Ibsaa shamsudin
ibsaa
Utubaalee (Arkaana) Salaataa
Arkaana salaataa jechuun hojiilee salaata keessaa jajjabeeffamtuu tan hafuu hin taane jechuudha. isaanis kudha afreen kana.
1. Dhaabbachuu dandeeyiin wajjii.
2. Takbiiraa hidhannaa.
3. Faatihaa qara’uu.
4. Rukuu’a.
5. Irraa ol jechuu (Rukuu’arraa).
6. Dhaabbatanii waa xiqqo turuu rukuu’a booda.
7. Sujuuda godhuu human qaamaa torbarratti.
8. Sujuuda lameen jidduu taa’uu.
9. Tashahuda boodaa qara’uu.
10. Tashahuda boodaatiif taa’uu.
11. Salaata nabiyyirratti (s.a.w) buusuu tashahuda boodaa kana keessatti.
12. Salaamtaa baafachuu dhumarratti.
13. Hunda keessatti xuma’iniinaa godhanii jarjarsuu dhabuu.
14. Tartiibaan oofuu.
Walaloo Arkaana salaataa.
Kudhanii afurii arkaanni salaataa.
Hundi nama baruuf qophaaye fakkataa.
Tanduraa dandeenyaan ol ka’ee dhaabbataa.
Lammeysaan takbiirtaa hidhannaa salaataa.
Sadeysaan suuratul faatihaa qaraataa.
Afreysaan rukuu’a duuydaan gadi jattee.
Harks kee lameniin jilba kee qabattee.
Shaneysaan ol jachuu sujuunnii jaheysaa.
Human 7tti inni moo dhageysaa.
Qubbeen miilaa jilbaa shanacha harkaatii.
funyaaniif addasaa walitti qindeyseetii.
Irraa oljechuufii taa’uu mijjeyfataa.
Xumaaniinaa godhuu dhiistee jarjarfataa.
Gurbaan sahaabaadhaa kan salaataa guysee.
Kallaad ibnu raafi’i maqaansaa dhageysee.
Masgiida ol seenee salaatee jarjarsee.
Nabitti (s.a.w) asgoree salaamtaan dubbisee.
Jedheen nabiin salaamtaa irratti deebisee.
Sirreeysi yaa gurbaa salaata balleysee.
Ammas nisalaate sanuma fakkeysee.
Erga yeroo hedduu akka deddeebisee.
Ufbira teysisee salaataa barsiisee.
Izaa qumta ila ssalaatirraa kaasee.
Hattaa taxma’innaa irradeddeebisee.
Hadiisa sahiihaan oduun nugeysee.
Abbaa hureyraa irraa muslim nuuf odeeyse.
Tuunis teysoo boodaati attahiyyaaataa.
Isakana ammoo teyseeti qaraataa.
Dhuma isaarrattis ni buufta salaataa.
Nabii keenyarratti caalaa anbiyootaa.
Mirgaa bitaa laaltee salaamtaa baafattaa.
Akka himametti tartiibaan oofattaa.
Walaloo waan salaata ballessaa tiifii waan salaata keessatti dhoowwame.
Qalbii as deebisaa gurra naaf liqeysaa.
Isiniif himaa waan salaata balleysaa.
Nyaachuu dhuguu kofluu haasawuufii deemsaa.
Wuduu’a balleysuuf saaqamuu owraan saa.
Qiblarra deebi’uuf tuqamuu najisaan.
Ammas wan dhoowame yero salaata keysaa.
Samii ol laaluufii qabachuu kaleesaa.
Bitaaf mirga laaluu kunis mil’atiinsaa.
Sheyxaanaatu butee miidhe salaataa saa.
Xumaaniinaa dhiisee salaataa jarjarsaa.
Irrahamaa hattuu hate salaata saa.
Fincaanii fii udaan ufitti ittisaa.
Qalbiidhaan kajeelaa qopheysee nyaata saa.
Kun hunduu dhoowwamee irraa uf sirreysaa.
Suraa adda addaa waan nama waswaasaa.
Dhoowwameeti jiraa firraa dhbamsiisaa.
Keysaawuu gaa ammoo kan lubbuqabeysaa.
Malaykaa rahmataas manarraa fageysaa.
Nabiin lolee kaasee fooxaa warreetiisaa.
Hundaawu eeggadhaa salaata sirreysaa.
Salaata eeggadhaa dhaamsa obboleysaa.
