Dinaol Tiku

Dinaol Tiku

Share

Get health advice

15/01/2026
12/11/2025

OF-EEGGANNOO! 🚨🚨🚨

Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbaane Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mudatuu ibsee jira.

Dhukkubichis mallattoolee akka hoo’a qaamaa, qola ijaa diimessuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funyaanii fi qaama biraatii dhangala’uu fa’a qaba.

Akka ogeeyyonni Hospitaala Jinkaa himanitti: torbee kana namoonni shan dhukkubichaan qabamanii lubbuun isaanii dabartee jirti. Isaan lubbuu dhaban keessaa lama ogeeyyota fayyaa (doktara tokkoo fi narsii tokkoo) kan dhukkubsattoota waldhaanaa turaniidha. Kun ammoo dhukkubichi nama irraa namatti haalaan daddarbaa ta’uu isaatiifi kan yeroo gabaabaa keessatti lubbuu galaafatu ta’uu agarsiisa.

22/08/2025

SAAYINASII (Sinusitis)
Saayinasiin qaama keenya, saayinasaayitis (sinusitis) ykn kulkula sayiinasii kan jennu ammoo dhukkuba.
************************
Saaynasiin baayyinaan afur kan ta'an qaamota keessi isaanii qullaa (duwwaa) qilleensaan guutame jiru, kan lafee naannoo funyaanii jiran keessatti argamanidha.
****************************
Qaamonni kun yeroo fayyaa isaanii qiilleensaan guutamanii haa jiraatan malee yeroo tokko tokko: dhangala'aa hin barbaachifneen, baakteriyaadhaan, vaayirasiin akkasumas seelota qaamaa bakka sanatti hin barbaachifneen fi kan biroon illee ni dhuunfatamu. Yeroo kana kan sinusitis ykn kulkula sinusii jennu.
***************************
Allergic sinusitis kan jennu, kan yeroo baay'ee namni barteedhaan 'saayinasii' jedhee waamu, sababa alerjiin yoo saayinasiin keenya kulkulu jechuudha. Saayinasiin kun akkuma dhukkuba asmii yeroo darbe ibsee waantoota alaa itti dhufan loluudhaan kan namatti dhufudha. Akkuma asmii dhukkubni kun waantoota akka qilleensa qorraa, qilleensa gogaa, dhukkee, foolii daraaraa garagaraa, fi kkf. dhufuu namatti ka'uu danda'a. Dhukkubni kun mallattoowwan akka mataa dhukkubsuu, funyaan cufuu, fuula dhukkubsuu, haxxifachiisuu, qufaasisuu fi kkf argisiisa.
Yaala isaa ilaalchisee akkuma dhukkuba asmii waantoota dhukkuba kana nutti kaachisan irraa fagaachuun furmaata isa duraa ta'ee osoo jiruu, yeroo tokko dhukkuba alarjii kana irratti baakteeriyaan garaagaraa dabalamuun qaama sinus jedhamu kanatti seenuu waan danda'aniif, keessumaa ho'iinsi qaamaa (fever) yoo qabaatan, mana yaalaa deemanii ilaalanii adda baafachuun gaariidha. Baakteriyaan qaama sinus jedhamu kana keessa seenee, yeroo dheeraaf osoo hin yaalamiin yoo turan ammoo rakkoo biraa irra nu buusu mala. Fakkeenyaaf sinusiin sammuu cinaatti waa argamuun achumaan baakteriyaan gara sammuutti seenuun infekshinii sammuu (meningitis) illee fiduu danda'a. Kun keessumaa namoota dhukkuba biroo akka dhukkuba HIV/AIDS fi dhukkuba sukkaaraa qaban mudachuu waan maluuf of eeggach

Photos from Dinaol Tiku's post 07/05/2025

Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 Fudhatan Hundaaf
------------------
BBO- Ebla 30/2017 Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 fudhataniif Sagantaan Tutorialii Gosa Barnootaa Hundarratti, Boqonnaawwan filataman irratti barsiisota filatamoo ta'aniin haala Qormaata biyyoolessaatiif barattoota qopheessuu danda'uun Ministeerri Barnootaa Viidiyoon Qopheessee dhiheessee jira.
Kanaafuu, Barattootni keenya sagantaa Tutooriyaalii Ministeerri Barnootaa barattoota qormaataaf qopheessuuf dhiheesse kana Liinkii asii gaditti dhihaate kanatti kanatti fayyadamuun, kompitaraan, bilbila harkaa/Android/Smart ta'an irratti barachuu ni dandeessu.
Barsiisotni, Hawaasni Barnootaafi Maatii Barattootaa Barattoota keenyaa deeggarsa akka gootan dhaamsa keenya dabarsina.
Liinkii: https://examinfo.moe.gov.et/guides

