maashaa
✍Afaan hadheessuu
✍Dhadhabsiisuu
✍Fedhiin nyaataa hir'achuu (dhabamuu)
✍Balaqqamsiisuu (darbee darbee)
1.3. MALOOTA ITTISAA (PREVENTION METHODS)
✔Bishaan kuufamaa fi bakka gadi dhooqaa bookeen keessatti wal hortu balleessuu.
✔Saaphana siree (agoobara) sirriitti fayyadamuu
✔Qoricha farra ilbiisaa (insecticide) biifuu
✔Halkan mana keessa turuu
✔Uffata guutummaatti qaama haguugu uffachuu (uffata adii yoo ta'e filatamaadha)
✔Bakka busaan dafee dafee itti ka'u kan deemnu yoo ta'e dursinee gara mana yaalaa deemuun ogeessa mariisisuu fi qoricha ittisu (prophylaxis) fudhachuu.
✔Yoo dhukkuba kanaan qabamne dafnee gara mana yaalaa deemuu.
FAYYAAN ISIN HIN DHIBIN!
21/04/2023
25/03/2022
1. DHUKKUBA GARAACHAA (PEPTIC ULCER DISEASE)
1.1 Maalummaa isaa
Dhibeen garaachaa bakka hedduutti qoodamee ilaaamuu ni danda'a. Mee har'aaf dhukkuba garaachaa, kan 'Peptic Ulcer Disease' jedhamu waliin haa ilaallu.
Dhukkuba garaachaa (peptic ulcer disease) jechuun dhibee qunca'uu ykn madaa'uu baqqaana garaachaa fi mar'umaan qal'aa (duodenum), isa gara garaachaatti aanuun uumamudha. Dhibeen kun wal madaaluu dadhabuu asiidii garaachi keenya oomishuu fi wantoota uumamaan miidhaa asiidii kanaa garaacha keenyarraa ittisaniitiin dhufa.
1.2 DHIBEE KANA MAALTU NUTTI FIDA?
1.2.1. Baakteeriyaa Helicobacter pylori jedhamu.
✓ Namoota dhibee madaa'uu garaachaa (PUD) qaban keessaa 90% kan ta'u baakteeriyaa kanaan dhufa.
1.2.2. Qorichoota
✓ Baakteeriyaa armaan olitti caqafametti aansee ka'umsa dhibee kanaa kan ta'e qorichadha. Qorichootni dhibee kanaaf nama saaxilan hedduu ta'anis, baay'inaan qorichootni kanneen mataa bowwoo fi dhukkubbii garaagaraaf fudhataman, Non steroidal anti-inflammatory drugs (NSAIDs) jedhaman sababa guddaa ta'uun beekamu. Fkn: Ibuprofen, Aspirin, Indomethacin fi kkf.
1.2.3. Alkoolii dhuguu
✓Alkoolii qabiyyeen isaa olka'aa ta'e dhuguu ykn alkoolii qabiyyeen isaa gadi aanaa ta'e baay'isanii dhuguun dhukkuba garaachaa 'Acute Gastritis' jedhamuuf nama saaxila. Madaa'uu garaachaafis nama saaxiluu danda'a.
1.2.4. Tamboo xuuxuu
✓ Tamboo (sigaaraa) xuuxuun dhibeen garaachaa yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa hamaa irra akka ga'u godha.
1.2.5 Dhibee Zollinger-Ellison syndrome (gastrinoma) jedhamu.
1.2.6 Maatii (fira dhihoo) keessaa namni dhibee kanaan hubame jiraachuu.
1.2.7 Dhibee onnee, sombaa fi kalee qabaachuu.
1.2.8. Gadda, aarii fi dhiphinni sammuu dhibee garaachaaf yeroo gabaabaa acute gastritis jedhamuuf nama saaxilus, madaa'uu garaachaa kana waliin akka wal hin qabanne qorattootni ni heeru.
1.3 MALLATTOOLEE DHUKKUBA GARAACHAA
∆ Mallattooleen sasalphaadhaa hanga cimaatti yoo jiraatanillee, mee walumaa galatti haa ilaallu!
