Oromia Education Bureau
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Education Bureau, Health/Beauty, Robe.
26/08/2026
Bu'aa Boonsaa Barsiisotaafi Maatii Barattootaa.
BBO - Hagayya 20/2018 Cabiinsa Qulqullina Barnootaa Fayyisuuf Hojii Walitti Fufiinsaafi Kutannoo Hojjatameen Waggoota Shan keessatti fooyya'insi abdachiisaan mul'ateera.
Kanaafis, Barsiisotniifi Maatiin Barattootaa Gahee Leencaa Taphataniiru. !
Daandiin dheeran kan hafu ta'us, qindoomina hawaasaafi mootummaatin waggoota dhihootti keessaa bahuuf abdii guddaa qabna.
Walumaagalatti, Hawaasni Barnootaafi Qooda Fudhattootni Barnootaa Hunduu Fooyya'insa Galmaa'aa Jiruuf Gahee Keessaa Waan Qabdaniif Hundi Keessan Galata Qabdu - !
Ragaa Fooyya'insa Waggoota Shan Keessatti Mul'ate Giraafiin Dhiheessineerra.
22/08/2026
!
Firiin Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Ibsame.
BBO - Hagayya 16/2018 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Qabxii Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Ifoomse.
Haaluma kanaan, bara 2018, akka waliigalaatti barattoonni 550,201 qormaata Kutaa 12ffaa fudhatan.
Kanneen qormaata darban 70,544 (12.82%)
Oromiyaa keessatti, barattoota qormaata fudhatan keessaa 20,877 (10.53%) qormaata darbaniiru.
% dabarsan:
- Biyyaalessaa: 88
- Oromiyaa: 37
:
- Damee Barnootaa Saayinsii Uumamaa ( ): 591 – Mana Barnootaa irraa yoo ta'u,
- Damee Barnootaa Saayinsii Hawaasaa ( ) 576 – Mana Barnootaa Ifa Boruu irraa ta'uun beekameera.
Qabxii 'Remedial 'kan argatan ilaalchisee odeeffannoon bal’aan fuula dura ibsama.
ittiin Qabxii Ilaallattan Akkuma Gad-dhiifameen Isin Biraan Geenya!
12/08/2026
MBBAfi MBA Guyyaa 2 Qofatu Hafa;
Hagayya 20/2018 Ta'uunis Beekame.
---------
BBO - Hagayya 06/2018 Barattootni Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 Qabxii Olaanaa Gameessisuun Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultuu Addaa, Manneen Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Oromiyaa Galuuf fedhii qaban /2018 qofa ta'uu ibsuun keenya ni beekama.
Haaluma kanaan itti kennamu immoo /2018 Waan Ta'eef Giddu Gala Filattanitti Ganama Sa'aatii 1:30tti Argamuun Qormaata ' 'n /Kompitaraan(CBT) akka fudhattan isin beeksifna.
10/08/2026
Beeksisa
---------------
BBO - Hagayya 04/2018 Qacarrii Barsiisota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa ;
1)Gosoota Barnootaa Barsiisaniifi
2) Afaanota Biyya Alaa Barsiisaniif Ulaagaalee Qacarrii Guutan Hundaaf:
1- Gosoota Barnootaa:
1. English
2. History
3. Geography
4. Economics
5. ICT
6. Maths
7. Physics
8. Biology
9. C/Ship
10. A/Study
11. Physics Lab.
12. ICT Technician kan barsiisan yoo ta'u,
2) Barsiisota Afaan Biyya Alaa Barsiisan immoo:
1- Arabic Language
2.- French Language barsiisan qacaree Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa 7nitti ramaduu barbaada.
Kanaafuu, Barsiisotni fedhii qabdaniifi ulaagaa qacarrii guuttan galmaa'uu ni dandeessan.
Odeeffannoo Beeksisaa Guutuu Isaa Argachuuf .