Erga seentanii booda, Mata Duree: ' jedhu filachuun
'search' jedhu irratti kutaa hordofuu barbaaddan barreessaa!
"All Su" ykn 'All Subject' jedhu keessa galuun Gosa Barnoota Barbaaddanii filadhaa! yoo dhufe, maqaa gosa barnootaa viidiyoorra jiru cuqaasaa(click) godhaa!
Tutooriyaalii(Sagantaa Cimsaa) barsiisota ciccimoon Viidiyoon isimiif dhihaatu hordofaa! jiru hordofuun of qopheessaa!

Maddi: BBO

05/04/2025

(Varicose Vein)
=======

የቫሪኮስ ቬይን የሚባለው የደም ስር (ደም መላሽ) ሲወጣጠርና ሲያብጥ ነው። እነዚህ የደም ስሮች ሲወጣጠሩ የተጠላለፈና ያበጠ መልኩም ወደ ሰማያዊ ያደላ ሆኖ በምስሉ እንደምትመለከቱት ይመስላል።

ይህ ችግር የሚከሰተው ቫልቭ የተባሉ የደም ስሮች አካል የሆኑ ነገሮች ችግር በመሆኑ ደም ወደፊት መሄድ ሲገባው ወደኋላ ሲመለስ ወይም ሲጠራቀም ነው።

☑️ የቫሪኮስ ቬይን ችግር 23 ከመቶ (23%) ያህሉን ሰው የሚያጠቃ ሲሆን ቀጥሎ የተዘረዘሩት ምክንያቶች በዋናነት ለችግሩ መነሻነት ይጠቀሳሉ፤

💎 እርግዝና:- ይህም የሚሆነው ፅንስ ከታቻ ወደላይ ደም የሚመልሱ የደም ስሮችን ስለሚጫን ነው። የደም መጠን መጨመርና የሆርሞን ሁኔታም አስተዋጽኦ ያደርጋሉ።
💎 ከመጠን ያለፈ ውፍረት:- ተጨማሪ ጫናን ስለሚፈጥር ነው።
💎 በቤተሰብ መኖር:- ይህም የመከሰት እድሉን ከፍ ያደርጋል።
💎 እድሜ:- እድሜ ሰገፋ የደም ስሮችም የመላሸቅ እድላቸው ከፍ ይላል።
💎 ሴትነት:- ይህ ከሆርምን ጋር ይያያዛል። የቫሪኮስ በሽታ በብዛት በሴቶች ይከሰታል።
💎 ለረጅም ጊዜ መቀመጥ ወይም መቆም:- ይህ ደም እንደልብ እንዳይጓዝ በማድረግ ነው።

☑️ የቫሪኮስ ቬን ችግር በአግባቡ ካልታከሙት የሚከተሉትን ችግሮች ያስከትላል፤

1. የሚያመረቅዝ ቁስለት:- በተለይ ለረጅም ጊዜ ከቆየ ቁርጭምጭሚት አካባቢ ህመም ያለው ቁስለት ያስከትላል።

2. የደም መርጋት:- ይህም የውስጥ የደም መላሽ የደም ስሮች ሲጎዱ ይከሰታል።

3. መድማት:- ይህም የወጣጠሩ የደም ስሮች ሲፈነዱ ይከሰታል።

☑️ መከላከያ መንገዶች

🦋 ስፖርት መስራት
🦋 ክብደት መቀነስ (ለወፍራሞች)
🦋 ጨው መቀነስ
🦋 በፋብሪካ ያልተቀነባበሩ ምግቦችን መመገብ/ማብዛት
🦋 ከፍ ያለ ጫማ አለማድረግ
🦋 እግሮችን ከፍ ማድረግ
🦋 ለረጅም ጊዜ አለመቆም ወይም አለመቀጥ

☑️ ምርመራዎች

1. የዶፕለር አልትራሳውንድ
2. ሌሎችም እንደአስፈላጊነቱ

☑️ የህክምና አማራጮች

🍀ከላይ የተዘረዘሩትን መከላከያዎች መተግበር
🍀ታይት መልቀስ
🍀ኢላስቲክ ባንዴጅ ማድረግ
🍀መድኃኒት መወጋት
🍀የጨረር ህክምና
🍀ኦፕራሲዮን መደረግ

Photos from Dinaol Tiku's post 31/01/2025

Type of transfusion reactions

01/01/2025

Waa’ee Utaalloo Tibbanaa

Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)- Dhibeen utaalloo uumamaan kutaalee hargansuu kanneen akka funyaan, qoonqoo fi ujummoo qilleensaa kan miidhuu fi dhibee namarraa namatti daddarbuudha.