👉 Laphee gubuu
👉 Hooqqisiisuu (ol-deebisuu)
👉 Miirri hoqqisiisuu namatti dhaga'amuu
👉 Deeffachiisuu
👉 Hirqinfachiisuu
👉 Mataa bowwuu/bowwoo
👉 Dhukkubbiin cimaan handhuura jelaa namatti dhaga'amuu
👉 Dafqisiisuu fi gororri ykn hoqqisni dhiiga makachuu (kun garaachi baay'ee madaa'uu mul'isa)
👉 Bobbaa dhiiga makate (dhiiguu isaa mul'isa)
1.4 OF-EEGGANNOO AKKAMII GOCHUU QABNA?
1.4.1 Qoricha ajaja ogeessa fayyaan ala fudhachuu dhiisuu.
~~~ Yeroo hedduu dhukkubbiin wayii nutti dhaga'amnaan dukkaana qorichaa deemnee ajaja ogeessaa malee qorichoota NSAIDs jedhaman bitannee liqimsina. Kun ammoo dhibee garaachaaf nu saaxiluu mala. Keessumattuu namoota duraan dhibee garaachaa salphaa ta'e qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu waan danda'uuf ogeessa fayyaa mariisisuun barbaachisaadha.
1.4.2 Alkoolii baay'isuu dhiisuu
1.4.3 Tamboo xuuxuu dhiisuu
1.4.4 Aarii fi dhiphina sammuu hir'isuu
1.4.5 Nyaata dhibee kana nutti kakaasu (hammeessu) irraa of qusachuu. Kana yommuu jennu, yeroo hedduu namootni dhibee garaachaa qaban gosa nyaataa adda addaa yeroo nyaatan dhibeen garaachaa itti ka'ee (hammaatee) argina. Gosti nyaataa kun namaa namatti garaagara ta'uu mala. Nama tokko tokko barbaree, kaan buna, kaan mi'eessituu (nyaata soogiddaa fi sukkaara baay'ee qabu), kaan nyaata lafa tureen itti ka'uu (hammaachuu) danda'a. Isa akka kanaaf mammaaksa, "'Abbaatu of mara" jedhe bofti' jedhan sanatu furmaata. "Bofti yoom dubbatee beeka?" akka naan hin jenne. Abbaan ofumaan waan ittiin itti ka'u (hammaatu) adda baasee irraa of eeguun barbaachisaadha jechuu kiyya. Yeroo tokko tokko, "Dhukkuba asmii fi garaachaaf ogeessi abbaadhuma kan jedhamuufis kanumaafi.
Dabalataan gosa nyaataa kanneen akka fuduraa fi muduraa, damma, qullubbii adii fi kanneen vaayitaaminootaan badhaadhan nyaachuun garaacha keenyaaf gaarii akka ta'e qorannooleen ni heeru.
FAYYAAN ISIN HIN DHIBIN!
28/02/2022
01/02/2022
Nagaa jirtuu hordoftootni kiyya marti? Bakka jirtanitti nagaan Waaqaa isiniif haa baay'atu jechaa, odeeffannoo fayyaa wayitawaa argachuuf page kana like, share godhaa hiriyoota keessan biraan naaf ga'aa!
Fayyaan isin hin dhibin!
17/11/2020
Dhibee Toonsilii/infeekshinii Toonsilii akkamitti manatti of yaalla?
==============================
1. Bishaan ho'aa baayinaan dhuguu
2. Bishaan bircuqqoo tokkotti soogidda fal'aana walakkaa naqnee xiqqoo ho'isuun ittiin hanga qoonqoo keenyatti lulluuqachuu. Sekondii 30-45f
3. Damma fal'aana tokkoo fi soogidda fal'aana walakkaa bishaan xiqqoo ho'aatti naquun yeroo yerootti lulluuqachuu
4. Yeroo dhibee kanaan qabamnu nyaatawwan jajjaboo tahan kanneen akka chiipsii, appilii ykn kaarotii dheedhii yeroo nyaannu qoonqoo keenya waan nu dhukkubsaniif amma fayyinutti soorachuu dhiisuu.
5. Yeroo dhukkubbii toonsilii sagaleen waan nama duuduu danda’uuf sagalee guddaan haasa’uurraa of qusachuu; Sababni isaas dhukkubbii sana daraan hammeessuu danda'a.
6. Boqonnaa fudhachuu
7. Loozenjis Kan jedhaman ; Kan faarmaasirraa gurguraman; Kan akka karameellaatti xuuxamu waan jiruuf isa fayyadamuunis gaariidha!
Yeroo akkamii Mana yaalaa deemuu qabna?