Telegraamii:
https://t.me/oeb2020
08/08/2026
Liinkii Galmee:-
https://exam.oeb.gov.et/
07/08/2026
Galmee Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Addaa Sad. 2ffaa Dorgommiin Galuu Barbaadan Hundaaf
-------------
BBO - Hagayya 01/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Bara Barnootaa 2018 Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa fudhachuun qabxii olaanaa galmeessisuun gara kutaa 9ffaatti darbaniifi Adaa Sad. 2ffaa, Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa dorgommiin Seenanii barachuuf fedhii qaban hundaaf Adoolessa 29/2018 beeksisa baasuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan:
sirrachuu qaban yoo ta'an;
1) :- Iddoon Galmee ibsaman sunniin hin barbaachisan.
Kanaafuu, Galmeen Oonlaayiniin( )n Waan Gaggeeffamuuf barataan kamiyyuu bakkuma barbaade jiraatee(taa'ee) asii gadiitti fayyadamuun (Registration Number) kan kutaa 8ffaa ittiin qormtan galchuu, itti aansuun maqaa (Grandfather's Name) Galchuu, itti aansee filannoon isiniif dhufu immoo, bakka itti qoramuu barbaaddan/Giddu Gala Qormaataa/(Exam Center) yoo ta'u, bakka qoramuuf isinitti dhihaatu filachuun iyyachuu (Apply) gochuu ni dandeessu.
har'a (01/12/2018) Sa'aatii ammaa kanarraa kaasee hanga Hagayya 08/2018 qofa bakka jirtanitti Giddu Gala Itti Qoramtan ( )n filachuu galmaa'uu ni dandeessu
:
https://exam.oeb.gov.et/
2) : Fuuldura Murteessinee isin beeksifna.
05/08/2026
# # # # # # # #
BBO, Adoolessa 29/2018 Hoggantootni barnoota Godinaaleefi Bulchiinsa magaalotaa hundi barattoota kutaa 12ffaa xumuranii ulaagaa sartifikeetii barachuu barbaadan leenjii Kaadhimamtoota barsiisotaa Barnoota Bu'uura Boruu sadarkaa sartifikeetaan qofaan ganna ji'a hagayyaa irraa eegalee leenjisuuf qophiin Kolleejjii Barnootaa Barsiisotaa Kampaasii Yunv.Naannoo Oromiyaa (OSU)fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa (MBBA) waliin taasifamee waan jiruuf, guyyaan galmee Adoolessa 30/2018 - Hagayya 4/2018tti galmaa'anii, calalamanii, qoramanii, barattoonni darban gaafa 10/12/2018 irraa eegalee leenjiin kan eegalu ta'uu beektanii haala akka mijeessitan hubachiisaa, barattoonni ulaagaa guuttaniifi leenjitanii barsiisuuf fedhii qabdan KBB 13 qabnu hundarratti guyyaa armaan olitti taa'e keessatti deemtanii akka galmooftan hubachiisaa caasaan sadarkaa Godinaa/Bul.magaalaa hanga sadarkaa aanaa/kutaa magaalaatti jirtan beeksisni galmee guyyaa har'aa 29/11/2018 akka maxxansamu irra deebinee isin hubachiifna.
04/08/2026
Kitaabileen Wabiifi Meeshaaleen Ispoortii Manneen Barnootaaf Kenname.
---------
BBO- Adoolessa 28/2018 Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Beegiitti lammiilee biyya keessaafi biyya alaatiin kitaabilee wabiifi meeshaalee ispoortii oliin bitaman waajjira barnootaa aanaa Beegiitiif galii taasisaniiru.
Meeshaaleen barnootaa manneen barnootaaf kennaman kunniins;
- Kitaabilee Wabii 7500
- Kubbaa Miilaa - 150
- Kubbaa Saaphanaa -20
- Kubbaa Kachoo - 35
- Kubbaa Harkaa - 85
- Uffata Ispoortii - Lakk. 132fi kkf bakka bulchaan godinichaafi hoggansi barnootaa godinichaa argamanitti sirni walharkaa fuudhichaa gaggeeffameera.
