Dr. Lammii Gonfaa
Assistant professor of OBGYN
,urogynecology and pelvic reconstructive surgery fellow
https://linktr.ee/Flgd
27/02/2026
Fayyaa Haadholii Ulfaa
19/02/2026
16/12/2025
Ummata aanaa haroo Limmuu, Eebantuu, Limmuu, Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu jiraattan hundaaf.
Yaalli baqaqsaa dhibee moora ijaa Dilbata har'aa Mudde 05, 2018 irraa kaasee hanga gaafa Sanbata Xiqqaa (Qidaamee) Mudde 11, 2018'tti kan turu hospitaala waliigalaa Giddaa Ayyaanaatti geggeeffamuu eegalee jira.
Kanaafuu, namootni rakkoo argaa qabdan martuu guyyoota jedhaman kanatti gara hospitaala kanaa dhufuun yaala kana tolaan akka argattan kabajaan isin hubachiisna.
Ispeeshaalistootni ijaa muuxannoo ga'aa qaban Yuunivarsiitota garaagaraa irraa dhufuun yaala baqaqsaa moora ijaa kana isiniif taasisuuf yeroo ammaa hospitaala waliigalaa Giddaa ayyaanaatti argamu.
Ariifattanii gara hospitaala kanaa dhufuun yaala kana argaadhaatii argaa ija keessanii deebifadhaa. Odeeffannoo kana warra hin dhaga'iin jiraniinis ga'aa.
Yaalli baqaqsaa dhibee mooraa ijaa tolaan kennamu kun dhaabbata Fireed Hooloowus Faawundeeshin, biiroo fayyaa oromiyaa, waajjira fayyaa godina Wallagga Bahaa fi hospitaala koompireensiivii Ispeeshaalizidii Yuunivarsiitii Wallaggaa waliin ta'uun kan isiniif qophaa'e dha.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Address
Wallaga University Comprehensive Specialized Hospital, Nekemte , , Beellamaaf – Kilinika Bokkuu (Naqamtee, Ganda 04)
Nekemte