√Dhukkubbiin guyyaa lamaa oliif yoo nurra ture
√Dhukkubbii qoonqoo hamaa Kan nyaata nyaachuu fi liqimsuu nu dadhabsiisu
√Hafuurri namatti ciccituun yoo nu mudate
√Ho'inni qaamaa olaanaa guyyaa sadii oliif yoo nurra ture
√Dadhabbiin baayyee yoo nu mudate
√Toonsiliin baayyee yoo namarra ture hammaachaa deemuun Malaa kuufachuu; akkasumas Dhibee onneef qaamota biroof nu saaxiluu danda'a.
Akkamitti ofirraa dhorkina.
√Jarmiileen Dhibee toonsilii fidan baayinaan namaa namatti waan daddarbaniif harkaa keenya nyaata duraa fi booda sirriitti dhiqachuu qabna
√ Bircuqqoo bishaanii fi biruushii ilkaanii waliin fayyadamuu dhiisuu
√Akkasumas yeroo qufaataniif haxxiffattan ciqilee keessan ykn erbeen haguuggachuun gara nama biraatti akka hin dabarre gochuu.
Fayyaa hin dhabinaa!
Dr Nafyad Getu!
17/11/2020
Rakkoo wal simachuu dhabuu Aantijinii gartuu dhiigaa Yeroo Ulfaa!
(RH incompatability)
Gartuun dhiigakee maali?. Akkuma beekamu gartuuleen dhiigaa ABO jedhaman 4 yoo tahan .isaanis A,B AB fi O dha. Gartuuleen dhiigaa kunniin ofirraa RH antigen kan qabu yoo tahu, gartuun dhiigaa RH antigen D ofirraa qabu + yoo jennu (A+, B+, AB+, O+) kan RH antigen D jedhamu ofirraa hin qabne – jenna( A-, B-, AB-, O-) l. Dhiirri tokkoof dhalaan tokko gaa'ela dhaabbachuun dura ykn erga dhaabbatanii booda gartuu dhiiga isaanii qorachiisuun baayyee barbaachisaadha
Fakkeenyaaf Haati tokko gartuun dhiigashee negative (A-, B-, AB-, O-) yoo taheef abbaan gartuun dhiiga isaa positive((A+, B+, AB+, O+) yoo tahe rakkoon kun baay’inaan mudata. Kanaaf Haati negative, abbaan positive akkasumas daa'imni yoo positive tahe mul'ata.
Yeroo ulfaa dhiigni daa'imaaf haadhaa wal keessa waan deemuuf RH antigen gartuu dhiiga haadhaa( positive or negative) fi kan daa’imaa wal simachuu dhabuurran kan kahe Haati gartuu dhiiga mucaa sana akka farra alagaatti waan ilaaluuf qaamota farra qaama alagaa lolaan(antibody) kan jedhamu oomishti. Qaamni farra alagaa gartuu dhiiga mucaa sanaaf qophaa'e gara dhiiga daa'imaatti makamuun seelota dhiiga diimaa daa’ima sanaa balleessuun daa'imni sun hir'ina dhiigaan qabamuun akka miidhamu godha. Sababa kanaarraa kan ka'ees qaamni daa'ima sanaa dhiita’uun hanga sadarkaa du'aattillee geessisuu nii danda’a.
Hub: 1. qaamni farra alagaa Haati qopheessitu sun ulfa jalqabaarratti gara daa’imaa deemuu hin danda'u. Ulfa lammaffaarraa kan jalqabui taha
2. Haati manaa gartuun dhiigashee negative taheef abbaan manaa positive tahe yeroo ulfaa mana yaalaatti hordoffii gochuu qabu. Lilmeen farra qaama alagaa Haati qopheessite sana balleessuuf kennamu waan jiruuf yaadda'uu hin qabdan
3. Gartuu dhiiga abbaa manaaf Haadha manaarra RH antigen jiru wal fakkaataa yoo tahe ykn gartuun dhiiga haadhaa + tahee kan abbaa – yoo tahe rakkoowwan akkasii hin mudatan. Kanaaf sababa kanaarraan kan kahe namoonni baayyeen mana yaalaa osoo hin deemiin daa'ima isaanii garaa keessatti dhabaa waan jiraniif qoratamuunif hordoffii yeroo ulfaa gochuun baayyee barbaachisaadha.
Daa’imni kamillee sababa kanaan du'uu hin qabdu!
Gartuu dhiiga keessanii qoratamaa ilaalamaa.
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Nekemte
Nek'emte
1380
