Kamtu kamiif
With out Jesus any life is empty!
11/08/2026
⚠️💔
🥲
GWB Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee Dichoo
Hagayya _5_2018
Yeroo Ammaa kana Andoodee dichoo naannoo bataskaana Sillaaseetti dhukaasni Uumaata Oromoo Andoodee Dichoo irratti banamee jira.
Lolli Andoodee Dichoo kun erga jalqabee Guyyaa sadiif deemaa jira.
Xiyyeeffannoo Andoodee Dichoof
Namoonni qixa jirtaniin sagalee nuuf ta'aa!
Dhimmi wallaggaa dhimma Oromoota Oromiyaa keessa jiru hundaa ta'uu qaba.
Faan*no*on laga ceetee dhufte biyyoo gabbataa Wallaggaa Fudhachuuf sirbaa jirti, kun taanaan kan salphatu Oromoo Wallaaggaa Qofaa miti Uummata Oromoo hundaati!
Sagalee keessan Olfuudhaatii qaama dhimmi ilaallatutti nuuf iyyaa! Jechaa jiru 🔊 🔈 🔇 🔉 📢
24/07/2026
‼️
Hanga ammaatti Qarshii Kuma 800K oltu walitti qabamee jira, Waan raajiitu dalagamuutti jira, Waan addaati🥹💪🤲
24/07/2026
😭😭😭😭😭
22/06/2026
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaara 'DHC-6 Twin Otter Classic 300-G' jedhamu kan jalqabaa fudhate
Finfinnee, Waxabajjii 15, 2018 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaarota 'DHC-6 Twin Otter Classic 300-G' lama kan dhaabbata oomisha xiyyaaraa Kaanaadaa, ‘De Havilland Canada’ irraa fudhachuuf karoorfate keessaa isa jalqabaa har’a harkaa fudhateera.
Xiyyaarotni haaraa fi addaa ta’an kunneen tajaajila balalii keessoo fi naannawaa daandii qilleensichaa caalaatti jabeessuuf gahee olaanaa akka qaban eerameera.
Dabalataan, sochiilee damee turizimii, hojiiwwan hordoffii fi qorannoo qilleensarraa, tajaajila ambulaansii qilleensaa fi dhimmoota kanneen fakkaataniif faayidaa guddaa akka qaban daandiin qilleensichaa beeksiiseera.
Fedhiiwwan gabaa daandii qilleensichaa, dandeettii fi amanamummaan guutuu fi dhaqqabamummaa isaa babal’isuuf dandeettii qabu caalaatti akka guddisanis ibsameera.
maddi Afaan Oromoo
akkam Ooltan?
01/10/2025
Qabxiin seensa dhaabbilee barnoota ol'aanoo gara 297'tti fooyya’e.
OFM:Onkoloolessa.01/2025-Ministeerri Barnootaa qabxiin seensa dhaabbilee barnoota ol'aanoo 300 irraa gara 297’tti fooyya’uu ifoomseera.
Imaammanni barnootaa fi leenjii barattoonni gara sadarkaa barnootaa itti aanuutti darbuuf qabxii %50 fi isaa ol fiduu akka qaban kan kaa’u ta’uu Ministeerichi ibseera.
Haaluma Kanaan barattoonni bara barnootaa 2017’tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii jiddugaleessaa %49.50- 49.99 fidan gara %50 akka siqsiifamu murtaa’uu eere.
Kanuma hordofee barattoonni qabxii %49.50 fi isaa ol galmeessan qabxii darbiinsaa gadi aanaa %50 guutuun isaanii beekamee dhaabbilee barnoota ol'aanoo seenuun barachuu akka danda’an mirkaneesseera.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg
Oromia Freedom Media Oduu ODUU/NEWS September 26, 2025 Abdella Gemmedu Ian Andre Roberts, superintendent of Des Moines Public Schools, was arrested by Immigration and Customs Enforcement (ICE) for allegedly residing and working in the U.S. without legal status or work…
Ancootee nyaadhee garaan na bokoke maal wayya?
baga ayyaana masqalaa kan bara 2018 nagaan isin gahe!
18/09/2025
Liibiyaatti Bidiruun Godaantota Afrikaa feetee imalaa turterra Balaa ibiddaa muudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 50 darbe.
Oduu Waliif TV ( Fulbaana 18/2025) Finfinnee
Bidiruun Godaantota Afrikaa Jireenna fooyya'aa ta'e barbaachaaf akkasuma nageennaa fi waraana jalaa dheessuun Afrikaa irraa gara Awurooppaatti imalaa turan feetee yabalaa turterratti Ibidda qabateen yoo xiqqaate Lubbuun Godaantota 50 darbeera.
Dhaabbanni Godaantotaa(IOM) akka jedhetti, Baha Afrikaa keessatti,
"Namoonni muraasni qofti karaa nageenna qabuu fi seera qabeessa ta'een karaa itti ba'an argatu. keessumaa filannoon jiru waraana Suudaan keessatti gaggeeffamaa jiru xummuramu qofa," jedha ejensichi.
Lolli humnoota Suudaanii fi milishoota jidduutti waggoota lamaan darbanitti godaantota kuma 140 ol gara Liibiyaatti dhiibuu isaa ejensiin baqattootaa tokkummaa mootummoota gamtoomanii beeksiseera.
Rakkoo amma muudate kanaan alattis, Gurraandhala 1 hanga Adoolessa 13 jidduutti daandii Jiddugaleessa Meditiraaniyaanii irratti yoo xiqqaate namoonni 456 yoo du’an, 420 ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu IOM beeksiseera.
Baatii Hagayyaa keessa bidiroonni lama kibba Xaaliyaanii odola Lampedusa jedhamtu irraa liqimfamuun yoo xiqqaate namoonni 27 du'aniiru.
ji'a Adoolessaa keessa yoo xiqqaate godaantonni fi baqattoonni 60 ta’an qarqara galaanaa Liibiyaa irratti bishaaniin kan liqimfaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammiilee Suudaan, Itiyoophiyaa fi Eertiraa ta’uu ibsameera jedhe.
Bara 2011 erga hogganaan Liibiyaa Muammad Gadaafii kufanii as baqattoota kuma 867,055tti tilmaamaman kan qabdu Liibiyaan, godaantota ykn baqattoota Awurooppaa dhaqqabuuf yaalan bakka qaxxaamuraa taateetti.
Teessoon isaa Liibiyaa kan ta’e dhaabbatichi Liibiyaa keessatti miidhaa sirnaan godaantotaa fi baqattoota Liibiyaa irratti raawwataman kanneen akka dararaa, gudeeddii fi butamuu dabalatee galmeessee akka jiru Al Jazeera gabaaseera.
baga Jala bultii ayyaana Bara 2018 nagaan geechan
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Guto Gida
Nekemte
MALKA