“Vaayirasiin Riinoo” utaalloon akka uumamuuf sababa yoo ta’u, vaayrasiiwwan ‘Koronaa’, ‘Infiluweenzaa’, ‘Paaraa Infiluweenzaa’, ‘RSV’n ammoo utaalloo fi dhukkuboonni walfakkaatan biroon akka uumamaniif sababa ta’uutu ibsama.

Vaayirasiiwwan kanneen keessaa ‘Riinoo Vaayirasiin’ %50 utaloon umamuuf gumaacha akka qabu eerameera.

Haalaa qilleensaa jiidhinaa qabuu fi gogaa ta’e tishuu funyaan keessaa waan gogsuuf dhibeen utaalloo fi hammi namaa namatti daddarbuu akka dabalu qorannoowwan damicharratti gaggeeffamaan ni mul’isu.

Waqtiin Gannaa yookaan yeroon roobaa xumuramuu hordofee baatiiwwan Fulbaanaa, Onkololeessa fi Sadaasaa dhibeen akka utaalloo fakkaatu kan mul’ataniidha.

Dhibechi namni vaayirachaan qabame, wayita qufa’uu yookaan haxxiffatu kan daddarbu yoo ta’u, qabannoo balbalaa, teessumaa vaayirasichi irraa qubate yookaan wantoota harki dhukkubsataa tuqe erga qabataniin booda afaanii fi funyaan yoo tuttuqan daddarbuu vaayirasichaaf haala mijataa ta’uu ragaan Hospitaalaa Phaawuloos irraa argame ni mul’isa.

Dhibeen utaalloo yoo xiqqaate hanga torbee lamaatti kan namarra turu ta’uu fi mallattooleen argisiisuus dhangala’aan funyaanii baay’achuu, qufaa, hoo’a qaamaa, mataa dhukkubbii fi qoonqoo keessa nyanyaachuu, haxxiffannaa, ija hooqsisuu fi diimachuu, ol guuruu, harganuu dadhabuu, dadhabbii olaanaa fi fedhiin nyaataa hir’achuu fa’aan kanneen eeramaniidha.

Eeggannoo barbaachisaan yoo hintaasifamne carraan babal’achuu dhibechaa dabaluu akka danda’uu, keessumaa daa’immaanii fi maanguddoonni adda durummaan dhibechaaf kan saaxilaman ta’uun ibsameera.

Dhibeewwan akka michii sombaa, sukkaara, kaansarii fi dhibamtoonni dhibee bubbulaan qaban eeggannoo olaanaa taasisuu akka qaban, yoo hammaate gara dhaabbilee fayyaa deemuun qorannoo dhibee barbaachisaa taasisuu

29/08/2024

Ameebaan Dhukkuba Mar’imaanii Qofa Miti

Dhukkubni Ameebaa orgaanizimii pirotoozowaa “Entemoeba histolytica” jedhamuun kan nama qabuudha.

Ameebaan adda durummaan dhukkuba mar'imaanii ta'ullee, darbee darbee tiruu, somba, sammuu fi qaama biraallee hubuu danda'a.

Dhukkubni kun dhukkuboota orgaanizimii pirotozowaa jedhamaniin dhufan keessaa dhukkuba Busaatti aanee dhukkuba lubbuu nama hedduu galaafachuun sadarkaa 2ffaa irratti argamuudha.

EENYU FA'ATU CAALATTI SAAXILAMAA?

* Daa'imman

* Namoota umriin raagan

* Namoota qoricha, dandeettii madinummaa hir'isan (corticosteroids) fayyadaman

* Namoota dhukkuba dandeettii dhibee ittisuu qaama keenyaa miidhaan fknf HIV, kaanserii fa'a qaban.

AKKAMITTI DADDARBAA?

Dhukkubni kun kan daddarbuu sababa qulqullina dhuunfaas ta'ee naannoo keenyaa yoo sirriitti eeguu baannedha.

Kunis, namni naannoo keenyaa dhukkuba kanaan qabame tokko bobbaa mana fincaaniin alatti yoo boobba'e, bobbaa san kallattiinis ta'e kallattin ala (fakkeenyaaf: bishaan, nyaataaf itti fayyadamnutti yoo makame, bishaan bobbaa kanaan faalameen kuduraa fi muduraa garaagaraa miicinee yoo nyaanne) gara qaama namaa yommuu seenudha.

