Fuula Wal Barsiisa Aadaaf Duudhaa Oromoo

Fuula Wal Barsiisa Aadaaf Duudhaa Oromoo

Share

Ashamaa Harka fuune

11/08/2025

Crystal Palace can't stop winning trophies 🔥

11/08/2025

Crystal Palace won their first-ever major trophy by beating Man City in the FA Cup final in May

They’ve added another trophy to the cabinet three months later after beating Liverpool in the Community Shield 👏

23/01/2025
23/01/2025

Kana booda ajaja isin nutti laattaniin dhiiga keenya dhangalaasuu hin barbaannu, kun sagalee loltuu hundaati

Birgaader Jeneraal Kabbadee Raggaasaa haasaa Parlaamaa irratti taasiseen rakkoo biyyattii hundeen furuuf gadi ta'anii mari'achuun akka barbaachisu hime. Dubbiin kun tarii; Gaaga'ama waraanaa Itoophiyaa keessatti adeemaa jiru miseensota waraana mootummaa waan obsa fixachiise fakkaata. Haasaan takkaa taasifame hin beekne paarlamaa biyyattii irratti dubbatamuu isaa dhagaa'ame kun namoota danuun qoodame.

Loltuun kan paartii utuu hin taane kan biyyaa akka ta'uuf tarii ulaa banuu danda'a. Ulaa san saaquu baatus sammuu waraanaa jijjiiruuf gahee taphachuu mala jedhamee abdatame.

Qondaalli Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraal Kabbadee Raggaasaa namootni siyaasaa rakkoo keessan gadi ta'aa furadhaa jechuun dhaamsa dabarse. Sababa keessanitti ajaja isin irraa kennamuun raayyaan ittisa biyyaa aarsaa kaffalaa jiraateera. Sichi garuu aarsaa hin kaffallu. Rakkoo keessan furadhaa ergaa jedhu dabarse. Dubbiin kun kan isaa qofa osoo hin taane sagalee loltuu biyyattii hunda akka ta'etti dubbate.

Namni suuraan isaa miidiyaa hawwaasaan qoodamaa jiru kun dubbii isaan; Afaaniin qofaa itophiyaan hin deegamtu jechuun digamurraa hin baraaru jedhe. Rakkoo keessaan gadi taa'atii furadha.Kanaan boodaa bakka hundaatti dhiigni keenyaa dhangala'aa wareegamaa fi ummanni keenyaas goolaamaa itti hin fuftu.Raayyaan ittisa itoophiyaa waldhabdee Namootaa Siyaasaarran ajaja itti kennamuun gatii baasaa jiraate.

Waraanni mootummaa akka loltoota biyya biroottilammiilee isaan jaallatamaa akka hin jirre hime "Biyya Ormaa deemnee arginee jirra. Huccuu Waraanaa uffannee yeroo cinaasaa Darbinu Ummaanni Keenyaa Ija dalgaan/hamtuun nu ilaala. Amma duuti nu gaha." Jechuun BirgaaderJeneraal Kebbedee Raggaasaa haasaa taasise.

Akka fayyadamtoonni miidiyaa hawwaasaa wal harkaa fuudhanii deddeemsisaa jiranitti namni kun kaleessa Paarlaamaa irratti dubbate. Kun ammoo hanga biyyattii keessatti wanti deemu waraana dabalatee uummata nuffisiisuu isaa agarsiisa.

12/01/2025

Man United dump Arsenal out of the FA Cup on penalties at the Emirates 🤯🏆

03/10/2024

MAAL SI GOONE BISHOOFTUU?
(Walaloo kana bara 2016 G.C dhumaatii Irreechaa boodan barreesse. Har’a dhugaan isaanii dagatameera.)

Madaan jiru xiqqaannaan
Ammas madaa dhalchitee?
Ililleedhaan nu simtee
Boo'ichaan nu galchitee?
Maal si goone Bishooftuu
Maaf nutti taate burree?
Ati dur durii kaastee
Bakka nagayaa hin turree?
Gala malee hambiste
Warra galataaf yaa'e
Dhiigni lammiifi fira kee
Akkamiin siif sifaa'e?

Sin gaafadha Bishooftuu
Naaf deebisi dirqama
Eessa deeme eebbi kee
Inni jaarraa digdamaa?
Akkamiin nu galchitee
Dacheefi biyyoo kee gidduu
Lammii koo hin nyaadhu jettee
Afaan cufattee hin didduu?
Gammachuufi eebba malee
Hin beektu dhiiga agartee
Har'a maaltu hammaannaan
Seenaa darbe dagattee?
Maaliif nu boossistaree
Atis akka alagaatti?
Namni yoo garaa jabaate
Laftis garaa jabaattii?

Onkolooleessa 03, 2016 G.C
Yaadannoo uummata keenya Irreecha Bishooftuurratti wareegamaniif!

Waaqayyo nagaan nu baasee nagaan nu haa galchu! Hamaafi gadda nu haa oolchu!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Sebeta?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Furi
Sebeta