Abuu Zubeyri

Abuu Zubeyri

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abuu Zubeyri, Health/Beauty, Made walebu, Robe.

Photos from Abuu Zubeyri's post 25/07/2026

Nama kana naaf galateeffadhaa🙏

Rashaad Abdulhaalim jedhama. Abbaa Alangaa Aanaa Dalloo Mannaati. Ganama kana akkuma poolisiin gocha hin malle harmee kanarratti raawwate seeraan akka gaafatamuuf miidiyaa hawaasaa irratti iyyata goone argee akka namoota tokko tokkoo waca miidiyaati jedhee tuffatee hin callisne. gocha Raawwatame kana qoratee dhugaa ta'uu erga adda baafateen booda baasii ofiitiin Dalloo Mannaa irraa ka'ee ganda Cirrii deemuun nama gocha kana raawwate akka to'atamu taasisee gaaffii hawaasa kanaa deebise. kana qofa miti. Harmee keenya osoo Live irratti gargaarsisaa jirruu Caasaan gandaa Harmee kanaa fi Gurbaa harmee kana gara Tiktokitti fide qabanii deemnaan dogoggora akka ta'e itti himuun harmeen kun gara waajjira isaanii deemanii jecha akka kennanii fi himanni akka jalqabamu taasiseera.

Wanti inni hojjate kun dirqama isaa fi hawaasa tajaajiluuf fudhate malee waan addaa akka hin taane wallaalee miti. garuu qaamoleen tokko tokko jiru. kanneen sagalee uummanni miidiyaarratti dhageessisuu fi iyyatu kana tuffatanii callisan, ykn immoo harka walirra qabanii bira darban. Namni kun garuu battalumatti deebii akka argatu gochuun, haala dhimmichi irra jiru nu hubachiisuun iftoomina isaa nutti agarsiisuu isaaf kabajatu malaaf. namoota Positive akkasii jajjabeessuun immoo dirqama. Warri Dalloo Mannaa nama kana jabeeffadhaa. Yakkoonnii fi gochoonni seeraan alaa gaafa raawwatamu yoo agartan eeruu kennuun, olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti Waan deeggaruu qabdaniin deeggaruun waliin hojjadhaa. warri kaan illee fakkeenyummaa isaa kana godhadhaa! Galatoomi kan akka kee nuuf haa baay'isu jenna!

Asumaanis Facebook isaa_Sabaa'if_ Qerranso jedhu kana _follow_ godhaa!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Robe?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Made Walebu
Robe