MALLATTOOLEE

Dhukkubni kun harka caalaa (%90 ol) mallattoo homaa agarsiisuu dhiisuu danda'a, akkasumas xaxaalee garagaraa fiduun mallattoolee hamoo ta'aniis fidun hanga lubbuu dabarsuu gahuu danda'a.

Dhibbaantaa 10’n hafan keessaa immoo, dhibeen kun yeroo hedduu mar'umaan waan miidhuuf mallattoo akka:-

* Baasaa/garaa kaasaa dhiiga makate

* Baasaa wanta akka furrii fakkaatu makate

* Dhukkubbii garaa handhuuraa gadii

* Fedhii nyaataa dhabuu

* Ulfaatinni hir'achuu

* Darbee darbee hoo'i qaamaa dabaluu fa'a

ITTISAA FI WAL'AANSA

* Mana fincaanii fayyadamuu

* Qulqullina dhunfaas ta'e naannoo keenyaa sirriitti eeggachuu

* Bishaan qulqullina qabu yookaan danfisuun dhuguu

* Namni dhukkuba kana qabu naannoo yookaan maatii keessa yoo jiraate yaalchisuu

* Kuduraa fi muduraa yoo nyaannuu dheedhii nyaachuu dhiisuu yookaann sirriitti qulqulleesinee nyaachuu fi kkf

Yaalli isaa mana yaalaa deemun qorichoota garagaraa nuuf keennamuu hanga baqaqsanii wal’aanuu gahuu danda'aa (yoo xaxaaleen uumaaman).

Qorichoota nuuf kennaman haalaan fudhachuu qabnaa.

RAKKOOLEE WALXAXAA MUDACHUU DANDA’AN

* Uumamuu malaa tiruu

* Urachuu mar'imaanii

* Sammuu Seenuu

* Tarsa'uu malaa tiruu fi kkf

Madda: Hospitaala K/I/Yuunivarsiitii Wallaggaa

20/06/2024

Nyaata akkuma nyaanneen wantoota raawwachuu hin qabne!
===================================
🌱Shaayii dhuguu hin qabnu.
Akkuma nyaata nyaanneen Shaayii yoo dhugne albuudni ayiranii jedhamu kan nyaata keessatti argamuu kan dhiiga diimaa oomishuu keessatti gahee qabuu fi pirootinoonni tokko tokko akka isaan mar'ummaan keessaa xuuxamanii dhiigatti dabalamuun qaama keenyaaf hin oolle godha.
🌱Qaama keessan hin dhiqatinaa(shaworii hin galinaa) :
Nyaatin nuti nyaannu garaachaaf keessatti akka bullaahuuf mar'ummaan keessatti akka xuuxamuuf dhiiga barbaada. Nyaata akkuma nyaanneen qaama keenya yoo dhiqanne dhiigni gara miilla keenyaa fi harka keenyaati baayinaan waan deemuuf nyaatni nuti nyaannu akka seeraan hin bulloofnef hin xuuxamne godha.
🌱Hirriba hin rafinaa
Akkuma nyaata nyaanneen yoo rafne inzaayimoonni nyaata bulleessan kan garaacha keessatti argaman yeroo ciisnu gara naannoo qoonqoo keenyaa dhufuun akka qoonqoon keenyaaf naannoo laphee keenyaa(singiggoo) nu gubu taasisa.
🌱 kuduraaf muduraa hin sooratinaa
Akkuma nyaata nyaanneen muduraawwan akka maangoo, papaya, burtukaana, muuzaa fi kkf yoo nyaannu nyaatni nuti nyaannu akka eegamutti akka hin bulloofne godha. Kanaaf nyaata dura sahaatii 1 ykn nyaata booda sahaatii 2 booda nyaachuun filatamaadha.
🌱Deemsa deemuu dhiisuu
🌱Tamboo aarsuu dhiisuu
Qorannoon akka mirkaneessutti akkuma nyaata soorataniin tamboo aarsuun sadarkaa carraa kaansariin qabamuu nii dabala. Nyaata booda qofa osoo hin taane guutummaatti tamboo xuuxuu dhiisuun filatamaadha.
dabalataan yeroo nyaata nyaannu
🍀seeraan teenyee nyaachuu qabna.
🍀suuta jennee nyaachuu qabna
🍀humnaan ala nyaachuu dhiisuu
🍀nyaata booda daqiiqaa 30f boqochuu qabna
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Shambu?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


No
Shambu