Keenboon haaji pages

Keenboon haaji pages

Share

Keenboon pages

25/07/2026

Bakka Adurreen injirretti Hantuutatu Jiga Baha!!

Photos from Keenboon haaji pages's post 10/05/2026

πŸ™ fi Dargagoo Magaala keenyatiif πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
Kufaatiidhaan eegala
Jalqabni milkaa'inaa
"Gufadheera" jettanii
Bakka sana-n taa'inaa!

Hurufa heddummaatti
Jireenyi biyya lafaa
Jabaan kufus ni ka'a
Dadhabaan achitti hafa!

Kaayyoo kamuu qabaadhu
Nama hojjatu yoo taate
Aarsaa male hin geessu
Galma qabattee kaate!

Kanaaf seenaan hayyootaa
Waan baayyee nu barsiisa
Kufanii ka'uu beekuuf~Albert Enistaayintu
Daandii nutti agarsiisa!

Abdii kutachuu dhiisee
Al torba kufee ka'ee
Xurree qaroominaarra
Kutannoo cimaan ga'e!

Fakkeenyati fudhattee
Ittiin galaana ceetu
Thomas Edson laali
Obsaaf kutannoo feetu

Ji'a sadii barate
Mana barumsaa galee
Waan gadadoos rakkinni
Lakkuu isarratti dhale,

Gidiraa biyya lafaa
Obsee garaatti baatee
Balbii har'a ibsannu
Tiriikaa aaddunyaaf laate!

Galmasaa hin hanqifne
Rakkinni isa hudhanii...
Irra deddeebiin yaalee
Yeroo kuma kudhanii,

Obsaan yaadee kalaqee
Dukkana ibsuuf maloota
Gumaacha guddaa kana
Kaa'ee darbe dhalootaa!

Abdii akkan kutanne
Gaafa kutatte abdii
Rakkoon si kuffisuutti
Ofumaaf kuftee cabdi!

Miti gaafa maramtee
Carqiin awwaala buutu
Gaafa hamileen kee du'e
Dhugaan kan ati duutu!

Kanaafuu.....

Karri tokko cufamu
Lamatu siif banama
Hireen abaarin ciiftee
Galgalaafi ganama

Jiruu biyya lafaatu
Qorumsadha obbolee
Hedduunis obsa dhabee
Abdii kutuun okkole!

Bakka kuftee ka'i
Laali bitaaf mirga
Daandiin biraa jira
Siif baadhatee silga,

Ati abdii akkan kunne
Dursii abdii kutadhu
Bakka har'a jirturraa
Fuulduratti butadhu

Kuftee achitti hin hafin
Ol ka'i ni dandeessaa
Hin dhaabbatin tiradhu
Gaaf-tokko galma geessa!

Walaloon keenboon Haaji Abdii

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Robe?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Baale Zone
Robe