Taymuuma (Biyyeen Xahaarachuu)
Namni tokko yoo bishaan dhabe, yookaan dhukkubsatee bishaaniin wuduu’a godhachuu dadhabe akkamitti salaata? Deebisaan biyyeen fayyadama. kanarratti Rabbiin s.w. akkana jedha.
وَإِن كُنتُم مَّرْضَىٰ أَوْ عَلَىٰ سَفَرٍ أَوْ جَاءَ أَحَدٌ مِّنكُم مِّنَ الْغَائِطِ أَوْ لَامَسْتُمُ النِّسَاءَ فَلَمْ تَجِدُوا مَاءً فَتَيَمَّمُوا صَعِيدًا طَيِّبًا فَامْسَحُوا بِوُجُوهِكُمْ وَأَيْدِيكُم مِّنْهُ ۚ مَا يُرِيدُ اللَّهُ لِيَجْعَلَ عَلَيْكُم مِّنْ حَرَجٍ وَلَٰكِن يُرِيدُ لِيُطَهِّرَكُمْ وَلِيُتِمَّ نِعْمَتَهُ عَلَيْكُمْ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ
“yoo dhukkubsatoo taatan yookaa deemsarra jiraattanii bishaan dhabdan biyyee qulqulluutti Laalladhaa, fuulleen keysaniifii harkowwan keysaniin haxaawaa.”
Akkaataa Taymuumaa
Biyyee qulqulluu harka lameeniin dhawata.
Fuula isaarra haxaawa, harka lameenis hanguma shanachaa (ganaa) haxaawa.
Sanbooda ka'eetuma salaatuudha.
Hubadhaa: wuduu’aafis tahee dhiqannaa qaamaatiifis kanumaatu gaya.
Zikriiwwan Salaata Boodaa
1. Astagfirullaah” yogguu 3 jedha.
يستغفر الله ثالثا ويقول: »اللهم أنت السالم ومنك السالم تباركت يا ذا اجلالل واإلكرام، ال إله إال الله وحده ال شريك له، له امللك وله احلمد وهو على كل شيء قدير، ال حول وال قوة إال بالله، اللهم ال مانع ملا أعطيت وال معطي ملا منعت وال ينفع ذا اجلد منك اجلد، ال إله إال الله وال نعبد إال إياه له النعمة وله الفضل وله الثناء احلسن، ال إله إال الله مخلصني له الدين ولو كره الكافرون
“Allaahumma anta ssalaam wa minka ssalaam tabaarakta yaa zaljalaali walikraam. laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahu, lahulmulku walahul hamdu wahuwa alaa kulli shay’in qadiir.laa hawla wa laa quwwata illaa billaah. Allaahumma laa maani’a limaa a’ixeyta, walaa mu’ixiya limaa mana’ita walaa yanfau zaljaddi minkal jaddu. Laa ilaaha illallaahu walaa na’ibudu illaa iyyaahu, lahunni’imaa walahul fadlu walahussanaaul hasan, Laa ilaaha illallaahu muklisiina lahuddiina wallow karihal kaafiruun.”
2. ittiin aansee ni jedha.
يسبح الله ثالثا وثالثني ويحمده مثل ذلك ويكبره مثل ذلك ويقول متام املائة ال الله إال الله وحده ال شريك له له امللك وله احلمد وهو على كل شيء قدير
subhaanallaah yoggu soddomii sadihi. Walhamdulillaah soddomiif sadih, wallaahu akbar soddomii sadih, guutuu dhibbaa - “laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku wa lahul hamdu wa huwa alaa kulli shay’in qadiir-.” jedha.
3. Ittiin aansee
يقرأ أية الكرسي وقل هو الله أحد، وقل أعوذ برب الفلق وقل أعوذ برب الناس بعد كل صالة، ويستحب تكرار هذه السور الثالث، ثالث مرات بعد . صالة الفجر وصالة املغرب لورود األحاديث بها عن النبي صل الله عليه وسلم
Aayatulkursiyyii qara’a. qul huwallaahu ahad fi qul auuzuu lameen qara’a, Salaata magriibaa fi fajrii booda suuraalee sadeen kana yoggu sadi sadi irra deddeebi’a. hadiisaaaatu nabii keenyarraa akkanatti dhufe waan taheef.
05/09/2022
Alerts
Be the first to know and let us send you an email when Ibsaa shamsudin posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.
Subscribe
We will notify you when anything happens in Bargaon.