Walumaagalatti, hojiin kenniinsa tajaajila lammummaa gana kana (2018) eegalame guyyaa labsamerraa jalqabee godinootaafi bul. Magaalotaa hunda keessatti haala ho'aan kan itti fufe ta'ee mul'ateera.
Qulqullina barnootaa naannoo keenyaa mirkaneessuuf lammiileen gahee lammummaa isaanii bahachaa jiran galateeffachaa kannee hinjalqabinis akka hirmaattan BBO'n irra deebi'uun waamicha dhiheesseera.
!
02/08/2026
Waggota Sadan Darban (2016 -2018) Bu'aan Barachuu Barattootaa Fooyya'aa Dhufe.
----------
BBO - Adoolessa 24/2018 Bu'aan Barachuu Barattootaa waggoota sadan darban keessa fooyyaa dhufuusaa qabxiin qormaata naannoo xumura barnoota Sad. 1ffaa kutaa 6ffaafi Xumura barnoota Sad. Giddu Galeessaa kutaa 8ffaa galmaa'e ragaa baheera.
Qormaatni naannoo xumura barnoota Sad. 1ffaa kutaa 6ffaa bara 2016 - 2018 kennamaa ture fooyya'insa bu'aa barachuu barattoota keenyaa agarsiisaa dhufeera.
Haaluma kanaan, barattootni qabxii qormaataa 50%fi ol galmeessisuun kutaa 6ffaa irraa gara kutaa 7ffaa darban;
barattootni 81.6%,
barattootni 85.6%fi
immoo barattootni 89.9% kan darban yoo ta'u, kunis kan bara 2017 kan bara 2016 irra fooyya'uun 4%n caalmaa kan agarsiise yoo ta'u, kan bara 2018tis kan bara 2017 caalun 4.3% fooya'aa dhufeera.
Haaluma walfakkaatuun, Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. G/G Kutaa 8ffaas waggoota sadan darban keessa dhawaata dhawaataan fooyya'aa dhufuun fooyya'insa bu'aa barachuu barattootaa mirkaneesseera.
Haaluma kanaan, barattootni kutaa 8ffaa bara walitti aanu sadi keessa qobxii darbiinsaa 50%fi ol galmeessisuun darban parsantiin dhihaateera.
2016 barattootni 73.11%
2017 barattootni 78.7%fi 2018 barattootni 86.4% kan darban ta'uun beekameera.
Walumaagalatti, haala qormaata darbuu barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa walitti fufiinsaan galmaa'aa jiruuf galatni guddaan kan barsiisotaafi hoggantoota manneen barnootaa yoo ta'u, hoggansa barnootaa sadarkaan jiru, maatiin barattootaafi Gumiin Tiraansifoormeeshinii Barnootaa(GTB) sadarkaan jiru barnootaaf xiyyeeffannoo kennuun deeggarsaafi hordoffii taasisaniin milkoofneerra.
Kanaafuu, BBO'n qaama abbaa/haadha milkii ta'an hunda galateeffateera. Galatoomaa!
31/07/2026
Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 Ibsame.
----------------
BBO - Adoolessa 24/2018 Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa Kutaa 6ffaa Bara 2018 Waxabajjii 08- 09/2018 kennamee tura har'a qabxiin barattootaa ifoomeera.
Qabxiin darbiinsaas 50%fi ol ta'uun murtaa'eera.
Qormaata kan fudhatan barattoota dhiira 267,307
dubara 249,902
:517,209 ta'an keessaa qabxii darbiinsaa (50%fi ol) galmeessisuun gara kutaa itti aanuutti kan darban dhiira - 243,827 (91.2%)
dubara -221,012 (88.4%)
- 464,839 (89.9%) ta'uun beekameera.
Haaluma kanaan qabxii ilaallachuuf asii gaditti dhihaate banuun;
Galmee keessan/Registration Number/ galchuun
aansuun Maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan ilaallachuu ni dandeessu.
Liinkii:- https://oromia6.ministry.et
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Robe
